Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Coca-Cola'n nageenya oomishasaatiin walqabatee dhugaatiisaa gabaarraa deebisuuf
Dhugaatiin Kookaa Kollaa (Coca-Cola) sababa keemikaala Kilooreet jedhamu ''baayinaan'' of keessaa qabuuf biyyoota Awurooppaa muraasa keessatti gara dhaabbatichatti deebifamuuf.
Dhaabbatichi ibsa baaseen oomisha isaa sassaabuuf kan gaafate biyyoota akka Beeljiyeem, Lagzenbarg fi Nezerlaandirratti akka xiyyeefate beeksise.
Oomishi dhaabbatichaa shan Biriteenitti ergamee gurgurameera.
Oomishi Kokaa, Fantaa, Ispiraayitii Tiroopikoo fi 'Minute Maid' sababa kanaan miidhameera jedhe Dhaabbannii Kookaa Kollaa damee Beeljiyeem.
Kilooretiin wayita keemikaalli farra jarmii kiloorinii of keessaa qaban bishaan qulqulleessuu fi soorata tursiisuuf oola.
''Xiinxaltoonni walabaa akka jedhanitti, miidhaan Kilooretii amoota oomisha Kookaatti gargaaramiirra gahu malu xiqqaadha,'' jechuun Dubbi-himaan dhaabbatichaa BBC'tti hime.
Kookaa Koollaan Biriteen keessatti komii fayyadamtootaarraa dhiyaatu tokkollee akka hin argine, akkasumas ''dhimma kana aanga'oota biiyyattiitti himuu fi qondaalota waliin qindoominaan hojjachuu ittinfufa'' jedhe.
Dhaabbatichi itti dabaluudhaan dhimmi kun "qaruuraa biyya alaatii galfamu baay'ee xiqqaa" Appletiser, Coca-Cola Original Taste, Coca-Cola Zero Sugar, Diet Coke fi Sprite Zero miidhuu ibseera.
Ejensii Istaandardii Nyaataarraa Aanni Giravet namni jedhamtu dhimmicha qoratamaa jiraachuu dubbatte.
"Soorata nageenyummaansaa yaaddoo uumu kamiyyuu yoo adda baasne, akka fayidaaf hin oolle mirkaneessuun fi fayyadamtoota akeekkachiisna," jechuun dubbatte.
Kilooreetiif baay'inaan saaxilamuun rakkoo taayirooyidii dabalatee rakkoolee fayyaa fiduu danda'a, keessumaa daa'imman reefu dhalatterratti.
Dhaabbanni tajaajila fayyaa UK-NHS fi ogeessi dhimma soorataa Kaaroon Giraazeet BBC'tti akka himanitti: "Kemikaalota dhugaatii lallaafaa oomisha riccitii fi farra jarmii oomishuuf gargaaran keessatti argaman ni bulleessun nu barbaachisaa gaaffii jedhu dhiyeessu barbaanna " jedhan.
Kilooreetii yoo baay'inaan fudhatame ol nama guuruu, garaa kaasaa, garaachaa fi dandeettii dhiigni oksijiinii xuuxuu daangessuu akka malu Aadde Giraazeet qorannoo dhiheenya kana keemikaala kanarratti gaggeeffame wabeeffachuun himaniiru.
Kilooreetii ol'aanaa kan argame bakka oomishaa dhaabbatichaa Beeljiyeem magaalaa Geent keessatti argamutti qorannoo gaggeeffameen ta'uu dubbi himaan dhaabbatichaa maqaan hin ibsamne dhaabbata oduu AFPtti himan.