Daangaa UK to'achuuf humna waraanaa fayyadami jechuun Tiraamp MM UK'f yaada kennan

Madda suuraa, EPA
Tiraampi muuxannoo godaantonni akka US hin galle fayyadaman ministrira muummee UK'f qoodan. Daangaa irratti godaantonni akka biyya keessan hin galleef humna waraanaa bobbaasuu dandeessa jedhan.
Daawwannaaf UK kan jiran Doonaald Tiraamp, Istaarmer wlaiin dhimma godaantotaa irratti mari'anneerra jedhan.
Godaantonni Ameerikaa akka hin galleef imaammata fayyadamu kaasuun UKnis akkuma keenya rakkoo godaantonni daangaa cabsuun seenuu qabdi jedhan.
Bidiruu xixiqqaa fayyadamuun karaa hulaa galaana Ingilish Chaanel jedhamtuu UK galu.
"Namoonni gara biyyakee dhufan jiru. Ministirri muummee kana dhaabuu danda'u. Humna waraanaas yoo fayyadamte homaa miti, kana dhaabuuf waan barbaadde yoo fayyadamte homaa miti,'' jedhe Tiraamp.
Gaaffii fi deebii Fox News waliin taasise irratti Tiraamp, Sir Kiir Istaarmer, godaantota irratti ''ejjennoo cimaa'' qabaachuu qaba. Waan kun ''isa miidhaa jira'' jedhe.
''Godaansi seeraan alaa keessoo biyya keenyaa akka malee miidhaa jira. Amma namoota gara biyya keenyaa dhufan baasaa jirra jedhan.
Tiraamp erga gara aangootti deebi'ee namoota seeraan ala Ameerikaa galan jedhe deebisee baasuu irratti cimsee hojjechaa jira.
Akkasumas namoota seeraan ala daangaa cehan jedhan to'achuuf humna waraanaas fayyadamuun eegsisaa turan.
Gaggeessitoonni lameen gaazexeesitoota Ameerikaa fi UK'dhaan dhimmoota akka mirga abbaa biyyummaa Filisxeem, mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu, waraana Yuukireen keessaa fi aannisaa irratti gaaafatamanii deebii kennaniiru.
Gaggeesitoonni lameen ''hariiroo addaa'' UK fi USA waliin qabu jedhan. Waliigaltee teeknoloojii biyyoonni lameen AI [Hubannoo nam-tolchee] addunyaa ''to'atan'' wlaii mallatteessaniiru.
Akkaataa waliigaltee kanaatti dhaabbileen teeknoloojii US, UK keessatti akka hojjetan isaan gargaara.
Tiraampii fi Istaarmer himata isaan irratti dhimma mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu balaa irra buusuu irratti gaafatamaniiru.
Kiir Istaarmer UKtti ambaasadara Ameerikaa Piiter Mandelsan biyyichaa baasaniiru.
Tiraamp waa'ee amabaasadara US kanaa yoo gaafataman akaks jedhan.
''Dhugaa dubbachuuf ani isayyuu hin beeku.'' jedhe.












