Haati warraa Pirezidantii Faransaay ragaa dubartii ta'uusaanii mirkaneessu mana murtii Ameerikaaf dhiheessuuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon fi haati warraa isaanii Biriijiir Maakroon ragaa suuraa fi saayinsaawaa ta'e kan giifti dureen Faransaay dubartii ta'uu mirkaneessu mana murtii Ameerikaaf dhiheessuuf jedhu.
Pirezidantiin Faransaay fi haati warraa isaanii ragaalee kanneen kan dhiheessaniif nama siyaasa gara mirgaatti (duudhaa ganamaatti) cichituu fi dhiibbaa uumuun beekamtu Kaandaas Ooweenis jedhamtuuf deebii ga'aa kennuuf ta'uu abukaatoonsaanii ibsaniiru.
Dubartiin kun Biriijiit Maakroon wayita dhalatan dhiira turan jechuun odeeffannoo tamsaaste.
Pirezidanti Maakroon fi haati warraa isaanii odeeffannoo tamsa'e maqa balleessiidha jechuun himata bananiiru.
Abukaatoo giifti duree Biriijiit Maakroon kan ta'an Toom Kileer BBCtti akka himanitti, maqa balleessiin raawwatame kun ''baayyee kan nama muafchiisu'' fi pirezidanticharratti dhiibbaa uumuudha.
Pirezidantichi fi haati warraasaanii suuraa yeroo giifti dureen ulfa taatee jirtuu fi ijoollee dhalanii guddisaa jiran agarsiisu dhiheessuu ilaalchisee kan gaafataman abukaatoon kun, suuraaleen akka jiranii fi mana murtiittis dhiheessuu akka danda'an dubbatan.
Miidiyaa hawaasaa gubbaatti hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'aman kan qabdu akkasumas duraan xiinxaltuu dhaabbata sirna duriitti cichu kan turte Kaandaas Ooweensi, giifti dureen Faransaay Biriijiit dhiira jechuun irra deddeebiin dubbataa turte.
Dhimmi saala haadha warraa Pirezidant Maakroon ijoo dubbuu ta'uu erga eegale waggoota lakkoofsiseera.
Keessattuu bara 2021 lammiileen Faransaay qabiyyee YouTube hojjetan, Amaandiin Rooy fi Naataashaa Reey dhimma kaasanii kaasanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantichi fi haati warraa isaanii bara 2024 namoota kunneen maqa balleessiin mana murtiitti himachuun injifataniiru.
Haata'u murteen yeroo sana darbe ragaarratti kan hundaa'e hin turre. Mirga yaada ofii bilisaan ibsachuutiin walqabatee murteen sun haqamee ture. Pirezidanti Maakroon fi haati warraa isaanii garuu ol iyyannoo gaafachuun dhimmasanii itti fufan.
Adoolessa darbe ''yaada isaaniirratti dhihaate kan gatii dhabsiisuuf ragaalee karaa amansiisaa ta'een dhihaatan dhiisanii, maqa balleessii namoota beekamoo fi yaada xiinxala shiraa babal'isteetti,'' jechuun Ameerikaatti Kaandaas Oweensi irratti himata walfakkaataa banan.
Ameerikaa keessatti maqa balleessii namoota bebbeekamoon himati yoo dhihaate, himataan akka himatamaan ta'e jedhee daba raawwachuuf odeeffannoo tamsaasuu ykn dhugaarraa dhimma dhabuun akka feeteen raawwachuu mirkaneessuu qaba.
Hagayya darbe Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon barruu ''Paris Match'' jehdamu irratti Kaandaas Ooweensi irratti adeemsi seeraa akka itti fufan ibsaniiru.
''Dhimmi kun waa'ee kabaja kiyya eeggachuuti. Sababni isaa wanti dhihaate waan gatii qabu miti. Odeeffannoon tamsaaste soba ta'uu osoo beektuu dantaa siyaasaa galmaan ga'achuuf miidhaa qaqqabsiisuu kan kaayyeffateedha,'' jedhan.
Abukaatoowwan Kaandaas Ooweensi himata dhihaate kuffisaniiru. Himati Deelaaweer keessatti banamuun ofirraa ittisuun akka isheetti ulfaatuuf yaadameeti jechuun mormiisaanii dhageessisaniiru.
BBC'n abukaatoowwan Kaandaas Ooweensi irraa deebii argachuuf gaafatee ture. Yaadi kanaan dura haadha warraa pirezidantichaarratti dhiheessite dhugaa ta'uu fi ejjennoosheetti akka cichitu ibsiteetti.












