Firaansis: Phaaphaasii Laatin Ameerikaa Kiristaanotaa fi Musiliimota walitti dhiyeessuuf hojjetan eenyu?

Phaaphaasiin Firaansis jalqabarratti jijjiramoota hedduu kan labse yoo ta'u, haaromsa Waldaa Kaatolikii keessatti fiduu kan hin dhiisne ta'us, namoota ilaalcha amantaa jabeessan biratti jaallatamoodha.

Innis Phaaphaasii Ameerikaa ykn Hemisfeera Kibbaa irraa dhufe jalqabaa ture. Erga bara 741tti lammiin Sooriyaa Giriigooriyoos 3ffaan du'anii booda Phaaphaasiin Roomaa lammii Awurooppaa hin taane tasumaa filamee hin beeku ture.

Akkasumas Firaansiis nama jalqabaa warra miseensa Yesuus (Jesuit) kan teessoo qulqulluu Pheexiroos irratti filataman ture. Jeesusitoonni seenaa keessatti ija shakkiidhaan warra Roomaa biratti ilaalamu turan.

Firaansis dura kan turan Benedikt 16ffaan waggoota 600tti siqan keessatti Phaaphaasii jalqabaa fedhiidhaan soorama bahan yoo ta'u, waggoota kurnaniif kan ta'uuf dallaan Vaatikaan Phaaphaasoota lama keessummeessaa ture.

Akka Kaardinaal Bergoglio Arjentiinaatti bara 2013'tti Phaaphaasii wayita ta'un mudaman umuriinsaanii waggaa torbaatamaa keessa ture.

Kaatolikoonni hedduun Phaaphaasiin haaraan kun dargaggeessa akka taʼu tilmaamaniiru.

Bergoglio akka kaadhimamaa araaraatti of dhiheessee ture: dhimma saalqunnamtii irratti ilaalcha jabaa qabaachuun warra amantaa cimsanii leellisan biratti jaallatamoodha.

Ejjennoo bilisaa haqaa hawaasummaa irratti qabaniin ammoo warra haaromsa barbaadan biratti jaallatamu.

Namni seenaan ortodoksii hin taane Vaatikaan haaromsuu fi ergama qulqulluu ishee deebisee jabeessuuf akka gargaaru abdatama ture.

Haata'u malee, birokraasii Vaatikaan keessatti yaaliin haaromsaa Firaansis muraasni mormii kan mudate yoo ta'u, dureen isaan dura ture bara 2022tti du'an, kanneen aadaa hordofan biratti jaallatamaa turan.

Adda ta'uuf kutatoo

Firaansis yeroo itti filataman irraa eegalee waan adda ta'e akka hojjetu dubbatan. Mudamasaanii isaa teessoo phaaphaasii irra taa'uun osoo hin taanee, karaa al-baramnee fi dhaabbatanii simate.

Bitooteessa 13 bara 2013tti, Phaaphaasiin Firaansis barandaa Addabaabayii Qulqulluu Pheexiroosagarsiisuu irratti gadi ba'an.

Akkuma salphaatti uffata adii uffatanii, maqaa haaraa kan qulqulluu Firaansis Asiisii, lallabaa fi jaalataa bineensotaa Jaarraa 13ffaaf kabaja kennu argatan.

Innis ulfinaa fi guddina caalaa gadi of deebisuuf murteessee ture. Limooziinii phaaphaasii irraa fagaachuun, atobusii luboonni biroo gara manaatti ittiin geeffaman waliin qooddachuu irratti cichee ture.

Phaaphaasii haaraan kun tuuta namoota biliyoona 1.2 ta'aniif ergama naamusaa kaa'aniiru. "Oo, akkaminan Waldaa hiyyeettii, akkasumas hiyyeeyyii jaalachuu danda'a" jechuun dubbatan.

Jorjii Maariyoo Bergoglio Mudde 17 bara 1936tti Arjentiinaa magaalaa Buunoos Aayires keessatti dhalatan. Innis ijoollee maatiisaanii shan keessaa hangafa. Warri isaa hammeenya sanyummaa jalaa miliquuf biyya dhalootasaanii Xaaliyaanii baqatanii turan.

Shubbisa tangoo kan jaallatan yoo ta'u, deeggaraa kilabii kubbaa miilaa naannoo isaa Saan Looreenzoo turan.

Carroomuun dhukkuba sombaa hamaa isa mudatee ture jalaa lubbuun erga oolanii booda, yaalii baqaqsanii hodhuutiin gartokkee sombasaanii baafame. Kunis bara jireenyasaa guutuutti dhukkuba kanaan qabamuuf akka saaxilamu isaan taasisaa ture.

Akka maanguddootti jilba isaanii mirgaa irrattis dhukkubbiin kan isaan mudate yoo ta'u, kunis "salphina qaamaa" jechuun ibsan.

Dargaggeessi Bergogloo kun osoo akka oggeessa keemistiitti hin eebbifamin dura, mana bashannanaa halkanii fi lafa qulqulleessaa ta'ee hojjechaa ture.

Warshaa naannoo sana jiru tokko keessattis, Asteer Baaleestrinoo kan abbaa irree Arjentiinaa irratti duula geggeessitu waliin walitti dhiheenyaan hojjetaniiru. Isheen dararamtee reeffi ishees gonkumaa hin argamne.

Innis warra Jeesus hordofan ta'uun falaasama baratee, ogbarruu fi xiinsammuu barsiise. Waggoota kurnan booda kan muudame yoo ta'u, guddina sadarkaa ariifataa argachuudhaan bara 1973'tti Arjentiinaadhaaf naannoo dursaa ta'an.

Himannaawwan

Namoonni muraasni jeneraalota sirna waraanaa gara jabeennaa Arjentiinaa mormuudhaaf waan gahaa hojjechuu akka hin dandeenye itti dhaga'ame.

Yeroo Waraana Xuraa'aa Arjentiinaa, yeroo namoonni kumaatamaan lakkaa'aman bara 1976 hanga 1983tti dararamaa turan ykn ajjeefaman ykn dhabamsiifamn keessatti luboota lama waraanaan butaman keessatti hirmaachuun isaa himatu.

Luboonni lamaan dararamaa turanii dhumarratti garuu lubbuun argamanis, baay'ee tasgabbaa'oo fi walakkaa qullaa.

Bergogliyoo hojiin isaanii naannoo hiyyeeyyii keessatti hojjetan Waldaadhaan akka raggaasifame aangawootaaf beeksisuu dhabuusaatiin himatame. Kun yoo dhugaa ta'e garee du'aaf isaan dhiisee ture. Himata inni ifatti haaluudhaan, isaan bilisa baasuudhaaf harkaa duubaatiin hojjechuu cichee dubbataa ture.

Maaliif akka ifatti hin dubbatiin wayita gaafatamaniitti, haalichi garmalee ulfaataa akka ture kaasu turan. Dhugaa dubbachuuf, umurii waggaa 36'tti, jeequmsa silaa hogganaa baay'ee beekamaa ta'uuf yaalu keessa of arge. Namoota biyyaa baqachuuf yaalan hedduus gargaaraniiru.

Akkasumas, warra akka isaa Yesuus hordofan irraas, tiyooloojii bilisummaaf fedhii hin qabu jedhanii amanan, kanneen Walitti dhufeenya yaada Kiristaanummaa fi hawaasummaa Maarkisistii haqa-dhabeessummaa kuffisuuf barbaaduun waliin garaagarummaa qaba ture.

Inni garuu faallaa kanaatiin deeggarsa paastarummaa bifa lallaafaa ta'e filate.

Yeroo tokko tokkos, hariiroon sun addaan baʼuu wajjin kan daangeffame ture. Jalqaba bara 2005tti Phaaphaasii ta'uuf yeroo barbaadeetti, kanneen Yesuus leellisan (Ijeesusoonni) mallattoo boqonnaa argatan.

Nama qormaataa salphaa

Bara 1992tti Phaaphaasii Gargaaraa Buunoos Aayires ta'uun kan moggaafame yoo ta'u, achiis Archbishop ta'aniiru.

Phaaphaasiin Yohaannis Phaawuloos 2ffaan bara 2001tti kan isa mudaman yoo ta'u, gitoota hojii tajaajila siiviil Mana Kiristaanaa, Kuriyaa keessatti fudhatan.

Kiyyoowwan luba olaanaa tokkoo hedduu irraa fagaatee, nama qormaatawwan salphaa qabu taʼuudhaan maqaa gaarii horate. Yeroo baayyees uffata diimaa fi diimadii kan bakka haaraasaa uffachuurraa uffata gurraacha lubaa uffachuu filate.

Lallaba isaanii keessattis, hawaasa hammachuu gaafachuun mootummoota hiyyeeyyii hawaasa keessaatiif xiyyeeffannaa kennuu dadhabuun qeequ.

"Kutaa addunyaa walqixxummaa hin qabne keessa jiraanna," jedhan, "baay'ee kan guddate garuu gadadoo xiqqaa hir'ise," jedhu.

Akka Phaaphaasiitti, waldhabdee waggoota kumaaf Waldaa Ortodoksii Bahaa waliin ture fayyisuuf carraaqqii guddaa godhaniiru.

Beekamtii kanaatiif, erga wal qoqqoodinsa Guddaa bara 1054tiin booda yeroo jalqabaatiif Paatriyaarkiin Qosxanxinoos muudama Phaaphaasii haaraa Roomaa irratti hirmaatan.

Firaansis Angilikaanota, Luteraanotaa fi Meetodistoota waliin hojjechuudhaan pirezidaantonni Israa'elii fi Filisxeem illeen akka isa waliin ta'anii nagaadhaaf kadhatan amansiisaniiru.

Erga hidhattoonni muslimaa haleellaa irratti raawwatanii boodas Islaamummaa jeequmsaan adda baasuun sirrii miti jedhan. "Waa'ee jeequmsa Islaamaa yoo dubbadhe, jeequmsa Kaatolikiis dubbachuun qaba" jechuun labseera.

Siyaasaan ammoo himannaa mootummaan Arjentiinaa Folklands irratti dhiheessan akka deeggaran tajaajila tokkotti akkas jechuun dubbatan: "Nuti warra kufan, ilmaan biyya dhaloota haadhasaanii, biyyasaanii ittisuuf ka'an, biyyi kan isaanii ta'e akka himaniif kadhachuuf dhufne."

Akkasumas, akka nama Laatiin Ameerikaa afaan Ispeen dubbatu tokkootti, yeroo mootummaan Ameerikaa Kuubaa waliin gara walitti dhiyeenya seena qabeessaatti ce'etti akka giddu-galaatti tajaajila murteessaa kenne.

Phaaphaasiin Awurooppaa gahee dippilomaasii murteessaa akkasii bahuu tilmaamuun nama rakkisa.

Nama aadaa hordofan turan

Barumsa Mana Kiristaanaa hedduu irratti Phaaphaasiin Firaansis nama aadaa hordofu turan.

Inni "akkuma Phaaphaasii Yohaannis Phaawulos 2ffaa... waa'ee du'aa, adabbii du'aa, ulfa baasuu, mirga lubbuun jiraachuu, mirga namoomaa fi luboonni gaa'ela dhaabachuu irratti araarama kan hin qabne ture" jedhu, Monsignor Osvaldo Musto, kan isaan waliin mana barumsaa seeminaara keessa turan.

Manni Kiristaanaa ilaalcha saalaa namootaa osoo hin ilaaliin namoota simachuu qabdi jedhan, garuu ammoo guddifachaa saala walfakkaataa gosa loogii daa'immanii ta'uu cimsanii balaaleeffatu.

Hiriyoonni gaa'elaa saala walfakkaataa gosa muraasaa raawwataniif jecha deeggeraa turan, garuu Firaansis gaa'ela jedhanii waamuun hin deeggerre. Kun ammoo "karoora Waaqayyoo balleessuuf yaalii taasifamu" ta'a jedhan.

Bara 2013 Phaaphaasii erga ta'anii yeroo muraasaan booda, hiriira farra ulfa baasuu Roomaa irratti hirmaatan, daa'imman hin dhalanne "yeroo ulfaa irraa kaasee" mirga akka argataniif gaafate.

Ogeeyyiin fayyaa dubartootaa qalbiisaanii akka diddirataniif gaafachuun ergaa Ayerlaandiif ergan. Yeroo dhimma kana irratti rifarandamii gaggeessaniitti, namoonni achi jiran namoota saaxilamoo ta'an akka tiksaniif kadhate.

Muudama dubartootaa mormuudhaa, Phaaphaasiin Yohaannis Phaawuloos 2ffaan al tokkoofi yeroo dhumaaftiif akka hin danda'amne labsan.

Akkasumas, jalqabarratti qoricha ulfa ittisuun dhukkuba ittisuuf akka oolu kan hayyamu fakkaatan illeen, barsiisa Phaawuloos 6ffaan dhimma kanarratti kenne jajan. Innis, dubartoota wantota gammachuu dhiiraa gadi buusuu danda'amu irraa akeekkachiisa.

Bara 2015tti, Phaaphaasiin Firaansis dhaggeeffattoota Filiippiinsitti argamanitti akka himanitti, ulfa ittisuun ''daa'imman akka hin dhalannee dhabuudhaan maatii balleessuu'' kan of keessaa qabudha.

Kan isaan balaaleeffatanis ijoolleen dhalachuu dhabuusaa osoo hin taane, murtoo fedhiidhaan akka hin dhalannee taasifamuudha.

Miidhaa daa'immanii ittisuu

Qormaanni guddaan Phaaphaasummaa isaaniirratti mudate kallattii lamaa ture: Isaaniis miidhaa daa'immanii irratti raawwatamu dhaabsiisuu dhabuu isaaniin himatamuu fi qeeqxoota konsarvaatiivii amantii sana akka laaffisu itti dhaga'amu irraa komii ka'u turan.

Keessumaa, tarkaanfii inni hordoftoota amantaa Kaatolikii wal hiikanii fi irra deebiiidhaan gaa'ila dhababatan akka Irbaata qulqulluu fudhataniif hayyamuuf godhan yaada keessa ture.

Konsarvaatiiwwan duula yeroo dheeraaf geggeessaa turan keessattis dhimma miidhaa daa'immanii akka meeshaa waraanaatti itti fayyadaman.

Hagayya 2018 keessa, Archbishop Kaarloos Maariyaa Vigaanò, duraan Apostilii Nuncio US keessa kan turan, labsii waraanaa fuula 11 maxxansan. Isaanis xalayaa waliitti fufiinsaa waa'ee amala kaardinaala duraanii Toomaas Maakaariik ilaalchisee akeekkachiisa Vaatikaanitti kenname ibsan iftomsan.

Maakaariik nama miidhaa walduraa duubaan ga'eessotaa fi daa'imman umuriin isaanii hin geenye irratti haleellaa raawwachaa ture jedhameera. Phaaphaasichi, Archbishop Vigaanò akka jedhanitti, baayyee malaammaltummaa akka qaban osoo beekanuu garuu ''gorsaa amanamaa'' isa godhatan. Furmaanni isaa ifa ture jedhan: Phaaphaasiin Firaansis aangoo gadhiisuu qabu.

"Neetworkiin saalqunnamtii saala walfakkaataa kun," jechuun luba olaanaa kun, "dhoksaa jala socho'anii humna hammeenyaa wajjin sobu... akkasumas Mana Kiristaanaa guutuu ukkaamsaa jiru" jechuun himate.

Waldhabdeen itti aanu Mana Kiristaanaa liqimsuuf sodaachisaa ture. Maakaariik qorannoo Vaatikaaniin booda Fulbaana 2019tti aangoo irraa kaafame.

Yeroo weerara Covid, Firaansis vaayirasichi akka hin baballannee ittisuuf yeroo hunda Addabaabayii Qulqulluu Pheexiroositti argamu ni dhorku ture. Fakkeenya barbaachisaa naamusa hoggansaa keessatti ammoo talaallii fudhachuun dirqama addunyaa maraa akka ta'e labseera.

Bara 2022tti, erga Benedikt umurii isaanii waggaa 95tti du'anii booda, jaarraa tokkoo oliif Phaaphaasii jalqabaa phaaphaasii isaa duraa awwaalan ta'aniiru.

Yeroo ammaa kana rakkoo fayyaa dhunfaa qabu ture. Yeroo hedduus hospitaala ciisaa turan. Garuu Firaansis nagaa addunyaa fi marii amantiiwwan gidduutti taasifamuf tattaaffii taasisaa jiran itti fufuuf murteessanii ture.

Bara 2023 keessaa, gara Sudaan Kibbaatti hajjii taasisuun hoggantoota biyyattii walitti bu'iinsa akka dhaabbatu kadhachaa ture.

Ergaa lammiileen Yukireen holola Raashiyaan weerarashee irratti kakaafamte jedhu waan liqiman fakkaatuun mufatanii booda, ''waraanni abshaalummaa fi gara jabeenyaa'' Yukireen keessaa akka dhaabbatuf waamicha dhiheessan.

Waggaa tokko boodas, Indooneezhiyaa, Paapuwa Niwu Giinii fi Singaapoor keessatti dhaabbachuun, imala biyyoota afur, ardii lamaa dheeraa jalqaban.

Jorji Maariyoo Bergoglio murtoo jijjiirama fiduutiin ture kan gara teessoo qulqulluu Pheexiroos dhufan.

Silaa hogganaa bilisa ta'e kan filatanmuraasni ni jiraatu, qeeqxonnis hambaa miidhaa saalaa barreessaa dhaabbatichaa ta'e fuuldura dhaabbachuu irratti dadhabina isaa itti dhaga'amu ni akeeku.

Garuu ammoo jijjiira raawwataniiru.

Biyyoota Awurooppaa hin taane irraa luboota 140 ol kan muudan yoo ta'u, Waldaa isaan dhaalan caalaa ilaalcha addunyaa irratti baay'ee cimaa ta'e kan isaan bakka bu'uuf kaa'an.

Akkasumas, fakkeenya ta'uudhaaf, Phaaphaasii filatamaa Masaraa Ergamootaa Vaatikaan keessa jiraachuu dhiisuu filataniidha. Innis Chaapiili Siistiinii durii ijaarame ture.

Haata'u malee, bilookii ammayyaa isa itti aanu (kan Phaaphaasiin Yohaannis Phaawuloos 2ffaan akka mana keessummootaatti ijaaran) keessa jiraachuu filate.

Wanti hundi kamiyyuu kan badu akka ta'e amane. "Piikookii ilaalaa, fuuldura irraa yoo ilaaltan bareedaadha. Garuu duubaan yoo ilaaltan dhugaa jiru agartu" jedhe.

Akkasumas, dhaabbaticha raasuudhaan, waldhabdee keessoo keessaa ciree, hiyyeeyyii irratti xiyyeeffachuu fi Mana Kiristaanaa ummatatti deebisuu ergama seena qabeessa Mana Kiristaanaa guddisuu akka danda'u abdatanii ture.

"Dhukkuba hafuuraa Waldaa addunyaa mataashee keessatti marfamte irraa fagaachuu qabna," jedhan akkuma filataman yeroo muraasa booda.

"Waldaa madooftee daandii irratti baatee fi Waldaa dhukkubsattee fi ofirraa baate keessaa filachuun osoo narra jiraate, isa jalqabaan filadha ture," jedhan.