Wal waraansa kaaba Itoophiyaatti bakka madda falmii ta'e beektuu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Waraanaa Kaabaa Itoophiyaa keessatti eddoo dhimma ijoo ta'e

Waraana waggaa lamaan har'aa Sadaasa 4, 2020 naannoo Tigraay keessatti eegaleen waggaa lamaan booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahameera.

Mootummaan Itoophiyaafi humnootiin TPLF erga guyyoota 10 Afrikaa Kibbaatti mari'atanii booda Sadaasa 2, 2022 waliigaltee dhukaasaa dhabuu waliin mallatteessan.

Waraanaa kanaan wal qabatees gaaga'amni namoomaafi qabeenyaa olaanaan qaqaabeera.

Lammiileen miiliyoonotaan lakka'aman bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'aniiru.

Waraana kana keessatti dhimmoota ijoo dubbii ta'aniifi ammas waliigalticha hojiirra oolchurratti dhimma ijoo ta'a jedhamu keessaa tokkoo waa'ee lixa Tigraay.

Ofii Lixi Tigraay kan naannoo Amaaraafi Tigraay cimsanii irratti wal lolan maaliif akkaan barbaachisaa ta'e?

Viidiyoo kana dowwadhaa.