Dubartiin sagantaa TV dhiyeessuun beekamtu amala "hin taane" agarsiifteef xiyyaara keessaa buufamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin Afrikaa Kibbaa sagantaa TV dhiyeessituun beekamtu Shamisoo Mosaakoo sababa amala "hin taane" agarsiisteef xiyyaara ittiin imaluuf turte keessaa akka buutu taasifamuushee aanga'oonni ibsan.
Kun kan ta'e balalii biyya keessaa magaalaa Darbaan irraa gara Johaannisbargitti taasifamaa turerrattidha.
Balalii biyya keessaa taasisaa kan ture CemAir ibsa Wixata baaseen dubartiin beekamtuu dhiibbaa uumuun beekamtu kun "qajeelfama nageenyaa" hin hordofu jechuusheetiin balaliin ture daqiiqaa 90'f akka boodatti harkifatu ta'eera jedhe.
Ibsichi itti dabaluudhaan balaliistonni xiyyaaraa sababa kanaan motora kaafatanii turanillee dhaamsuudhaaf dirqamaniiru jedhe.
Shamisoo Mosaakaa gaaffii BBC irraa dhiyaateef deebii kennuu baattus, wanta uumamee ture fuula Instagram isheerratti kallattiin dabarsiteetti.
Hordoftoota Instagram kuma 140 kan qabdu Shamisoo Mosaakaa, buufata TV MTV jedhamuurratti sagantaa muuziqaa Beez Saawoz jedhamu dhiyeessiti.
Viidiyoo isheen fuula Instagram ofiisheerratti dhiyeessite namoonni hedduun kan daawwatan yoo ta'u, hordoftonnishee deeggarsa isheef qabanis ibsaniiruuf.
Qondaaltonni poolisii akka isheen xiyyaara irraa buutuuf ishee dirqisiisan, isheen ammoo balalii biraa akkan argadhu osoo hin taasifamiin hin bu'u yeroo jettu ni mul'atti.
Hojjettonni daandii xiyyaarichaa gaaffiishee kana fudhatama dhabsiisaniiru.
Dubartiin beekamtuu kun imaltoota biroo irraa deeggarsa argachuudhaaf amala hin taane kamiyyu akka hin argisiisiin ibsuudhaaf yeroo yaaltutti mul'atteetti.
Shamisoo Mosaakaa wanti uumame sanyummaan kan of keessaa qabudha komii jedhu kan dhiyeessitu yoo ta'u, hojjetoonni daandii xiyyaaraa badii maalii akkan raawwadhe natti himuudhaaf hayyamamoo miti jetti.
Qondaalli olaanaa CemAir Looraa Vaan Dir Moolan, "sanyummaa kan ilaallatu wanti tokkoyyuu hin jiru" jechuun gaazexaa Ze Sitiziin jedhamutti himaniiru.
Looraan itti dabaluudhaan Shamisoo Mosaakaa, "qajeelfama nageenyaa hordofuudhaaf hayyamamtuu waan hin taaneef balali'uurraa ishee dhorkuuf dirqamneerra," jedhan.
Kun kan ta'e Dilbata buufata xiyyaaraa King Shaakaa Zuuluu keessatti ture.
CemAir dhimmicha poolisii Afrikaa Kibbaatti dabarsee kennuu isaafi kanaan booda poolisiin akka hordofu beeksiseera.












