Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootummaan dararaa ummatarra ga'u ittisuuf humna moo fedhii dhabe'?
Waggoota ja'an darban keessaa sababa walitti bu'iinsa hidhattootaafi humnoota mootummaatiin ummanni kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti dararama addaa addaaf saaxilamuun gabaafamaa tureera.
Sarbamni mirga namoomaa, ajjeechaan, qe'erraa buqqisuu, gudeeddii, hidhaa, mancaatiifi saamicha qabeenyaa dabalatee rakkoon gurguddaan ummatarraatti raawwatamaa tureera, raawwatamaa jiraachuu BBCn gabaasaa tureera..
Keessumaa naannoo Oromiyaa naannawa daangaa naannoo Amaaraan wal daangessaniifi hidhattootni Faannoo socho'anitti daraaraan kun akkaan hammatadha. Godinaaleen akka Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Walaggaa bakka rakkoon kun keessatti hammaatanidha.
Ummanni nagaa aanaalee godinoota kanneen keessatti argaman BBCn yeroo garagaraa dubbise 'rasaasa sadiin du'aa jirra' jedhu. Kunis, hidhattoota Faannoo ykn kan mootummaan 'Finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhu, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'ABO Shanee' ittiin jedhuufi humnoota mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf babba'udha.
Baatii Hagayya darberraa kaasee jiraattotni godina Shawaa Kaabaa bakka adda addaa rakkoo nageenyaan dararamuu himanii nagaan akka bu'u gaafachuuf hiriira bahuun gaafachaa jiru.
Jiraattonni godinichaa gaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru kuni dhuma dhabeera jechuun tibbana akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf Waaqa yoo kadhatan mul’ataniiru.
Ummanni aanaalee godina Walagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa hidhattoota 'Finxaaleyyii Amaaraa' ykn Faannootiin waggoota afran darban keessa ajjeefamaa turan; darararama bifa garagaraa hidhattoonni kunneen irra gahaniin qe'eerraa buqqa'anii godaananis hedduu ta'uu yeroo garagaraatti gabaafamaa tureera.
Kutaalee Oromiyaa 'finxaaleyyiin Amaaraa' hidhatanii socho'an kanneen keessatti rakkoo jiru daran kan hammeesse waraana Waraana Bilisummaa Oromoofi mootummaa gidduu jiru ta'uu kaasa ummanni.
Waggoota ja'an darban keessatti dararaafi haleellaa wal fakkaatan ummata nagaa irratti wayita raawwatamu mootummaan furmaata waaraa nageenya lammilee kanneenii eegsisuu maaf fudhachuu dhabeen gaaffi ummatni kaasaa jiruudha.
Erga tibba kana Viidiyoon hidhattootni Faannoon ummata godina Shawaa Kaabaa-Salaalee aanaa Darraarratti miidhaafi ajjeechaan rawwataman mul'isan gamaa miidiyaatti ba'ee as komiifi mormiin ummatni mootummaa irratti qabu gara addabaabayitti baheera.
Mootummaan dararaa ummatarra ga'u ittisuuf humna moo fedhii dhabe?
Gaaffii kanarratti biyya Switzerland Yuniiversiitii Zuurik irraa, qorataafi barsiisaa sdhimma Siyaas-dinagdee Gaanfa Afrika kan ta'an Dr. Assabee Raggaasa turtii BBC waliintaasisan yaadota garaa garaa kasaaniru.
"Mootummaan jira kan jedhamu yoo nageenya lammilee biyyaa keessa jiranii qofaa utuu hin taanee kanneen biyyoota biraa jiran, lammii ta'an eguu dandaa'eedha," jedhu.
Garuu kun Oromiyaa keessatti waan dagatame fakkaata akka hayyuun kun jedhutti. Biyya mootummaan humna waraanaa cimaafi ammayyaa ta'e hidhachuu himu keessatti hidhattoonni karaa daangatiin seenanii namoota nagaa bifa suukaneessa ta'een miidhuu, gareen hidhattootaa mootummaan mormaniifi humnoonni mootummaallee miidha geessisaa akka jiran ummanni yeroo adda addaa himataa jira jedhu.
Akka qorataafi barsiisaa dhimma Siyaas-dinagdee kun, "mootummaa Federaalaa utuu hin taane mootummaan naannoo Oromiyaayyuu humna ummata halleellaa hidhattoota daangaa keessa seenanii badii akkasii geessisan irraa ummataa eeguu qaba garuu fedhiifi kutannootu hin jiru,'' jedhan.
Sababni isaammoo faayidaa siyaasaf olfachuuf akka ta'e himu.
Gochi walfakkataan waggoota sadan, arfan darban keessattis lixa Oromiyaa keessatti hidhattoota Faannoon raawatamuus eeran.
Akkuma Dr. Assabeen jedhan jiraattonni aanalee lixa Oromiyaa hidhattoota kanneeniin qe'ee isaaniirraa buqqa'an ammallee qe'eetti deebiyuu akka hin dandeenye kaasuun, osoo mootummaan hidhannoo isaanirraa hin hiikiin deebiyuu akka hin dandeenye dubbatu.
Jalqaba ji'a kanaa BBCn jiraattota aanaalee Wallagga Bahaa- Kiiramuufi Giddaa Ayyaanaarraa, akkasumas godina Horroo Guduruu Walaggaa irraa ammoo Jaardagaa Jaarteefi Amuru irraa magaala itti baqatanii jiranirraa iyyaafateera.
Hoggantuun dhabbata mirga namaaf falmu, "Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association (OLLAA) jedhamuu Aaddee Seenaa Jimjimoo waggoota ja'an darban keessa, keessumaa naannawa waldhabdeen jirutti gochi raawwatamu hangam seer-maleessumman biyyattii keessatti akka babal'ateefi olaantummaa seeraa kan hin jirre ta’uu kan agarsiisanidha jedhan.
Haleellan hidhattoonni Faannoon namoota nagaa irran ga'an Oromiyaa naannawa Wallagga Bahaa, Horro Guduruufi Salaale dabalatee Ummata Gumuuz irratti ta'e dhabbanni isaanii yeroo adda addaa hordofaa turuufi gocha hammenyaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu ta'uu eeran.
Haleellaan akkasii kaayyoo humnaan mootummaa kuffisuuf qaban galmaan ga'uu waan dadhabeef ta'e jedhamee sabaafi sablammootaa giddutti jibbaafi waldhabdee kakaasuuf gocha raawwatemeefi balaaleffatamuu qabudhas, " jedhu.
Gocha akkasii kana abbootiin amantaa, hoggantootni jaarmiyaalee hawaasaa kan mirga namoomaa, sabaafi sablammoonni biroollee gadi bahanii balaalefachuu dhabuun haala ummanni ykn hawaasni Itoophiyaa waliigalaa itti jiruufi yaaddoo hamaa kan agarsiisu ta'uu eeru.
Sarbama mirgaa walfakkataa dabalatee yakki gudeeddii Oromiyaa keessatti dubartootaafi shamarran irratti raawwatamaa jiru haalaan dabalaa utuu jiruu sodaaf waan dhofkamuuf ragaawwaan sarbama mirgaa namoomaa akkasii qindeessuun hawwasa idil-addunyatti beeksisuufillee dhabbata isaaniif qormaata ta'uu himu.
Kana malees, dhabbilee mirga namoomaafi jaarmiyaalee hawaasaa, akkasumas miidiyaan miidhama Oromoo irratti gadi ba'anii dubbatan dhibuun rakkoo biraati jedhu.
"Gocha ummata jiilchuudha"
Gama biraan ammoo waraanan hidhattootaa dhabamsiisuun ykn ittisuun akka hin danda'amne barsiisaafi qoratan siyaas-dinagdee Dr. Assabee Ragaasa kan himan.
"Mootummaan humna hangamiyyuu qabaate hidhattoota riphee lolaa fixuun salphaa hin ta'u. Utuma loltoota fixuunillee, kaayyoo waaraanaaf namaa baase balleessu hin danda'amnetti wal dhabdeen hin jiru jechuu miti" jechuun ibsan.
Mootummaan tarkaanfii garee hidhattootaarratti fudhachuun nagaa buusuuf akka hojjatu waltajjiiwwaan adda addarratti ibsamaa tureera.
Duulli yeroo adda addatti garee hidhattootaa Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf taasifameenis haalli jiru daranuu jabaataa deeme malee ummataaf falli argame hin turre jedhu.
Kanneen caasaa mootummaa keessa jiran dabalatee hayyoonni waayita waraanni WBO bakka muraasa keessa qofa ture xumuruun kan hin danda'amne, erga Oromiyaa guutuu keessaatti babal'ateetti xumuruun isaa kisaara biyyaa guddaa akka ta'e himuun marii nagaatiin hikamuu akka qabu mootummaa gaafataa turaniiru.
Qorataa fi barsiisaa Asabbaanis, bakkeewwaan WBOn socho'utti mootummaan akka siyaasatti dhimma itti ba'a jedhu.
Kanaan dura wayita milishoonniifi Faannoon naannoo Amaaraa irraa gara Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti ce'uun ummata haleelan, ummatichi gara bulchiinsa mootumma nannaawa sana jirutti iyaannaan, deebiin kennameef, "warrumti isin yeroo kaan deeggartan, warri isin nyaachiftan isinirraa haa ittisan?" kan jedhu ta'uu himan.
"Kun keessumaa bakkeewwan WBOn socho'uufi ummanni isaan deeggara jedhamee yaadamutti mootumman miidhama ummataa akka adabbitti fudhata, gocha ummata jiilchuuf itti fayyadamu waan ta'eef dhaabsisuuf fedhii hin qabu."
Bakka finciltoonni socho'anittis ta'ee bakka kamittuu nageenya lammilee kabachiisuun dirqama mootummati.
Sababa rakkoo nageenyaaf ummanni nagaan bahee, nagaan galuu waan dadhabeef waraanni qe'ee Oromoo irraa akka dhaabbatuuf ummanni qaamoleen lamman (mootummaa fi WBO) rakkoo isaanii marii akka hiikkataniif waamicha taasisuu hin dhaabne.
Dhumaatiifi daraaraa ummataa waraana kana giddutti ga'u dabalataan haleellaan naannawa daangaan hidhattootaa Faannoon taasifamu, hanqina gama mootummaa Naannoo Oromiyaan jiru kan mul'isu ta'uu qorataan kun ni himan.
''Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroon itti humnaa poolisii bobbasee tarkaanfii cimaa fudhate baay'ee hin mul'atu. Yoo humna isaan ol ta'emmoo mootummaa federaalatti iyyatee tarkaanfiin akka fudhatamu gochuuf yaalin taasifame baay'ee miti. Nuti hin dandeenyee ummataan ofirraa dhorkaa jechuunis waan tokko."
Hidhattootni Faannoo naannoo isaanii keessatti ummataan da'atanii riphanii lolanii mootummaa dadhabsisuu danda'u ta'a. Garuu daangaa Oromiyaa keessa seenaanii yeroo ummata ajjeesaniifi dararan dhaabsisuu dhiisuun fedhii dhabuu yoo ta'e malee karaa kamiinuu humna dhabuu ta'uu akka hin dandeenyes himu Dr. Assabeen.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, mootummaan Federaalaa garee hidhattootaa marii nagaaf fedhii qaban waliin yeroo kamitti mari'achuuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Mariin marsaa lamaaf mootumaafi WBO giddutti adeemsifame abdi xiqqoo uumullee garuu xumura irra ga'uu hin dandeenye.
Mariin marsaa 3ffaa akka taasifamuufis ummatni gaafataa ture. Aaddee Seenaa Jimjimoo akka dhabbata mirga namaaf falmuu tokkotti wal dhabdeen kun karaa mariin furamee dararaan ummataa akka dhaabatuuuf yaalii guddaa goone garuu qaamni lachuu quba walitti qabuurra fedhii guddaa hin agarsiifne jedhu.
Ammatti fedhii isaanii beekuu baannus akka jaarmiyaa hojii abukaatummaa mirga namoomaa Oromoo irratti hojjatutti mootummaanis qaamni ummat Oromoofan qabsaa'a jedhu mariif akka ta'uu qabu jennee amanna," jedhan
Dararaa ummataa kanarraa qaamni fayyadamu jiraachuu akka malullee Aaddee Seenan kan himan.
Mariin marsaa 3ffaa gageeftamee WBOn fudhatus, hidhattoota dhabamsiisaa jirra jechuun kan dide mootummaa ta'uu Jawaar Mohaammad dhiyeenyakana ibseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaaa dhimmicharratti deebii kenneen "ammas harki mootummaa nagaaf diriire hin dachaanee" jedheera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin "mootummaan afaaniin nagaa jechaa ummata sobaa, gama biraan waraana labsa" jechuun nagaa buusuuf mootummaan qophiifi kutannoo akka hin qabne qeeqa isaa dhiyeessera.
Rakkoo siyaasaa biyyattii karaa siyaasaatiin furuun hafee wal waraansarra darbee dhumaatii lammilee geessisaa jiru kun yoom furmaata waaraa argataan gaafii guyyuu lammilee ta'ee itti fufeera.