Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gudaaf Tsaggaayee meetira 5,000n warqee, Daawiiti Siyyum ammoo naasii dabalataa argamsiisan
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa-Oriiganiitti dorgomamaa jiruun Itoophiyaan meediyaaliyaa warqeefi nahaas dabalataa injifatte.
Dorgommi meetira 5,000 dubartootaa halkan keessa gaggeeffameen atileeti Gudaaf Tsaggaayee tokkoffaa bahuun Warqee arfaffaa biyyaaf argamsiiftee jirti.
Gudaaf dorgommicha daqiiqaa 14:46.29 xumuruudhaan kan tokkoffaa baate warqii dhunfachu dandeesse.
Atileetiin Itoophiyaa kan biraa Daawwiti Siyyuum ammoo dorgommicha 14:47.36 irratti xumuruun sadaffaa baatee meedaaliyaa nahaasii argattee jirti.
Atileetiin Itoophiyaa kan biraa Lattasanbat Gidaay ammoo erga hojii garee keessatti gumaacha guddaa taasisaa turteen booda dorgommicha 14:47.98 xumuruun sadarkaa shanaffaa baatee dippilomaa argattee jirti.
Lattasanbat meeetira 10,000'n Itoophiyaaf warqee injifachuun ishee ni yaadatama.
Atileet Gudaaf Tasaggaay ammoo 1500m dubartootaan Itoophiyaaf medaaliyaa meetii fiduun ishe ni yaadatama.
Haaluma kanaanis Itoophiyaa walumaagalatti dorgommii shaampiyoonaa addunyaa Ameerikaatti gaggeeffamaa jiru kanaan warqee afur, meetii afurii fi nahaasa lama, waliigalatti meedaaliyaawwan 10 injiffattee jirti.
Baayyina meediaaliyaa hanga ammaa walitti qabatteen kanaanis, Itoophiyaan biyya dorgomicha qopheessite Ameerikaatti aanuun sadarkaa lammaffaa irratti argamti.
Dorgommiin shaampiyoonaa atileetiksii kunis xumuramuuf guyyaa tokko qofti kan hafu yoo ta’u, Itoophiyaan dorgommiiwwan hafan lama irraa meedaaliyaa dabalataa eegaa jirti.
Dorgomiiwwan hafan meetira 800 dubartootaa fi meetira 5,000 dhiirootaati.