Namticha sanada iccittii cimaa US miliqsuun shakkame addabbii attamiitu eeggataa?

US’tti dargaggeessii sanada iccitii cimaa miliqsee baase Jaak Teekseraan erga hayyama malee odeeffannoo raayyaa ittisaa tamsaasuu fi hayyama malee sanadawwan adda baafaman haquun himatameen booda hidhaan bara dheeraa itti murtaa’u danda’a.
Teekseraan yoo himannaa lamaaniinu balleessaan irratti argame hidhaa hanga wagga 15 akka itti murtaa’u mana murtiirratti itti himameera.
Inni beelama mana murti Ebla 19n dura guyyaa Jimaataa to’atameera. Peentaagon gochaan isaa nageenya biyyaarraan balaa ‘‘baay’ee cimaa’’ qaqabsiiseera jedhe.
Loltuu umuriin waggaa 21 fi espeshalistiin sayibarii kuni sanadoota icciitii US baayyee cimaa jedhaman, addatti eegamaniifi nageenya biyyaalessaa Ameerikaa irraan balaa qaqqabsiisuu danda’an miliqsee baasuun shakkameera.
Peentaaganis gochaan miliqsanii baasuu kuni yakka ta’e jedhe raawwatame jedhe akka amanu hime.
Aab Teekseraan kan yeroo jalqabaatiif Jimaata Boostaniitti mana murtiitti dhiyaate, miseensa tika damee Humna Qilleensa Biyyaalessaa Maasaachusetsittidha.
Himannaa isaa irratti akka eerameetti, gahumsi nageenya icciitii-olaanaa bara 2021 keessa kan kennameef yoo ta’u, erga Guraandhala 2023 asi kan moggaafni ‘‘Hojjataa Opareshiinii Ittisa Saayibarii’’ kennameef.
Himannaa akkamiitu isa eegataa?
Meeriik Gaarlaand, Abbaa Alangaa Waaliigalaa Ameerikaa, Aab Teekseraan Seera Tikaa ykn 1917 Espionage jedhamu jalatti himatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himannaan jalqabaa odeeffannoo hin ayyamamne qabachuu fi odeeffannoo raayyaa ittisa biyyaa tamsaasuun hidhaa hanga waggaa 10 qabaachu danda’a.
Himannaa lammaffaa kan sanadoota adda baafaman cimaa hayyama malee haquu fi qabaachuun hidhaa hanga waggaa shan gahu itti murteessisuu danda’a.
Istevan Istraanskii abookaatoo kanaan dura Qajeelcha Dhimma Nageenya Biyyattii jalatti Kutaa Seera Tikaatti gorsaa olaanaa ta’un tajaajilan, ‘‘gochichi baayyee dulloomaafi kan yeroon irra darbeedha’’ jedhan.
‘‘Jalqabarratti namni dhuunfaa odeeffannoo ittisa biyyaalessaa walitti qabuu, ifa taasisuu ykn irra deebiin ifa gochuu yakkadha.’’
Itti dabalunis, jechi ‘‘odeeffannoo ittisa biyyaalessaa’’ jedhus seera keesatti ifatti kan hin hiikamne yoo ta’u, dimishaashumattis odeeffannoo ‘‘Ameerikaa miidhu danda’u ykn balaarra buusuufi gara biraatiin bayya sadaffaa fayyaduudha’’ jedhan.
Erga seerichi bara 1917 keessa raggaasifamee kaasees, qaamoolee fi namoonni odeeffannoo icciitii pireesii fi ummataaf qoodan, baayye ta’u baatulleen, himatamaniiru.
Yeroo baayyees lammiilee Ameerikaa biyyoota biraatiif basaasan kan akka Juuliyees fi Ethel Rosenbarg, kan erga iccitiiwwan niikulaaraa Sooviyeeti Yuuniyeenitti dabarsun isaanii mirkanaa’een booda mirkannaa’es bara 1935 keessa du’aan adabaman, irratti hojiirra olfameera.
Seerri Tikaa biyyattii basaasa ‘‘yeroo waraanaa’’ yeroo Ameerikaan waraana Kooriyaa keessatti hirmaattee turteetti adabbii du’aa ajajee ture.
Akkasumas dhiheenya kanattis, Seerri Tikaa kun madda Wikileaks, Chelsea Manning fi kontraaktar CIA duraanii Edward Snowden dabalatee, namoota dhaabbata ykn nama gochaa seeraan alaa irratti hirmaate saaxilan (whistle-blowers) fi kanneen odeeffannoo iccitii loosanii baasan irratti hojiirra oolfameera.
Yoo balleessaan irratti argame maaltu ta’u danda’a?
Jalqaba Seerri Tikaa kun yoo raggaasifamu, hidhaa waggaa 20 ykn isaan gadi fi himannaatti adabbii doolaara 10,000 kan jedhu ture.
‘‘Kunis nama sababii icciitii baayyee balaafamaa ta’e baaseetiin waggoota dheeraaadhaaf mana hidhaa keessa turuuf itti murtaa’udha’’ jedhan abbaan alangaa tika biyyaaleessaa Qajeelcha Haqa duraanii fi amma kan Dhaabbata Seeraa Moorisan Foristar waliin hojjataa jira, Biraandoon Vaan‘Giraak wayita Rooyitarsiitti himaniitti.
‘‘Himannaawwan yakkkaa seera Tikaa kanaan wal qabataniifi addabbiin maallaqaas jira’’ jedhan Aab Istraanskiin.
‘‘Yoo Qajeelchi haqaa Seera Tikaatiin badiin yakkaa kan hordofu ta’e, yeroo baayyee gara fulduraatti gochaawwan gosa kanaa dhorkuuf jecha hidhaa murteessu.
Barreessaan pireesii Peentaagon miliqsanii baasuu kana akka baayyee cimaatti akka ilaalu eeruudhaan, innis ‘‘gochaa yakkaa ta’e jedhame raawwatameedha’’ jedheera.
Dubbii himaan Peentaagon hojjattootaaf qajeelfamoonni baayyee ‘‘cimaan’’ jiraachuu fi ‘‘namni dambiiwwan kanneen cabsuuf fedhiin kan raawwatuudha’’ jedhan.












