US dargaggeessa sanadoota icciitii waraanaa jalaa miliqsee baase to'atte

Madda suuraa, Facebook
US nama sanadoota icciitii olaanaa qaban jalaa miliqsee baase to'annoo jala oolchun har'a Ebla 14 mana murtiitti dihiyeessufi.
Namni icciitii kana baasun shakkamee to'annoo jala oole dargageessa umrii ganna 21 Jaak Teekseriya jedhamuufi miseensa humna qilleensaa USti.
Dargaggeessi kun sanadoota icciitii waraanafi dhimmoota biroo Peentagon jalaa miliqsuun baase jedhameeti Masachusets mana maatii isaatii FBIdhan kan to'atame.
Jaak humna qilleensa US keessatti ogeessa IT yoo ta'u sanadoota icciitii irratti nama hojjatuudha. Dabalataan ammoo garee argaggoonni, keessumaa dhiira warri ta'an, ittiin walii barreessan akka to'atuuf itti gaafatamummaan itti kenname.
Jaak ogummaa IT qabutt fayyadamuun yeroo dheeraf karaa toora intarneetii namoota ergaa walii barreessan to'achuu dhiisee sanadoota icciitii biyyoolessaa ta'an qooduu eegale.
Boodarra odeeffannoon icciitii inni qoodaa ture garee sana keessaa ala bahee namoota birootinis toora intarneetii gubbattii qoodamuu eegale.
Sanadi US jalaa miliqee bahe kun heddumminaan waa'ee haleellaa Yukireen Raashiyaarratti fudhachuuf jirtuu kan ibsuudha.
Jaak Teekseriya maalif odeeffannoo US jalaa akka baase ammatti baramuu baatus hiriyoonnisaa inni nama qaama alaaf hojjatu akka hin taane dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Alangaa US Meerik Garland shakkamaan kun mana hidhaatti geeffamuu ibsan.
Sanadichi maalif akka miliqfame ykn qorannoo gaggeeffame irratti odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Odu himaa Ministeera Ittisaa US kan ta'an Birgaader Jeneraal Paat Raayidar ibsa miidiyaalef kennaniin gochaan kun "gochaa yakkaa itti yaadamee raawwatameedha," jedhan.
Hiriyaa Jaakfi kan ta'eefi mana baruumsatti wajjin turuu kan dubbatu Edii Sooza hiriyaan isaa icciitii baasun shakkamuutti nahuu hima.
"Inni nama gaarii, jeequmsa kan hin uumnefi nama callisaa ture," jechuun ibsa.
Ji'a darberraa kaasee sanadoonni 50 hanga 100 ta'an miidiyaa hawaasaa ijollen geemii irratti taphatan "Dscord" jedhamurratti gadi lakkifamaa turan.
Gaafa Roobii Ebla 12 gaazexaan Waashingtan Poost miseensa garee miidiyaa hiwaasaa jalqaba sanadi icciitii kun itti qoodamee dubbisee ture.
Washingtan Poost akka gabaasetti gareen miidiyaa hawaasaa "Discord" jedhamurratti wal-arguun ergaa barreeffamaa walii erguu, walitti qoosuu, fiilmii ilaalufi kadhachuu fa'aarratti hirmaatu.
Garee kana keessatti namoonni biyyoota akka Raashiyaa , Yukireen dabalatee Awurooppafi Eshiyaa akkasumas Ameerikaa Kibbaarraa ta'an kan itti hirmaataniidha.
Jalqabarratti odeeffannoon icciitii kun garicha keessaa hin baane ture, jalaqaba ji'a Bitootessaa keessa miseensonni garee kanaa miidiyaa hawaasaa biroo gubbaatti maxxansuu eegalan.
Boodarra gareen Raashiyaa deeggaran sanadoota icciitii US kana Telegiraamirratti qooduu jalqaban.
Waraana Yukireenin wal-qabatee biyyoonni Lixaa loltootasaanii Yukireen keessatti bobbaasuu dabalatee Masiriin illee misaa'elota heddu Raashiyaaf dhiyeessuf akka jirtu sanada icciitii kana keessatti wantoota ibsaman keessaa muraasa.












