Biyyoonni lixaa nageenyi akka bu'u yoo barbaadan Raashiyaarratti dhiibbaa uumuu qabu- Zeleniskii

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii nageenyi akka bu'u yoo barbaadame biyyoonni lixaa humna qaban hundaan Raashiyaa dura dhaabbachuu qabu jechuun akeekkachiisan.
Raashiyaan ''Yukireeniin barbadeessitee ofii jiraachuu barbaaddi,'' kan jedhan Zeleniskiin, kana dhaabsisuuf ''tarkaanfiin humnaa qabatamaa ta'e Raashiyaa irratti fudhatamuu qaba,'' jechuun waamicha warra lixaaf dhiheessan.
Pirezidant Zeleniskiin hanga humnoonni Raashiyaa Kiriimiyaa dabalatee, kutaalee Yukireen humnaan qabatan gadhiisanii ba'anitti Moskoo waliin akka mariif hin teenye qaata ibsan.
Aab Zeleniskiin wayita humnoonni Raashiyaa adda waraanaatti milkaa'ina guddaa argataa jiranitti warri lixaa akka isaaniif birmatan dhaammatan.
Gargaarsi biyyoonni lixaa Yukireen abdachiisan hanga yoonaa bira ga'uu dhabuun biyyattii gatii kaffalchiisaa jira.
Akka Zeleniskiin jedhanitti Raashiyaan ji'a ji'aan boombiiwwan balaafamoo ta'an 3,200 qilleensarraa Yukireenitti dhukaasaa jirti.
''Kana akkamiin ofirraa lolta?'' jechuun rippoortaroota ibsaa kennaafii turan gaafatan Zeleniskiin.
Pirezidant Zeleniskiin wayita Ispeen, magaalaa Maadiriitti argaman ibsa kana kennan.
Achitti gitasaanii kan Ispeen Pedroo Saancheez waliinis walarganiiru.
Aab Zeleniskiin yeroo ammaa yeroo kamuu caalaa gargaarsa akka isaan barbaachisu warri lixaatti iyyachuu cimsaniiru.
Gara Maadiriid kan imalaniifis tokko kanumaafi. Deeggarsa doolaara biiliyoona Ispeen irraa argataniiru.
Bulchaan Yukireen kun kora nageenyaa ji'a dhufu keessa Siwiizerlaanditti gaggeeffamuuf jedhurratti Raashiyaan yaa hirmaattu yaada jedhu kuffisaniiru.
Korri kun bakka buutota biyyoota 90 olii walitti fida jedhameetu eegama.
Hirmaattonni kora kanaa akkaataa nageenyi waaraa Yukireen keessatti mirkanaa'uu danda'urratti mala dhawu jedhamee abdatama.
Kunis haal-duree Yukireen dhiheessite 10 irratti kan hundaa'u ta'uun barameera.
Mariin kun taa'amuu dura dantaan Yukireen akka isheef kabajamu barbaaddu: lafti humnaan irraa fudhatame hundi akka deebi'u, kisaaraa sababa waraana kanaa mudateef beenyaa akkasumas Raashiyaan yakkaan akka himatamtu kan jedhuudha.
Kana hunda Raashiyaan kuffisteetti.
Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitrii Peskov Pirezidant Putiin mari'achuuf qophiidha, garuu ''galma amma karaa humna waraanaan milkeessaa jiran, karaa mariinis milkeessuu itti fufuun yoo danda'ame qofa,'' jedhan.












