Sooriyaan yaaddoo addunyaa miti - Dursaa finciltootaa Ahimad al-Shaaraa

Yeroo ammaa Sooriyaa kan of harkaa qabu hogganaan finciltootaa Ahimad al-Shaaraan biyyisaanii waraanaan waan dadhabdeefuu, ollaa isheefis ta'e biyyoota lixaatiif yaaddoo akka hin taane dubbatan.
Hoogganaan hidhattootaa kunis gaaffii fi deebii BBC waliin Damaasqootti taasisaniin, qoqqobbii biyyasaanii irratti kaa'ame akka kaafamu gaafatan.
"Qoqqobbiin sirna duriirratti waan xiyyeeffateef kaafamuu qaba. Miidhamaa fi cunqursaan haala wal fakkaatuun ilaalamuu hin qabu," jedhan.
Shaaraa haleellaa cimaa inni durseen erga sirna Bashaar al-Asaad kuffisee torban lama hin guunne.
Inni hogganaa garee Haayaat Taahriir al-Shaam (HTS) kan gamtaa finciltootaa keessatti olaantummaa qabuu yoo ta'u, kanaan dura maqaa qabsoo Abu Mohammed al-Jolaani jedhamuun beekama turan.
Akkasumas dhaabbanni isaanii HTS galmee dhaabbata shororkeessummaa irraa haqamu qaba jechuun gaafatani.
Dhabbanni bara 2016'tti garee al-Qaayidaa irraa gargar bahee kuni, UN, US, EU fi UK fi biyyoota kaan biroo hedduudhaan akka dhaaba shororkeessaatti tarreeffameera.
Shaaraa akka jedhanitti, dhaabnisaa HTS garee shororkeessaa miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaaniis namoota nagaa ykn naannoo namoonni nagaa keessa jiraatan irratti akka hin xiyyeeffanne himan.
Siriiyyuu, akka miidhamtoota yakka mootummaa Asaad ta'aniitti of ilaalu.
Sooriyaan Afgaanistaan akka fakkaattu jijjiiruu barbaaduu haalaniiru.
Shaaraan biyyoonni kunneen baay'ee addadha, duudhaa adda addaas kan qabaniidha jedhan.
Afgaanistaan hawaasa gosaa ture. Sooriyaa keessatti ammoo yaadni adda ta'e akka ture dubbatan.
Kana malees, barnoota dubartootaan akka amanu dubbatani.
Shaaraan ''bulchiinsa kaaba lixa Sooriyaa bara 2011 irraa eegalee finciltootaan qabamte eeruun, ''waggoota saddeet oliif Idlib keessatti yunivarsiitiiwwan qabna,'' jedhan.
"Akkan yaadutti dubartoonni yunivarsiitiiwwan keessa jiran %60 ol natti fakkaata."
Akkasumas dhugaatiiin alkoolii hayyamamaa ta'usaa ilaalchisuun kan gaafataman Shaaraan: "Sababii dhimma seeraa ta'aniif qofa, dhimmooni ani irratti dubbachuuf mirga hin qabne hedduudha."
Itti dabaluudhaanis, "koreen ogeeyyii seeraa Sooriyaa heera mootummaa barreessan jiru. Isaanis ni murteessu. Akkasumas bulchaan ykn pirezidantiin kamiyyuu seera hordofuu qaba" jedhan.
Shaaraa guutuu gaaffii fi deebii waliin taasifamee keessatti baayyee of gadhiisuun, uffata siiviilii uffatanii turan. Lammiileen Sooriyaa hedduun garuu isaan hin amanan.
Gochaawwan bulchitoonni Sooriyaa haaraa kanneen ji'oota muraasa dhufan keessatti fudhatan, gosa biyya Sooriyaa akka taatu barbaadan akkasumas akkaataa isaan itti bulchuu barbaadan ni agarsiisa.












