Gaazexeessaan Gaanaa Badhaasa BBC Komlaa Dumor 2025 mo'ate

Gazexeessaan Gaanaa Goodwiin Asedibaa badhaasa BBC Komla Dumor bara 2025 mo'ate.

Gaazexeessaan gabaasaaleen qorannoorratti hojjetu, fiilmii hjjetu akkasumas oduu dubbisu (anchor) Gaanaa keessatti TV3 fi 3FM waliin kan hojjetu yoo ta'u, badhaasa kana argachuun nama 10ffaadha.

Oduu inni hojjete sabaa-himaalee idil-addunyaa baayyeerratti dhiyaataniiru.

Gaazexeessaan umuriin isaa wagga 29 ta'e kun yeroo baayyee haqa jallate saaxiluudhaaf oduuwwan nama hawwatanirratti xiyyeeffachuun sagaleen hawaasa moggeeffamanii akka dhageettii argatu taasisuun beekama.

Badhaasni yeroo ammaa wagga kudhan guute kun, gaazexeessaa Gaanaa BBC World News irratti oduu dhiyeessuun beekamu umurii wagga 41tti bara 2014 du'e, Dumoor yaadachuuf kan jalqabamedha.

Ofitti amanamummaa guutuufi gootummaan ardittii bakka bu'uun gama gaarii isheen qabdu kaasuun Seenessa Afrikaa bifa danuu ta'e addunyaatti fiduudhaaf dadhabe osoo hin jedhiin hojjechaa ture.

"Legaasiin [dhaalli] Koomlaa seenaawwan Afrikaa gadi fageenyaan, kabajaafi sodaa tokko malee dhugaaf dhaabbachuun himamuu akka qabu nu yaadachiisa," jedhe Goodwin Asedibaa.

Badhaasa kana mo'achuun gaazexeessaa Gaanaa kanaaf "milkaa'ina dhuunfaa" miti, garuu miira gaazexeessummaa akka namni waa beeku, kaka'umsa qabaatuufi jijjiirama fidu fuulduratti tarkaanfachiisuuf waamichadha".

Abbootiin murtii badhaasa kanaa hojii qorannoo fi cichoomina Goodwin Asedibaan amanamummaa gaazexeessummaaf agarsiisu hedduu dinqisiifatan.

Addatti oduu ittiin boonu hojjetu keesssaa tokko bakka kuufama reeffaa Gaanaa guddicha dagatameefi yaaddoo fayyaa hawaasaa ta'erratti qorannoo gaggeessuun gabaasedha.

Goodwin Asedibaa gara Landanitti imalee gareewwan BBC News jala jiran televizhiinii, raadaiyoofi oonlaayiniirratti hojjechaa ji'a sadii waliin dabarsuuf qophaa'aa jira.

Waggoota kurnan darban keessa Baadhaasni Komlaa Dumor kun gaazexeessitoota Afrikaa kennaa addaa qaban hanga tokko ogummaa isaaniin akka qaraman gargaareera. "Yeroo isaaan akkas guddataniifi dhiibbaa waaraa BBC fi isaan alatti uuman arguun carroomuudha," jette daarektarri BBC kan naannoo Afrikaa Juuliyet Nijeerii.

Gageesexxeessitoota BBC buleeyyiirraa leenjiifi gorsas kan argatu ta'a.

"Waggaan 10ffaa isaa kun dhaala Komlaa Dumor darbee jiraatuuf ragaa jabaa ta'ee kan mul'atudha: ija jabina, oduu humna qabu himuun, akkasumas sagalee Afrikaan akka kallattii dhageettii argatan gochuudhaan kaka'umsi isaa adda ture."

Akka qaama ramaddiitti, Goodwin Asediibaa oduu karaa BBC hordoftoota addunyaatiif darbu gabaasuuf gara biyya Afrikaa tokkoo deema.

Badhaasa kanaan dura kan fudhatan Ruukiyaa Bulee, Paa Kwesi Asare, Dingindaba Jonah Buyoya, Victoria Rubadiri, Solomon Serwanjja, Waihiga Mwaura, Amina Yuguda, Didi Akinyelure fi Nancy Kacungira, injifattuu eebbaa dha.

Bara darbe Buleen gara Senegaal imaluun waa'ee Baye Fall - garee xiqqaa Muslimaa kan bifti isaanii nama dinqisiisu adda isaan taasisu gabaasa ture.