Paastar Daani'eel: Lallabaan kiristaanaa humna leencota madaqsuu qaba jechuun soba ta'e

Viidiyoon nama suufii cuquliisaa uffatee leenca sadii ofitti harkisu agarsiisu tokko biyyoota Afrikaa hedduu keessatti toora interneetii irratti bal'inaan qoodamee ture.

Ta'us akka namoonni hedduun toora interneetii irratti himanitti, Paastariin waldaa tokko leencota madaqsuuf humna qabu agarsiisuu isaa kan mul'isu miti.

Waraabbii viidiyoo gabaabaa kana keessatti namni suufii bifa cuquliisaa uffate tokko leencota waliin taphachaa, yeroo tokko ammoo harka isaa afaan isaanii keessa kaa'ee mul'ata.

Mooraa sanaan alatti namoonni muraasi ilaalaa turan, kaan viidiyoo waraabaa kaan ammoo suuraa ka'aa turan.

Viidiyoon kun mataan isaa dhugaa gahaa ta'e waan mul'isuuf, itti dabaluu yookiin irraa hir'isuu hin barbaachisu.

Namni kun eenyuree?

Toora interneetii irratti bal'inaan akka odeeffamutti namni kun Paastarii waldaa, seenaa Macaafa Qulqulluu Daani'eel boolla leencotaa keessatti irra ga'e jedhamee kaa'ame sana irra deebi'ee uumuun, humna isaa hordoftoota isaaf mirkaneessuuf jecha leencota akka madaqseedha.

"Paastar Daani'eel miseensota waldaa isaa fidee, isaan fuulduratti nama Waaqayyoo hamtuun tokkollee akka hin mudanne itti agarsiisuuf ture," jechuun biloogar lammii Naayijeeriyaa tokko toora inistaagiraamii isaa irratti barreesse.

Viidiyoon kun guyyoota darban keessa Gaanaafi Naayijeeriyaa keessatti bal'inaan kan qoodame yoo ta'u, ka'umsi isaa garuu Somaaliyaa irraa ta'uun barameera.

Keeniyaattis buufanni televizhiinii biyya keessaa tokko viidiyoo kana miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeera.

Kunis xiyyeeffannaa miseensa paarlaamaa Keeniyaa Roonaald Karaawurii argate. Qondaalli kun seenaa Daani'eel fi leencotaa kan amane fakkaatee barreesse.

"Ani nama kana gara paarkii biyyaalessaa Maasai Mara isa geessuuf iyyamamaadha maaloo, baasii hunduu kaffalameera. Leencota ni barbaanna, inni immoo isaan waliin deemuu danda'a," jechuun toora X, duraan tiwiitara ture, irratti barreessan.

BBCn viidiyoo namichi kun hogganaa waldaa akka hin taane adda baaseera.

Mala suuraa mirkaneessuu (reverse image search) fayyadamuun viidiyoo bara 2021 paarkii turistii magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti waraabamee YouTube irratti gadhiifame ta'uu mirkaneesse.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti akkaan qoodame kan namni leencota eegu yeroo gaaffii fi deebii taasisu waraabameen walsima.

Akkasumas, namichi viidiyoo kanaan duraa keessatti gaaffiifi deebiin taasifameef, maqaan isaa Mohammad Abdirahman Mohammad jedhamu, kan kilippii guyyoota darban guutuu Afrikaa keessatti qoodamaa turee wajjin tokko ta'uu isaa adda baasuu danda'eera BBCn.

Inni nama dawoo leencotaa eegu yoo ta'u, paarkii kana keessatti waggoota saddeetii oliif hojjechaa jira.

Seenaan kun paarkii turistii Moqaadishoo keessa jiru kan eere yoo ta'u, maqaa kana TikTok irratti afaan Somaaleetiin barbaaduun gara akkaawuntii viidiyoon jalqabaa itti maxxanfame tokkotti geesse.

Viidiyoonni biroo Mohaammad leencota waliin agarsiisan jiru, inni jalqabaa bara kana ji'a Bitootessaa keessa maxxanfame.

Fuula Feesbuukii maqaa paarkii kanaan baatii Eblaa keessa, leencota kana akka hawwata yeroo ayyaana Iidaatti beeksisan hordofneerra.

Obbo Mohaammad, namni leencota madaqsu kun, bara darbe gaazexeessaa BBC Afaan Somaalee Mohaammad Abdiiyaaziiz waliin haasa'ee ture.

Leencotaa fi bofa dabalatee bineensota kunuunsu leenjisee akka turee fi amma akka isaaf nagaa ta'anitti akka ilaalu dubbateera.

Gaaffii fi deebii BBC Afaan Somaalee waliin taasise irratti, mataa bofa kanaa afaan keessa kaa'atee yeroo inni agarsiisu namoonni naannoo isaa rifatanii iyyaa turan.

Obbo Mohaammad waa'ee bineensota bosonaa guddisuu fi kunuunsuu ofuma isaaniitiin barachuu fi dandeettii isaa irratti ofitti amanamummaa qabaachuu dubbata.

"Miidhaa hin geessisan, akka ijoollee kooti" jechuun BBC Somaaleetti hime.

Garuu taateewwan leencotaa fi bineensonni biroo madaqfamanii nama haleeluun waan hin baratamne miti.

Bara darbe namni tokko Gaanaa magaalaa Akiraatti mooraa bineensota bosonaa keessa erga seenee booda leencaan nyaatamee du'e.