Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Landanitti xiyyaaronni Kooriyaa fi Ayislaand walitti bu'an
Xiyyaaroonni lama buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa UK- Heetorootti ''xiqqoo waliitti bu'uu'' dubbii himtuun buufata xiyyaarichaa mirkanneessite.
Taateen kunis kan mudate Roobii ykn Fulbaana 28, 2022 alkan keessa jedhameera.
Xiyyaaroonni taatee kanaan waliitti bu'anis xiyyaara Ayislaandaayir fi xiyyaara daandii qilleensaa Kooriyaa yoo ta'an, kan walitti bu'anis dirree balaliinsaa gubbaatti jedhamera.
Xiyyaaroonni Ayislaandaayir yeroo baayyee US irraa biyyoota Awurooppaa fi Ayislaanditti tajaajila balaliinsaa kan kennaniidha.
Maddi taatee kanaas qoratamaa jiraachuutu himame.
Dubbi himtuun buufata Xiyyaara idil-addunyaa Heetoroow, ''Taatee mudateen walqabatee miidhaan qaqqabuu ilaalchisee kan gabaafame hin jiru.
Haata'u malee tajaajilliwwan balaa yeroo tasaa imaltoonniifi hojjattoonni xiyyaaraa hundi nagaa ta'uusaanii mirkaneessuuf hirmaataa jiru,'' jettee jirti.
Imaltoonnis sadarkaa balaliinsawwan isaanii akka ilaallataniif gaafatamaniiru.
Imaltoota wayita taateen kun mudateetti balaliinsi tursiifamuu isaatiin miidhame keessaa tokko gaazexessaa beekamaa Jeennie Gow tokko.
Gaazexessaan Guardian Dan Sabbagh, wayita taateen sun mudatutti xiyyaara Daandii Qilleensaa Kooriyaa keessa jiraachuu kan dubbates, xiyyaara kaan waliin silaa 'walitti bu'uuf' turan jedheera.
Ergaa karaa toora tiiwitara isaatiin barresseen, ''Xiyyaara Daandii qilleensaa Kooriyaa kan buufata Heetrootti xiyyaara Ayislaandaayir waliin waliitti bu'uuf ture keessan ture. Imalaan gama gara sanaatiin ture fi balaa sana arge akka natti himeetti balaliisaan xiyyaara keenyaa eegee xiyyaara kaanii miidheera.
''Ani xiyyaara kanarran ture garuu keessatti omtu nutti hin dhagahamne jechuu hin dandeenyu. Ammatti balaan qaqqabe omtu hinjiru, omtus hin hubamne,'' jechuun barreesse.