Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha biyya ollaan booda, dureen Kaameruun hooggantoota waraanaa haaraa muudan
Afrikaatti pireezidantiin bara dheeraaf bulchaa jiran, guyyaadhuma juntaan biyya ollaa Gaaboonitti aangoo qabatetti hooggantoota waraanaa haaraa muudan.
Pireezidantiin Kaameruun Pool Biyaa, ministeera ittisaa fi raayyaa waraanaa keessatti guyyaa Roobii caaseeffama hedduu gaggeessan.
Caaseffama haaraa kanaaf sababni kenname hin jiru.
Ministirra ittisaa Kaameruunitti daarektarri komunikeeshinii Koloneel Siriil Guwemoo, pireezidantichi muudama haaraa kana guyyoota hedduun dura itti yaadaa kan turanidha jechuun tajaajila oduu Tarkiitti himan.
Haatahu malee "fonqolcha mootummaa biyyoota kolonii Firaans turanitti mudachaa jiruun.. dureen biyyootaa barcumarra ganna hedduuf turan," kun isaan yaaddeessuu qaba jedhan ogeessi nageenyaa.
Deevid Otoo dabaluun: "dhalootni ammaa hoggantoota waraanaa of keessaa qabu kun, biyya akka qabeenya dhuunfaatti sirna bulchu, kana booda hin obsu," jedhan.
Aangoon Pireezidant Biyaa filannoo marroo jalqabaan booda muddama keessa kan galee ture tahus, isaan booda garuu amanamummaa waraana isaanii eegsisuu danda'aniiru. Gaafas loltoonni humnaan aangoo qabachuuf yaalanii otoo hin milkaa'in hafan.
Biyya ollaa kolonii duraanii Faransaay taateefi qabeenya boba’aadhaan badhaate Gaabonitti, torban kana keessa fonqolchi mootummaa raawwateera.
Gaggeessitootni waraanaa Gaaboon karaa foddaa televizhinii biyyattii as bahuun aangoo harka galfachuu himan.
Bu’aa filannoo Alii Boongoo ittiin mo’achuu ibsame akka hin fudhannes himan. Paartiin mormituu bu’aa filannichaa burjaaja’eera jechuun himatanii ture.
Dabalataan humni waraanaa biyyattii biyya ganuun himachuun ilma Alii Boongoo tokko to’annoo jala oolchuus himan.
Taateen kuni bara aangoo maatii Alii Boongoo waggaa 55tti xumura godheera.
Abbaan Alii Boongoo, Omaar Boongoo, biyyattii Giddugala Afriikaa kana ganna 42'f gaggeessuun bara 2009 boqatan.
Ilmi isaanii Alii Boongoo ammoo aangoo harkaa fudhachuun hanga fonqolchaan aangoo irraa kaafamanitti gaggeessaa turan.