Mariin Mootummaa fi WBO milkii malee xumuramuu qaamoleen lamaan ibsan

Ambaasaaddar Rediwaan Huseen (bitaan), Marroo Dirribaa (mirgaan)

Madda suuraa, Rediwaan Huseeniifi screenshot from Al-Jazeeraa video

Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)fi Mootummaa Federaalaa gidduu jiru goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi WBO ibsa qofa qofaan baasaniin beeksisan.

Mariin nagaa furmaata fida jedhamee hawaasa birati abdatame kun milkaa'uu dhabuu isaatiif tokko isa kaan komachuudhaan qaamoleen lamaan quba walitti qabaniiru.

Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf Taanzaaniyaa magaalaa Daaree Selaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu jalqaba kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee kan ta'an Ambaasaaddar Redwaan Huseeni.

Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Ambaasaaddar Reedwaan ''mariin marsaa lamaan Shanee/ WBO waliin gaggeessaa turre waliigaltee malee xumuramee'' jechuun X gubbaatti ibsan.

WBO gama isaan fuula X gubbaatti ibsa baaseen, ''haala Itoophiyaa keessa jiru uummata Oromoofi lammiilee biyyattii hundaaf tolchuuf mariin hooggana olaana hirmaachiisuun gaggeessaa turre'' milkii malee xumuramee jedhe.

Mootummaan Federaalaa ''lola kutaalee Oromiyaa garii keessatti gaggeefamaa tureen dararaa mudate goolabuu barbaade ture'' kan jedhan Ambaasaaddar Redwaan ''mata jabina qaama isa kan biraan waliigaltee malee xumurame'' jedhan.

Mariin marsaa lammataa kun qondaalota waraanaa olaanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa ture.

Ta'uus dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee adeemsa marichaa irratti hanga har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa bira gahaa hin turre.

''Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan [WBO] qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababadha'' jedhan Ambaasaaddar Redwaan.

Ambaasaaddar Reedwaan mootummaan fedhiiwwan jiran simachuuf ejjannoo isaa jijjiiruun ''furmaata qaama lamaaniinu fudhatama argachuu danda'u soqaa ture'' jedhan.

WBO ammoo ''marii Zaanzibaariifi kan Daar es Salaamirratti bulchiinsa naannoo Oromiyaarratti jijjiiramni guddaan akka dhufu wixinee qopheessinee ture'' jechuun mootummaan wixinee dhiyaate fudhachuu hanqachuu akka sababaatti kaase.

''Fedhiin mootummaa Itoophiyaa hooggansa WBO ofitti makuu malee rakkoo bu'uuraa nagenyaafi siyaasa biyyattii furuurraa kan maqeedha jedhe.

''Carraan seena qabeessi kallattii sirriin tarkaanfii guddaa deemsisuu danda'u kun kan fashale mootummaan Itoophiyaa adeemsa isaa sirreessuu hanqachuuni'' jedha ibsi Waraana Bilisummaa Oromoo.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mariin kun jaarsummaa dhaabbilee akka IGAD, biyyoota akka US, Noorwaay fi Keeniyaan gaaggeefamaa ture.

Ajajaan waliigalaa WBO Kumsaa Dirribaa marii kanarratti argamuu isaa dabalatee, sababoota adda addaaf mariin alanaa milkiin goolabama abdiin jedhu guddaa ture.

Ambaasaaddar Reedwaan ibsa baasan keessatti xumurri maricha akka eegame ta'uu dhabuutti ''gaabbuu'' ibsanii, dhaabbilee marii kana qindeessaa turaniif biyya maricha keessummeessite galateeffataniiru.

Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa [Kumsaa Dirribaa] Taanzaaniyaatti marii nagaa irra osoo jiraanii tibbana marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota ABO-WBO waliin haasaa godhaniin ''Oromoon hojiin ijaaramuu qaba,'' yaada jedhu dubbatanii ture.

Waayee marii nagaa gaggeessaa jiranii ifatti kan hin dubbanne ' Jaal Marroon', ''Waan amma deemaa jiru kana sana jechuu hin barbaadu. Naamusa isaas miti waan taheef. Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira. Kana beekaa'' jedhee ture.

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO lola kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessa waggoota afuriif gaggeessaa jiranitti xumura gochuuf yeroo jalqabaaf marii kallattiif kan wal argan ji'a jaha dura ture.

Mariin jalqabaa odola Zaanzibaaritti gaggeessan wal-hubannaa uumuufi marii dabalataaf haala mijeessuun goolabamuus qaamoleen lamaan ibsanii ture.