Lola Daarfuur: 'Reeffa namaa konkolaataa Pick-up guutuun arge'

Madda suuraa, ABDALLALATEIF ELTAYEB
Waliigalteen waraana dhaabuu taasifamulleen, bulchiinsa Lixa Sudaan kan taatee Daarfuur keessatti milishoota Arabaa bakkeewwan man-kusaa, lafa gabaafi maneen irratti kiyyeeffataniin waraanni gaggeeffamaa jira.
Qondaalli poolisii gammeessi ajjeeffamuu hojjataa deeggarsaa lammii Sudaan tokkoo sababii waraanichaatiin ofiisaatii siree jala dhokatee akka jiruu BBCtti hime.
‘‘Gara mana fincaanii mataasaa dhaqu hin dandeenye’’ jechuun Abdullaalaaxif Eltaayeb bilbilaan magaala Guneinaa irra BBCtti hime.
Waraanni cimuun amma gara walitti bu’iinsa sabaatti jijjiramuun muddama uumeera jedhan.
Daarfuur duraanuu waggootaaf wal dhabdee hawaasa Afriikaa fi Araba jidduutti mudatuun rakkataa turte.
Bara 2003tti wayita kanneen Araba hin taanee loogiin nurra gahaa jira jechuun mootummaa irratti waraana bananii turaniitti, mootummaamis milishoota Arabaa kanneen ajjeechaa hedduu raawwachuun himata irratti kaasuun tarkaanfii irratti fudhate.
Hanga har’aattis, gareewwan hawaasa Daarfuur Afriikaa hedduun nageenya isaanitiif jecha kaampiiwwan keessatti dahatanii jiraatu.
Ammas milishoonni Arabaa kan humna addaa (RSF) raayyaa ittisa biyyaatiin wal waraanaa jiru, waliin hidhata qaban, haala qaawwa nageenyaa biyyattii keessatti umameetti fayyadamaa jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Karaa balbala duraa kan mana fincaaniitti dhiheenyaan argamuutti dhukaasa hedduutu raawwataa jira. Yeroo hunda mana fincaanii dhaquu yoon barbaade daqiiqaawwan shanii hanga 10 dhukaasni jiraachu erga adda baaseen boodan deemuu danda’a,’’ jedha Abdullaaxif.
Torban guutuu Lixa Daarfuur keessatti waraanni cimaan gaggeeffamaa jiraachutu gabaafame.
Guyyaa Roobii Daareektarrii Poolisii Bulchiinsa Daarfuur, Birgaader Janaraal Abdal Baaqi Al-Haasan Mohaammad itti dhokaafamee ajjeefamuutu gabaafame
Taateen ajjeechaa kunis erga namoonni nagaa buufata poolisii bulchiinsa Daarfuur Lixaa cabsuun qawwee saamanii guyyaa tokkoon booda.
"Milishoonni Arabaas namoota bakka jireenyaa isaanii irra buqqa’an irratti haleellaa raawwataa turan. Kaampiiwwan bakka dahannoo hundas gubaniiru,’’ jedhan Abdullaaxif.
"Isaan boodas buqqaattoonni gara waajjira mummee pooliisii dhaquun amma meeshaa hidhataniiru. Gaafa Kibxataa ofirraa ittiisuuf yaalaniis garuu isaan hin dandeenye. Namoota hedduutu ajjeeffame.’’
Abdullaaxif guyyoota shanan darbaniif ibsaa waa manaa hin qabneefu bilbila harkaasaa guuttachuuf manaa wayita baheettis waan cimaa ta’etu isa mudate.
"Reeffa namoota ajjeeffamanii konkolaataa pick-up guutuu fi milishoonni Arabaa ija aariitiin yoo nu ilaalaniin arge.
"Isaan booda gara manaa deebii’een baatiirii fayyadamu eegale. Amma innuu na jalaa dhumaa jira. Dhuma guyyaattis tarii bilbilaan argamu dhiisuun danda’a,’’ jedhe.
"Aniifi hiriyoonni koo miliquudhaaf yaallee turre garuu carraan omtuu hin jiru.’’
Dhaabbanni mit-mootummaa inni hojjatuuf ‘War Child’ hojjattoota isaa lammii Sudaan bakka sanaa hin taanee baasuudhaaf UN waliin hojjataa jiraachufi rakkoo cimaan isa mudataa akka jiru dubbate.
‘‘Hojjattoota keenya gargaaruuf kan nuuf danda’ame hunda raawwataa jirra, garuu ammoo amma El Geneina keessatti sadarkaa UN itti namoota baasuu hin dandeenyeetti waraanni cimeera. Baayyee cimaa ta’aa jira,’’ jedhan Daaraa Mcleod, Daareektar Olaanaan Dhaabbata War Child Canada yoo BBCtti himaniitti.
Sudaanitti ergamaan addaa UN Volkar Pertees gareen Daarfur keessatti argaman ‘‘haala jirutti fayyadamuun warana mataasaanii gaggeessaa jiru’’ jedhan.

Madda suuraa, ABDALLALATEIF ELTAYEB
"Kanneen ummata biyyattii, Daarfuur fi naannicha keessatti argamaniif tika taasisuu qaban amma si’ominaan wal waraansa keessatti waan hirmaataa jiraniifuu haalli baayyee cimeera’’ jechuun BBCtti himan.
Waggoota 20 dura wayita waraanni Daarfuur keessatti eegaleetti, milishoonni Arabaa bulchiinsa pirezidantii duraanii Omaar al-Baashiriin hidhachiifaman Janjaaweed jedhamuun beekamu ture.
Isaanis namoota kuma dhiibbaan lakkaa’aman ajjeessan. Gochaan isaanii kunis duguggaa sanyii jaarraa 21ffaa jalqabaa jedhamun ibsamee ture.
Humni addaa (RSF) kunis miseensoota duraanii Janjaaweed kanaan waan hundeeffamaniifi ammas dantaa isaaniif jecha naannichatti mudamma durii sana kaasu jedhamee sodaatamaa jira.
Ittaanaan Baashiir kan ajjeechaa Janjaweed keessatti hirmaatee ture mana hidhaa Kaartumii miliqunsaa ammoo haala jiruu caalaa akka wal xaxaa hin taasifne sodaatamaa jira.
Namoota akka miliqan himamee keessaa tokko Ahimad Haaroon Ministira Dhimma Keessoo kan Mana Murtii Yakka Idil-Addunyaatii (ICC) yakka waraanaa Daarfuriitti raawwatameen wal qabatee barbaadamaa jiru ni argama.
Jeequmsa tibbanaatiin kan miidhame Lixa Daarfuur qofas miti. Gaazexessaafi falmaan mirgaa Ahimad Goujaa, milishoonni magaala Nyaalaa kan Kibba Daarfuriitti argamtutti namoota nagaa dararaa jiraachu hima.
‘‘Qabeenya ummataa saamaa, barbadeessaafi namoota ajjeessaa jiru,’’ jechuun Sagantaa BBC Newsday’tti hime.
Abdullaaxif ammoo karaa danda’ameen achii bahu barbaada. ‘‘Asii bahee gara maatiikoo Kaartum imaluun barbaada. Kun yoo hin danda’amne ammoo Buufata Sudaanan deema, achii fira waanan qabuf. Yookan ammoo hanga haaalli tasgabbaa’uuttu daangaan Chaad dhiyoo waan ta’eef achiitti imalee turuun booda maatiikoo bira Kaartuum imaluun fedha,’’ jedha.
Haata’u malee Daarfuur keessatti waliigalteen dhukaasa dhaabu waan hin taasifamneef yoo akka achi bahun maatii isaatti makamuu danda’uhin beekamu.












