Haftee qaamafi kophee dhibbaan lakkaa'aman: Waantoota suukaneessoo 'kaampii du'aa' Meeksikoo keessatti argaman

Kophee dhibbaan lakkaa'aman Raancho Izaagiree keessatti argame

Madda suuraa, GBJ

Ibsa waa'ee suuraa, Kophee dhibbaan lakkaa'aman Raancho Izaagiree keessatti argame

Lafee gubate, kophee, boorsaa, uffataafi xalayaan dhaamsa nageenya dhumaa, argannoo gareen aktivistoota namoota sababa jeequmsa baandaawwaniitiin walqabatee Meksikoo keessatti dhabaman barbaadaa turan keessaa muraasni argachuun biyyattii rifachiiseera.

Gareen qorattootaa ''Guwereros Buskaadorees de Kaliiskoo'' jedhamuun beekamu dhiheenya kana bakka qonnaa Izaagiiree jedhamu kan ganda baadiyaa Gudalaahaaraa jedhameen alatti lixa Meksikootti argamu keessatti "bakka qacarrii fi ajjeechaaf" oola jedhame arganadda baasan.

Naannoon kunis garee Kaarteelii Dhaloota Haaraa Jaalisko (CJNG), garee kaarteelii kan qoricha sammuu hadoochu Meksikoo keessaa isa guddaafi beekamaan buufateedha.

Eddoon kunis Fulbaana bara darbee irraa kaasuun aanga'oota federaalaa fi naannichaatiin to'atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa ture.

Bakkichatti hafteen qaama namaa argamu kan danda'e garuu erga miseensoonni qorattootaa barbaacha eegalaniin boodadha.

Dubbii himaan garee qorattoota ''Guwereros Buskaadorees de Kaliiskoo'' Indiiraa Navaaroo, ''kanaan dura manneen kuutaa qoricha sammuu hadoochoo ta'an seennee beekna, eddoon leenjiifi ajjeechaaf ooluu garuu hin beeknu'' jechuun oduu AFPtti dubbatan.

Naannawa yakki keessatti raawwatamaa ture

Bara 2015tti bulchiinsa Soonoraatti kan badee obboleessashee Heesuus Heernaan Navaaroon barbaadaa kan turte Indiiraa Navaaroo, ''bakkicha kan argannee erga namoota hin beekamne hedduu irraa nu bilbilamee boodhaadha. Bakka awwalchaattis haftee qaama namootaa gubata arganne'' jetti.

Biiroon abbaa alangaa Kaliiskoo BBCtti akka himaniitti, bakkichatti hafteen reeffa namotaa kan argame yoo ta'u, isaan keessaayis kan murtaa'an ''mallattoo gubachuu'' qabu. Baayyinni namoota ajjeeffamanii hangam akka ta'e garu hanga yoonaatti hin baramne.

Kpheewwan, uffannii fi boorsaawwan dhibbaan lakkaa'aman bakkichatti argamunsaa bakkichatti ajjeechaan hedduun raawwatameera ta'a yaaddoo jedhu uumeera.

Gaaffiiwwan argannoon kun uume

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan alangaa Bulchiinsa Kaliiskoo, Saalvaadoor Gunzaaleez, gabaasaaleen sochii yakkaa bahuu hordofee miseensoonni eegumsa biyyaaleessa Fulbaana irratti naannicharratti duula fayya yakkaa gaggeessan.

Kanaanis namoonni kudhan to'annoo jala yoo oolfaman, namoonni butamanii turan lama bilisa bahan. Kaan ammoo walitti bu'iinsa aanga'oota waliin umameen naannichaa baqatan.

Qorannoo gaggeessaa kan ture eegdoonni biyyaaleessaa, reeffa qorannoo bal'aaf sababa ta'e argattulleen yeroo sanatti reeffii gara biraa akka hin argamne Gunzaaleez dubbateera.

Falmitoonni mirgaa gara naannichaa deemuun hanga ofiin barbaacha eegalaniitti haalichi akkasumaan itti fufee ture.

Abbaan alangaa, ''agannoo ammaa yoo ilaalu hojii hojjatame gahaa akka hin turre ifa ta'eera. Kana hordfuun haqina aanga'aa kamiin umamee adda baasuudhaafi itti gaafatamummaa isarra kaa'uuf qorannoo banneera'' jedhan.

Hojii ka'umsaa bara darbe hojjatamee kaasee sochiileen gara biraa akka hin taasifamne kan dubbatan abbaan alangaa kun, hafteewwan qaama namaa falmiitootaan argaman carraan miidhamtoota yeroo dhihoo ta'usaanii gadaanaa ta'u kaasan.

Pirezidantiin Meeksiikoo Kilaawudiiyaa Sheenbaawu, hojii qorannoo kanas abbaan alangaa biyyaalessa biyyattii akka qabatan ajajaniiru.

Bakkichaatti manneen muraasni argamanis irra caalaansaa lafa duwwaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkichaatti manneen muraasni argamanis irra caalaansaa lafa duwwaadha

Argannoo sukkanneessaa

Eddoon horsiisa Izaagiiree lafa roga afur qabu yoo ta'u, gamoowwan muraasa kan qabuufi bakka dallaansaa ijaarsaan dalleeffameedha. Innis lafa qonnaa walakkaa magaalaa Tawuchiikilaa keessatti argama.

Qorattoonni akka dubbataniitti gara naannichaa wayita seenaniitti meeshaalee akka kophee, uffataa fi boorsaa jiran agratan. Kunis namoonni baayyeen naannichaan darbusaanii namoonni akka eeran ibsan.

Dubbii himaan garichaa Indiiraa Navaaroo, ''jalqabarraa kaasee uffata baayyee arganneerra. Kopheewwanis arganneera. Namoonni argannoo kanan suuraalee yeroo dur, bara waraanaafi ajjeechaa waliin wal madaalchisaa waan turaniif nama baayyee bira gaheera.

''Lubbuun namootaa asitti badaa waan tureef eddoon kun sirriitti eddoo ajjeechaa, qaccarrii fi barbadeessuuti'' jechuun AFPtti himteetti.

Itti aansees, dabtaroonni yaadannoo maqaa masoo qacaramtootaa ta'u malaniifi suuraaleen argamaniiru. Rasaasa gara 100 ta'anis arganneerra.

Dabalataanis gareen qorannichaa, ''jaalalleekoo tarii yoon guyyaa tokko hin deebiine ta'ef, wantiin si gaafadhu tokkichii hangam akkan si jaaladhu qofaadha. Kanaafu, aariikoo, dallansuun fi innaaffaan koo deemeera jedhii dubbadhu'' jechuun xalayaan barra'e argameera.

Xalayicharrattis maallattoo akkasumas eddoon dhalootaa fi guyyaansaa irratti barraa'ee ture.

Yeroo barbaarchaaf qotamu

Madda suuraa, GBJ

Bakkichatti uffata, kopheewwan fi boorsaa dabalatee meeshaalee gara 400 ta'u argamu abbaan alangaa bulchiinsa Kaliiskoo beeksiiseera

Madda suuraa, FGJ

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkichatti uffata, kopheewwan fi boorsaa dabalatee meeshaalee gara 400 ta'u argamu abbaan alangaa bulchiinsa Kaliiskoo beeksiiseera

Dhumarratti biiroon abbaa alangaa bulchiinsichaa barreessaan xalayichaa, ''lubbuun akka jiruufi Onkololeessaa 2024 irraa kaasee'' gara maatiisaatti deebii'uu beeksiise.

Falmiitoonni kanaan dura barbaacha bakk irratti gaggeessan irraa muuxannoo argatan irraa ka'uun mallattoolee namoota du'an agarsiisan barbaacha qotuu eegalan.

Qotiinsa kanaanis lafee namootaa kan argatan yoo ta'u, muraasni isaanii kan ibiddaan gubatan akka ture mallattoon agarsiisuu argamaeera.

Navaaroo akka ibsiituutti, eddoon kunis haala kanaan dura argamee hin beekneetti ''ajjeechaa fi qaccarriidhaaf'' oolaa ture.

Biiroon Abbaa alangaa Bulchiinsa Kaliiskoo BBCtti akka himeetti, baayyinni bakkicharratti ajjeeffaman jedhamanii hanga ammaatti hin beekamu. Lafeen namoota meeqaa akka argame mirkanneessuuf qorannoon reeffaatu barbaachisa.

Haata'u malee, ''lafeewwan bakka jahatti qoodaman boollawwan afur keessatti'' argamusaani aanga'oonni mirkanneessaniiru.

Qabeenyaan dhuunfaa barbaachaan argaman ''sochii seeraan alaa'' irratti hirmaatan akkasumas sochiileen kanneeniif saaxilamoo ta'u danda'an amantaa jedhu qabu.

Xalayaa barbaachaatti argame

Madda suuraa, GBJ

Ibsa waa'ee suuraa, Xalayaa wayita barbaachatti argame xalayaan kun dargaggoo umuriin waggaa 21n kan barreeffame yoo ta'u, namni kunis lubbuun jiraachu hime abbaan alangaa

Eddoo qaccarrii

Falmitoonni, eddoon horsiisa Izaagiiree kan namoonni yakka qindaa'a raawwatan mindeessuudhaaf tajaajilaa akka turan odeeffannoon agarsiisaniiru.

Guwereros Buskaadorees de Kaliiskoo fi dhaabbileen biroo, Meeksiikoo keessatti dargaggoonni ''Kaliiskoo Niiw Janareshiin Kaarteel'' keessatti mindaa olaanaa dadabarsitoota qoricha sammuu adoochoon dhiyaatuuf dogongorfamuun carraa hojii eddoowwan akkasii keessa geeffamaa akka turan waggoota hedduuf eeraa turan.

Dubbii himaan Narvaaroon kan dubbisee miidhaamaan, dargaggoonni dhibbaan lakkaa'aman gara bakkichatti erga geeffamanii booda dararaa fi ''to'attoonni'' kaansaanii akka miidhan taasisuu dabalatee, gochaawwan namoomaa hin taane saaxilamaniiru.

Aanga'oonni kana mirkanneessuu ta'e qindeessuun akka hin danda'amne dubbataniiru. Haata'u malee, bakkichatti, eddoon leenjii taaktiikaa fi gabbisa qaamaa'' akka jiran akkasumas meeshaalee, saanduuqni rasaasaa argamu ibsaniiru.

Qorannoo gama ilaaluun, ''iftoomina'' akka jiraatu kan dubbatan abbaan alangaa Gunzaaleez, biiroon isaa miidhamtoota firoottan isaanitiin akka adda baafamaniif odeeffannoo fi suuraa meeshaalee bakkichatti argaman taasisuu ibseera.

Abbaan alangaa Meeksiikoo Aleehaandiroo Garatiiz akka ibsaniitti, aanga'oonni yaada odeeffannoo falmitootaan argaman hin argannee jedhamu kan adeemsiisu akka hin taane dubbatan.

''Haalli bifa akkasii qabu magaalichaa fi aanga'oota bulchiinsichaatiin hin beekamu kan jedhu kan amanamu miti'' jedhan.

Eddoowwan leenjiidhaaf alla oolfaman shakkamanis naannichatti argamaniiru

Madda suuraa, FGJ

Ibsa waa'ee suuraa, Eddoowwan leenjiidhaaf alla oolfaman shakkamanis naannichatti argamaniiru

Bulchaan bulchiinsa Kiliiskoo Poobloo Leemuus kanaaf deebii kannaniin, ''eenyumtuu harkasaa hin qulleeffatu. Ifa goona, Rakkoon dhabamsiisuu namootaa Meeksikoo keessaa dhimma mootummooti hundi dursa kennaniifii ta'u qabaata'' jedhan.

Gaazeexaan L Yunivarsaal jedhamu, waggoota digdaman darban keessa aanga'oonni Meeksikoo dhaabbileen yakkaa garaagaraa namoota ajjeessuu fi qaamasaanii balleessuuf itti fayyadamaa akka turan yoo xinnaate bulchiinsa shan keessatti eddoo walfakkaatan argatee akka ture gabaase.

Bara 2009tti dursaawwan garee dadabarsitoota qoricha sammuu hadoochoo Tihuu'anaa Kaarteel jedhamu keessaa tokko kan ta'e, Saantiiyaagoo Meezaa Loopeez, dhiheenya magaala Tu'anaatti bakka argamuutti reeffa namoota 300 ta'an ''caustic soda''tti fayyadamuun akka baqu taasisuu ragaa bahuun biyyattii guutuu naasisee ture.

Akka gabaasa gaazexichaatti yakkichii kan raawwatame waggaa sagal keessatti.

Meeksiikoo waggootaaf rakkoo akkasiitiin dararamaa turtetti namoonni 110,000 ol baduun galmaa'eera.

Bulchiinsa Kiliiskootti namoonni badan kuma 15 galmeessuudhaan taatee kanaan biyyattii keessaa dursa irratti kan argamtu ta'u odeeffannoo mootummaa naannichaa ni mul'isa.

Falmitoonni barbaachicha raawwatan odeeffannoo maatiisaanii ilaalatu argachuuf jecha odeeffannoo fi suuraalee bakka horsiisa Izaagiireetii argatan garagalchaa jiru.

''Qorannoowwna kanneen gaggeessuun haala ta'un akka raawwatamu gaafanna. Taateen kun nu naasiseera. Nu qofaas osoo hin taane addunyaa mara naasiseera jedheen yaada'' jedhan Navaaroon.