Abdallaa Haamdook lolli Sudaan yaaddoo addunyaa ta'uu akka danda'u akeekkachiisan

Madda suuraa, EPA
Ministirri Mummee duraanii Sudaan Abdallaa Haamdook waraanni biyya saaniitti eegalee rakkoo Sooriyaafi kan Liibiyaa caalaa cimaa akka hin taaneef akeekkachiisan.
Waaraanichi kan itti fufu yoo ta’e, tari kan ‘‘balaa addunyaa yaaddeessuu’’ ta’u mala jedhan Abdallaa Haamdook.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu janaraaloota wal waraanaa jiran jidduutti taasifame akka dheeratuuf taasifamulleen magaala guddoo biyyattii Kaartuum keessatti haleellaawwan qilleensaa raawwatamaa jiraachun himameera.
Waraanaa torban lama lakkoofsiiseen hanga ammaatti namoonni kumaan lakka’aaman lubbuusaanii kan dhaban yoo ta’u, hedduunsaanii ammoo biyyasaanitii baqachuuf dirqamaniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyaa Kamisaa guyyoota sadiif eegalame ammas guyyoota dabalataatiif akka itti fufuu kan gaafatame biyyoonni ollaafi Mootummoonni Gamtooman, Ameeriikaa fi UKn waan yaalii dippilomaasii cimaa taasiisaniifidha.
Haata’u malee dhukaasa dhaabuun sa’aatii 72’f dheereeffamee kabajamaa akka hin jirre gabaasaaleen ni mul’isu.
Naannawa Kaartuun tokko tokkootti haleellaan qilleensaa, taankiifi madifii itti fufeera jedhama.
MM Sudaan duraanii Abdallaa Hamdook, yaa’ii Magaala guddoo Keenyaa Naayiroobiitti taa'ameerratti, janaraaloota wal waraanaa jiran lamaan gara marii nagaatti fiduudhaaf yaaliin addunyaa qindaa’e akka taasifamuuf waamicha taasisan.
‘‘Sudaan biyya ummattoonni hedduun keessa jiraatan biyya guddoodha… walitti buu’insi kunis rakkoo cimaa addunyaa tasgabbii dhabsiisu ta’u mala jedheen yaada,’’ jechuun dubbatan Haamdook.
‘‘Waraanni kun kan raayyaa ittisa biyyaafii garee riphee loltootaa xiqqaa waliin kan gaggeeffamu miti. Kun waraanaa gosa looltoota haalaan hidhataniifi leenjii’an jidduutti gaggeeffamuudha,’’ jedhan.
Lammiileen Sudaan hedduun waraanicha jalaa gara biyyoota ollaatti baqataa jiru.
Janaraaloota amma wal waraanaa jiraniin osoo aangoo irraa fonqolchaan hin kaafamiin dura Ministira Mummee ta’uudhaan biyyattii wagga lamaaf hogganaa kan turan Abdallaa Haamdook, wal dhabdeen amma Sudaan keessatti mudate wal waraansa Sooriyaa fi Liibiyaa keessatti mudate caalaa sukkaneessaa ta’u akka malu akeekkachiisaniiru.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal waraansa cimaa waggootaaf Sooriyaafi Liibiyaatti gaggeeffameen namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeeffamanii, kanneen miiliyoonan lakkaa’aman ammo baqachuuf dirqamaniiru.
Kana malees biyyoota naannawa isaaniitti argaman keessattis tasgabbiin akka hin jiraanne taasiseera.
Wal dhabdee aangoo raayyaa ittisa biyyaaafi humnoota addaa biyyattii jidduutti umamee hordofuunis, waraanni Ebla 15, 2023 Sudaan keessatti eegale.
Sababiin waraanaa tibbana biyyattii keessatti ka’e kanaatis, janaraaloota lamaan jidduutti karoora haala biyyattiin gara bulchiinsa siiviiliitti deebiituufi miseensoonni humna addaa kuma dhibbaan lakkaa’aman gara raayyaa ittisa biyyaatti hammataman irratti wal dhabdeen waan umameef ture.
Janraaloonni lamaanu waraana waggoota 20 dura Daarfuur keessatti gaggeeffamee tureen wal qabatee yakkawwan waraanaa raawwatamaniif deeggartoonni isaanii mana murti yakka idil-addunyaatiin waan barbaadamaniifu, mootummaa keessaa aangoo dhabuun baayyee isaan sodaachisa.
Waraana gaggeeffamaa jiruun wal qabatees jiraattoonni Kaartuum miiliyoonan lakkaa’aman hanqina bishaaniifi ibsaatiin rakkataa jiru.
Magaalaa guddoo biyyatiin alattis naannowwan biraa keessattis walitti bu’iinsi gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, keessattuu Daarfuur keessatti gareewwan milishaa bakka gabaa saamuudhaan ibiddaan barbadeessaa jiraachutu gabaafame.
Hogganaan humna addaa Janaraala Heemeetiin erga dhukkaasa dhaabuun dheereeffameen booda, hidhattoota isaa irratti haleellaan ‘adda hin cinnee’ gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, hanga waraanni hin dhaabanneetti mariin akka hin jirree BBCtti himaniiru.
‘‘Sudaaniin barbadeessuu hin barbaannu’’ kan jedhan Heemeetiin, waraanichaaf ammo kan ittiin wal waraanaa jiran Janaraal Abdall Fattaah Al-Burihaaniin itti gaafatamaa taasisaniiru.
Janaraal Al-Burihaan yeroodhaaf Sudaan Kibbaa keessatti Janaraal Heemeetii waliin fulduratti wal arguun waliin mari’achuuf waliin galuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Lammiileen Sudaan hedduunis malawwan geejjibaa argataniitti fayyadamuun, waraanicha keessaa baqachuuf Itoophiyaa dabalatee gara biyyaa ollaa kan taate Sudaan fa’itti baqataa jiru.
Lammiilee Sudaaniin alattis biyyoonni garaa garaas dhukaasa dhaabuu dheereeffameetti fayyadamuun lammiileesaanii karaa lafoo, galaanaafi qilleensaatiin biyyattii keessaa baasuuf yaalii taasisaa jiru.












