Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Arsenaal qixxee bahe irratti Arteetaan peenaalitii lama dhorkamne jedhe
Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteetaa gareen isaa Kibxata galgala tapha gahumsa gaariirra jiru Niiwkaasil waliin godhee galchii malee qixxee itti bahe irratti rukuttaa peenaalitii lama dhorkamnee jedhe.
Gahumsa gareen isaa agarsiisetti boonus murtee VAR'n ilaalamee dhorkamerratti komii qabaachuu dubbate.
Niiwkaastil imala injifannoo Arsenaal dirree ofiirratti taphoota 11 darban irratti agarsiise dhaabuu danda'eera.
''Peenaalitiiwwan lama dhorkamne. Bayyee salphaa. Waanin argerrattiin dubbachaa jira. Peenaalitii qaanessaa lama'' jedhe Arteettaan.
Taphataa ittisaa duraanii amma kubbaa miilaa xiinxalu Gaarii Neevil dabalatee namootni kubbaa xinxalan biroon garuu penaalitii miti jechuun morman.
Neeviil kan lammataa peenaalitii miti haa jedhu malee kan jalqabaa sun Arsenaalif ''gaabbisiisaa'' NiiwKaastil ammoo baraaramuu isaaniif ''abbaa carraadha'' jedha.
Tapha muddamaan guute kana irratti abbaan murtee taphichaa Andii Maadliiy kaardii kelloo sagal kennaniiru.
Taphoota liigichaa biroon Maanchistar Yunaayitiid dirree ofiirratti Barniwaamuz 3fi 0’n injifateera.
Ittisaan Yunaayitiid Luuke Shoo ‘’ofitti amanamummaan’’ Old Tiraafolditti deebi’eera jedhee dubbate.
Taphattoonni Yunaayitid taphoota garagaraarratti yeroo jahaffaaf osoo hin mo’amin fulla’aniiru. Yunaayitiid garaagartee galchiin caalamee Niwkaasilitti aanee sadarkaa 4ffaarra jira.
Biraayitan immoo Evartan 4fi 1’n injifachuun leenjisaa Evartan Firaank Laampaard irratti dhiibbaa cimse.
Fulihaam immoo galchii Aleeksaandar Mitrovichiin dirreen ala galcheen Leestar Siitii injifate.
Gaafa Roobii tapha Paalaas dirree ofiirratti Totanhaam morkatu dabalatee taphoonni biroos ni jiru.
'Arsenaal Liigicha injifachuu ni danda'a'
Atakaaroo peenaalitiin alatti Arsenaal dirree isaarratti Niiwkaasiliin injifachuuf carraalee goolii uumuuf qorameera.
Warri Niiwkaasil hirmaannaa shaampiyoons Liigii bara dhufuu mirkaneeffachuuf dhama'u. Adeemsi isaaniis sanaa oluu argamsiisuufi mala.
Neevil ''Arsenaal harkaa yaadni dhumeera'' jedhe.
Liigicha garaagartummaa qabxii saddeetiin kan dursu Arsenaal taphoota 11 darban irratti takkaahuu hin injifatamne.
''Arsenaal liigicha injifachuu ni danda'a, garuu ammoo gara gabaa jijjiirraa taphattotaa deemuu qaba'' jedha.
''Carraa xiqqaa liigicha injifachuu qabu garuu ammoo yeroo jijjiirraa taphattootaa kanatti jifataa jabaa ni bitatu yoo ta'e yoos waancicha injifatu.''
''Taphattoota jajjaboo lama garee isaanii jajjabeessu, tapha jijjiiru argannaan...Arteetaaf ji'oonni dhufan murteessaadha'' jedhe Neevil.
Leenjisaan Arsenaal Arteetaan gama isaan ''akka kanatti taphachuu, gahumsa gaarii agarsiisuu fi dhiibbaa uumuu itti fufnaan tapha hedduu injifanna'' jedhe.
Yeroon jijjiirraa taphattootaa banaa godhamu garee isaa cimsuuf akka tattaafatus dubbateera.
Arsenaal taphataa Shakataar Dooneesk Mykhailo Mudryk kan ofii godhachuuf yaalaa jira.
Taphattootni isaa akka Jesuus miidhamuu kan ibsu Arteetaan jifattoota hedduu keessaa filatu akka hin qabne ibseera.
Haala keessa jiran kana jijjiiruuf yeroon jijjiirraa taphattootaa eegaluuf jiru kun isaaniif barbaachisaa ta'uus dubbata.