Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tokkoffaafi sadaffaarra kan jiran Arsenal fi Niwukasil har'a waliif ba'u, eenyutu injifata?
Qabxii torbaan Maanchester Siitii Caalee tapha hanga ammaatti taphate 16 irraa qabxii 43 sassaabbachuun Piriimer Liigii Ingiliiz dursuu itti fufeera Arsenaal.
Galgala kana ammoo sadarkaa sadaffaa irra kan jiru Niiwukasil dirree isaa Emiratis istaadiyeem irratti simatee waliin ni taphata.
Arsenaal garaa garummaa qabxii qabu eegsifachuuf, Niiwukasil ammoo sadarkaa isaa afraffaa irra kan jiru Maanchester Yunaayitid akka irraa hin fudhatamneef morkii cimaa taasisu jedhamaa jira.
Taphataan sarara duraa Arsenaal lammii Biraazil Gaabreel Jeesuus miidhama Waancaa Addunyaa irratti isa mudateen hanga dhuma Guraandhalaatti hin deebiyu.
Bakka Jeesuus hiriiree kan gale Eedii Nikiitaah taphoota lamaan darban irratti gooliiwwan lama lakkoofsiseera.
Kun ammoo Arsenaaliif abdii kan horedha.
Gama biraan ammoo taphoota darban saddeet irratti kan hin mo’amiin jiru Niiwukasil sadarkaa isaa eegsifatee itti fufee injifachuuf waan carraaquuf Arsenaaliif qormaata guddaa ta’a jedhamaa jira.
Gareen kunneen lamaan taphoota shanan darban waliin taphataniin si’a afur Arsenaal yoo mo’atu Niiwukasil takkaa qofa mo’achuu danda’eera.
Arsenaal Piriimer Liigii bara kanaa Maanchester Siitiitti dabarsee hin kennu yoo jedhe Amajjii kana keessa yoo xiqqaate taphattoota sadii mallattessisuu qaba jedhu namoonni.
Kanarraa ka’uun Arsenaal amma gabaa bahee dhoofsisaa kan jiru yoo ta’u, taphataa cimaa sarara cinaa Shaaktar Doonetisk, Maahikiiloo Maadiriik, fudhachuuf si’a lama gatii foyyeessuun hanga dolaara miliyoona 54 dhiyeesseera.
Taphataan kunis akka dhuunfaatti Arsenaalitti makamuuf fedhii qabaachuu himeera.
Saatiidhuma Arsenaaliif Niiwukasil taphatan har'a halkan shan ruubii hir’uu irratti Biraayitaniifi Evertenis waliif ba’uuf jiru.
Everten gadi bu’uu irraa Biraayitan ammoo sadarkaa foyyeeffachuuf waan taphataniif kunis salphaa hin ta’u.
Everten Sambata darbe osoo hin eegamin Maanchister Siitii waliin walqixa bahuun isaa leenjisaa garichaa Firaank Laampaardiif boqonnaa guddaa uumeera.
Galgaluma kana Fuulhaam fi Leester Siitiin ni taphatu.
Taphoota lama jala-bultii waggaa haaraa irrratti taasisaniin Leester lamaanuu yoo mo’amu, Fuulhaam garuu lamaanuu mo’ateera.
Gareen kun lamaan taphoota shanan darban waliin taphataniin Leester si’a sadii mo'achuun seenaa gaarii qaba.
Fuulham ammoo takkaa qofa mo’ate.
Taphani Maanchister Yunaayitidiifi Barnimaawoz gidduutti gaggeeffamu galgala kanaas hawwatamaadha.
Walitti aansee mo’amuun dorgommii bara kanaa kan jalqabe Maanchister Yunaayitid yeroo ammaa kana garuu fooyya’insa agarsiisuun sadarkaa afraffaa irratti argama.
Taphoota shanan darban keessaa tokko qofaa ture kan mo’ame.
Faallaa kanaan ammoo Barnimaawoz taphoota shan keessaa tokko qofaan mo’atee afuriin mo’ameera.
Taphni galgala kanaa Maanchster Yunaayitid akka sadarkaa 1-4 keessa turuuf, Barnimaawoz ammoo gad bu’uu irraa ooluudhaaf akkaan murteessaadha.