Netaaniyaahuun Iraan irratti injifannoo galmeessuu himu, garuu Israa'eloota biratti amantaa argatuu laata?

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netanyaahuun ji'a Bitooteessaa keessa yeroo adeemsa dhukaasa dhaabuu bu'aa argamsiisaa turetti dugda garagalchaniitti, namoonni siyaasaa xinxalan tokko tokkoo akka jedhaniitti murtee ''siyaasaan of ajjeesuu'' kan jedhan wajjin wal fakkaataa fudhataniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa, ergamaan Doonaald Tiraamp Istiiv Wiitkoof jaarsuumaan gaggeessaa tureniin, wal jijjiraa namoota Israa'el keessaa butaman kudhaanootaan lakkaa'amaniitiif hidhamtoota Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman mana hidhaa Israa'el keessaa baafaman taasiseera.
Sadarkaan ittaanu ammoo, osoo mariichi waraanaan adda hin citiin dura, booji'amtoonni hedduun gara manaatti akka deebi'anii fi loltoonni Israa'el wal jalaan Gaazaa keessaa akka ba'an gochuuf eegamaa ture.
Israa'eloonnii fi Filisxeemoonni waraanichaan nuffan kanneen seenaa waloo waraanaa yeroo baay'ee kun yeroo itti dhaabbatuuf irra deddebiin yaadu.
Haata'u malee Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraanni kun akka xumuramu hin barbaanne.
Guutummaa Gaazaatti haleellaan akka deebi'ee jalqabamu ajaja kan kennan, ministirr mummee kun hanga Hamaas ''guutumaan guututti barbadaa'utti'' lolli akka itti fufu labsan.
Booji'amtoonni Gaazaatti hafan nagaan deebi'uun isaaf dhimma lammaffaa fakkaata ture. Miidhaan siiviiloota Gaazaa keessaa mudate mataansaa kaasuun kan hin malle fakkaata.
Lammiileen Israa'el hedduun, keessattuu maatiin firoottan saanii jalaa booji'aman, aarii guddaa keessa galan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Netaaniyaahuun nageenya firoota isaanii fi gaarummaa saba guddaa caalaa aangoorra jiraachuun jecha fedhii siyaasaa ofiisaatiif dursa kenne jechuun himatan.
Tibbana ammoo Netaaniyaahuun injifannoo waraanaa ajaa'ibaa diinasaa Iraan irratti galmeesseen gammadaa jira.
Amma filannoo saffiisaan gaggeessuun aangoo dabalataa ministira mummee yaadaa akka jiru himama.
Safartuu yaada ummataa irratti jaalatamummaan Neetaanyaahuu kan gadi bu'e yoo ta'u, mootummaan ministiroota warraa dudhaa durii leellisanii fi paartiiwwan amantaan ijaarame dadhabaan akka hin kufneef baayyee carraaqaniiru.
Jalqaba torban darbeetti ibsa gaazexeessitootaaf kan kennan, maanguddoon waggaa 75 fi Israa'el bara dheeraaf kan dursan Netaaniyaahuun ammallee ganaa "ergamoota hedduu" xumuran akka qabanii fi hanga "ummanni" Israa'el barbaadutti kana gochuu akka yaalan dubbataniiru.
Torban darbe ammoo sagantaan nikulaara Iraan barbadaa'uun ''carraa foddaa bira darbuun hin danda'amne'' jechuun kan ibsan Netaaniyaahuun, ''booji'amtoota bilisa baasuu fi Hamaas injifachuu'' kan mirkanneessaa isa qofaa akka ta'efu isaan booda waliigaltee qaxanichaa akka taasisan himan.
Haata'u malee, filannoo dafee raawwatamuf waamicha taasisuun balaa olaanaa qabaata akka yaada ummata dhiheenya walitti qabameetti. Netaaniyaahuun waraanni guyyaa 12'f Iraan waliin taasisaniiin akka yaadaniitti ''jaalatamummaa'' hin arganne.
'Amanamummaa'
Paarlaamaa Israa'el teessoo 120 qabuun qindoomiina uumuun ijoo bakka ta'e sirna siyaasaa bittinaa'aa keessatti, Paartiin Netaaniyaahu Liikuud qofti sagalee olaanaa argachuun salphaa hin ta'u.
Kanaafuu paartiiwwan xixiqqoo dudhaa durii leellisaan irra deeggarsa argachuuf yaalii taasiisuu akka qabaatu yadni ummataa dhiheenya kana ifa ta'e ni mul'isa.
Yaandi ummataa walfakkaatu akka agarsiisuutti, Israa'eloonni harka 59 ta'an booji'amtoota gadhiisiisuuf waraanni Gaazaa ammuma akka dhaabbatu barbaadu.
Kanneen yaada gaafataman keessaa wallakkaa kan ta'an jechuunis parsantaa 49 sababiin Netaanyaahuun waraanichi akka itti fufuu kan barbaadaniif tokkichi bu'aa siyaasaa ofiisaanitiif jedhanii yaadu.
Waahilli Inistitiyuutii Dimokraasii Israa'elii fi qprataa olaanaa Pirofesar Taamaar Heermaan ''namni siyaasaa ogummaa qabuu Israa'eelii keessa'' hin jiru jedhan. ''Akka isaatti namni siyaasaa ogummaan hin jiru'' Haata'u malee, Neetaaniyaahuuf ''amanamummaan'' rakkoo ijoodha jechuun himatu.
Hogganaan siyaasaa yeroo baayyee bakka isaa jijjiiree aangootti maxxane salphaatti kana booda Israa'eloota harka caalaadhaan hin amanu.
Akka yaada ummata haaraa dhiheenya kanaatti, Dhaabbata Dimookiraasii Israa'el irraa kan ta'an, Prof Hermaan'n gadhiifamuuf jiru, Netaaniyaahuun "Israa'eloonni guutummaatti ykn gartokkoon illee isarratti amantaa qabaachuu ibsan %50 hin qaxxaamuran" jedhu.
Karaa tokko tokkoon, jedhu Prof Hermaan, filannoo dafanii taasisuuf murteessuun "Iraan irratti waraana banuu caalaa [Netaaniyaahuuf] balaa guddaadha. Kunis, sababiin isaas Baha Giddu Galeessaa keessatti ji'a jaha booda eessa akka jirtu hin beektufiidha."
Sababni isaas, qumaara waraanaa Iraan keessatti taphate bu'aa kan argamsiisu fakkaatus, kutaa jireenyaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu golee keessa harbatu jira.
Dhugumatti, hojii manaa dachaa ministira mummee bara aangoo biraa irra gufuu ta'u mala jechuun kanneen sodaachisaa jira hin dhabaman.
Himannaa malaamaltummaa

Madda suuraa, Reuters
Jalqaba torban darbeetti, waliidhahuu fi mattayyaa dabalatee malaammaltummaa siyaasaa himannaawwan yakkaa Netanyaahuun irratti dhiyaatan beelamnisaa yeroo biraatti darbeera.
Ministirri Mummee sababii yeroo gabaabaan qaba jechuu fi labsii yeroo muddamaa addaatiin (waraanaa Iraaniin) dhaddachi mana murtii olaanaa irra deebiin akka turu taasisuuf yaaliin godhan dhuma torban darbe irratti kufaa taasifame ture.
Deeggartoonni Ministira mummee himannaa irratti dhiyaate qaamaa ''himannaa sobaa siyaasaan durfamudha'' gochuun dhiyeessuuf irra dedebiin yaalaniiru.
Haata'u malee yeroodhaa gara yerootti mormiin hawaasa keessatti cimee dhufe Netaaanyaahuun kan harkasaanii amma argataniif murteessaniiru.
MM rakkoo seeraa mudate turaniin kan beekan kan fakkaatan Doonaald Tiraamp, Neetaaniyaahuun ''goota olaanaa fi nama waraanaati'' jedhan.
Adeemsi mana murtiisaanii ''saffiisaan haqamuu'' ykn yoo xinnaate dhiifamni godhamuuf qabaata jedhan.
Kan kan jedhan guyyootaan dura osoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan hin jalqabamiin dura ni gufata yaaddoo jedhuun, MM Israa'el adabaabaayiitti kan morman pirezidantii Ameerikaa ta'un ni yaadatama.
Haata'u malee, jidduu galummaan Tiraamp yeroo dhihoo Israa'eloota baayyee biratti dhiphifamee fi kan hin fayyadamneedha jedhamee ilaalama.
Waltajjii idil-addunyaarratti Israa'eloonni baayyeen Neetaaniyaahuun waraanaa Gaazaa osoo hin barbaachiifne dheerressuudhaan ejjannoo addunyaa Israa'el fi abdii diinagdee miidheera jechuun himatu.
Janaraaloonni duraanii waraanni Israa'el Gaazaa keessatti humna waraanaa kan danda'ameef hunda milkeesseedha jechuun dubbatu.
Manni Murtii Yakka Addunyaa ammas MM fi ministira Raayyaa Ittisa biyyattii duraanii Yo'aav Gaalaanti, Gaazaa keessatti yakka waraanaa fi namoomaa raawwatamaniiru jechuun himachuun ajaja hidhaa baasuun ni yaadatama.
Israa'el Hamaas irratti waraana gaggeessiten namoonni kuma 55 ol ajjeeffamaniiru.
Mootummaan Israa'el Neetaaniyaahuun fi Gaalaant waliin ta'uun himannicha cimsanii mormaniiru.
Dhumarratti, namoonni yaada kennan irra caalaan waraanni Gaazaa bakka itti fufee jiruutti fi booja'imtoonni Israa'el osoo gadi hin dhiifamnii filannoo haaraan Israa'el keessatti akka gaggeefamu waamuu tilmaamuun cimaadha jedhu.
Haata'u malee qeeqxoonni MM fi mormiitoonni waggootaaf Neetinaayuun barbaachisaa miti jechaa turan illeen, tarkaanfiin ittaanuu maal ta'u akka danda'u tilmaamuun akka hin dana'amne baraniiru.












