Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sareen pirezidaanti Joo Baayiden, hojjetaa tika isaanii tokko ciniine
Wiixata galagala sareen pirezidaanti Joo Baayiden umuriin isaa waggaa lama tahe hojjetaa tika pirezidaantichaa ciniinuu Tajaajilli Tikaa biyyichaa hime.
Hojjetaan eegumsa ykn tika pirezidaantichaa yaalamaa jira.
Waayit Haawus ykn qe’ee Joo Baayiden keessatti sareen hojjetaa tikaa ykn eegumsaa yoo ciniinu kanaan yeroo 11ffaa tahuu isaati.
Pirees Sekireetariin Waayit Haawus ibsa kana dura baaseen Waayit Haawus keessa jiraachuuf dhiphina uumeera jechuun balaaleffate.
''Akkuma hundi keessan beektan, mooraan Waayit Haawus addaa fi dhiphinaan kan guutame tahuu danda’a. Kun waanuma hundi keessaniyyuu hubattu jedhee abdadhudha,'' jette.
Sareen maqaan isaa Koomaander jedhamu, kan maatii Jooy Baayiden tahe, umuriin isaa waggaa lama yoo tahu, sanyii saroota Jarmanidha.
Sareen jalqaba nama ciniine mana jireenyaa pirezidaanti Joo Baayidenii fi haadha warraa isaanii Jil Baayiden, Deelaweer keessattidha.
Wiixata gara galagalaa poolisiin gara qe’ee maatii Joo Baayiden deemes ciniinamuu Dubbii himaan Tajaajila Tikaa [Secret Service] Aantoonii Guuglelmii himaniiru.
Booda akka CNNtti himetti poolisiin ciniiname Daariktera Tajaajila Tikaa [Secret Service] waliin dubbachuun fooyyee qabaachuu isaa himeeraaf.
Ji’a Adoolessaa keessa sareen kun fiigeema waan ariifatee nama ciniinuuf shaakala haaraa akka kennamuuf Waayit Haawus ibsee ture.
Kana dura Waayit Haawus keessatti sarootni yeroo kudhan kan tahu nama ciniinaniiru.
Tokko Onkoloolessa 26 bara 2022 keessa yeroo Giifti Duree Jiil Baayiden saree Komaander jedhamu kana to’achuu dadhaban nama ciniine.
Ergaa karaa Imeelii argame akka agarsiisutti sareen Komaander jedhamu kana Joo Baayiden to’achuu waan hin dandeenyeef na ciniine jedhe poolisiin tokko.
Ergaan kun barraa’ee turban booda ammoo poolisiin biraa yeroo lama cinanamuu hime.
Mudde 11 bara 2022 hojjetaan tajaajila tikaa tokko fuulduruma Joo Baayidenitti ciniiname.
Ergaa iimeelii fuula 194 qabu waayee sarootni maatii Baayiden nama ciniinuu ibsu irratti miidhaan tokkoo isaayyuu miidhaa cimaa jedhamee hin ibsamne.
Sareen maqaan isaa Major jedhamu biraas irra dedeebiin nama ciniinaa yturuu himameera.