UN baqattoota 100 ta’an daangaa Tarkiifi Giriik irratti qullaa mul'atan jedhame ilaalchisuun gadduu ibse

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejjansiin Dhimma Baqattootaa 100 ta’an daangaa Tarkiifi Giriik irratti qullaasaanii argamuun ‘baayyee na gaddisiise’ jedhe.

Baqattoonni ka’umsi isaanii Siiriyaafi Afigaanistaan irraa ta’unsaanii kan amaname yoo ta’u, qullaasaanii argamuutti biyyoonni ollaa lamaan: Tarkiifi Giriik quba waliitti qabaa jiru.

Giriik kan raawwattee Tarkiidha jechuun gochiichaanis ‘‘taatee qaroomina ilmaan namaatiif qaaneessaadha’’ jechuun himatte.

Tarkiin ammoo gama isheetiin himannaa biyya ollaa isheetiin ‘‘oduu sobaa’’ jechuun kan waakkate yoo ta’u, dabaree isheen ammoo ‘‘gochaa gara jabeenyaa’’ jechuun Giriikiin komatte.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejjansiin Dhimma Baqattootaa gamasaatiin dhimmicha irratti qorannoon akka taasifamuuf kan gaafate yoo ta’u, ‘‘odeessaaleefi suuraalee naasisoo bahaniitti baayyee gaddineerra,’ jechuun ibse.

Poolisiin Giriik guyyaa Jimaataa karaa daangaa Kaaba biyyattiitti baqattoota qullaasaanii argaman 92 keessaa muraasa isaanii irraa miidhaan qaamaa qaqqabee arguu ifa taasiseera.

Qorannoo poolisii Giriikii fi Ejjansii Qorannoo Daangaa Gamtaa Awurooppaa Frontex waliin taasifameen, baqattoonni laga Eviroos bidiruu laastiikiin qaxxaamuruun Tarkiirraa gara Giriikii akka galan ragaan agarsiisu argamuu poolisiin dabaluun himeera.

Aanga’oonni Tarkii akka jedhaniitti, baqattoonni kunneen akkuma Giriik seenaniin uffanni, nyaanniifi deeggarsi wallaansa sadarkaa tokkoffaa taasifameefiira.

Frontex akka jedheetti, namoonni kunneen irra caalaan isaanii kan Afigaanistaaniifi Siiriyaa irraa dhufaniifi sarbamni mirgaa mudachuun akka hin ooleedha.

Ministirri Eeguumsa Siiviilii Giriik, Taakiis Teewodoriikaakoos, Tarkiin waldhabdee biyyoota ollaa ishee waliin qabdu bahuuf ‘‘goodaansa seeraan alaa akka meeshaatti itti fayyadamti,’’ jechuun himatan.

Ministirri Dhimma Baqattootaa Giriik, Nootiis Miitaaraachii gama isaaniitiin toora Tiwitara isaaniitiin, haallii qabiinsa baqattootaa Tarkiin ‘‘qaroominaaf' qaaneessaadha’’ jedhan.

Ankaaraan dhimmicha akka qorattuu i ‘‘daangaa Gamtaa Awuurooppaa waliin qabdus ni eeggdi’’ jedhanii akka amanan Ministirichi dubbataniiru.

Tarkiin gama isheetiin dhimmicha irratti itti gaafatamummaa kamuu akka hin fudhanneefi haala qabiinsa ‘’sukkaneessaa kanaaf’’ Giriikiin itti gaafatamtuu taasifte jirti.

Gargaaraan pireesii olaanaan Pirezidaanti Reesiip Tayiib Erdohaan kan ta’an, Faahiratiin Altuun miidiyaa hawaasaa isaaniirratti, ‘‘maashiniiwwan oduu sobaa Giriiki gara hojiitti deebii’aniiru’’ jedhan.

Himannaa irratti dhiyaateenis ‘‘sobaafi kan nama kofalchiisu’’ jechuun, Giriik suuraalee baqattootaa tamsaasuun akka baqattootaaf kabaja hin qabne agarsiiftee jirti jechuun himatan.