Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garee artistoota biyya Neeppaal torbee Turizimii Oromiyaa miidhagsan
Gareen artistoota ayyaana Irreechaa irratti hirmachuuf Neeppaalii dhufan torbee Turizimii Oromiyaa geggeeffamaa jirurratti muuziqaa dhiyeessaniiru.
BBC’n garee artistootaa kanneen keessaa tokko kan ta’e, Ang Kami Sharpaa (AK Sharpaa) fi garee kana qindeessuun kan fide Hamzaa Kadir Waariyoo waliin turtii taasiseera.
Duraan daaw’achiisaa tulluuwwanii ta’uu kan dubbatu AK Sharpaa, “Tulluun guddichi addunyaa, Evarast biyyakoo keessatti argama. [Yeroo jalqabaatiif] bara 1980 tulluu Evarast irra bahe [yaabbate]. Marsaa arfaffaadhaaf baheera.
''Tulluuwwan biroos baheera. Itoophiyaa dhufuufi hawaasasaa arguukootti baay’een boona” jechuun BBC’tti hime.
Aadaa fi hawaasa Itoophiyaa arguu isaatti gammaduu kan kaasu AK Sharpaa, gara fuulduraatti hawaasni isaa Itoophiyaa dhufuun aadaa as jiru akka daaw’ataniif akka hojjetus hima.
Itoophiyaan turizimiidhaaf kuufama guddaa akka qabdu kan kaasu namni kun, bosonaafi teessuma lafaa argetti gammaduu himuun hawaasnii fi aadaan Itoophiyaatti arge kan biyya isaatiin akka walfakkaatus ibse.
Neeppaal biizinasiin turizimii bal’aan jiraachuu kan kaasu namni kun, gara fuulduraatti aadaa fi hawaasa Itoophiyaa waliin hariiroo qabaachuuf akka hojjetanis akeekeera.
Bara dhufullee deebi’anii dhufuuf yaada qabaachuu kan dubbatan lammiin biyyaa Neeppaal kunneen, egereefis hawaasa Neeppaal gara kana fiduudhaan akkasaan aadaa hawaasaa as jiruu waliin walbaraniif yaada akka qaban himu.
Simannaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa taasiseef ajaa’iba ta’uu kan himu AK Sharpaa, buna Itoophiyaa daran jaalachuun “guyyaa guutuun dhugaa oole” jechuun dubbata.
Neeppaal biyya Kibba Eshiyaatti argamtu yoo taatu, tulluun dheeraan addunyaa kanaa, Evarast achitti argama. Akka addunyaatti biyya tulluwwaniin akkasumas aadaa, duudhaa, seenaa, habaalee fi ijaarsa umurii dheeraa lakkoofsisaniin beekamti.
Hamzaa Kadir Waariyoo ammoo garee artistootaa Neeppaal irraa dhufan qindeessuun nama fidedha.
Hamzaan ganna dheeraa biyya Awustiraaliyaa nama jiraate yoo ta’u, dhimma Oromiyaa beeksisuu irratti Ambaasaaddara fedhaan hojjetan (goodwill ambassador) ta’uu hima.
Hamzaan walitti dhufeenya biyyoota Awustiraaliyaa fi Neeppaal ijaaruu fi cimsuu keessatti shooraa guddaa nama bahate yoo ta’u, kanaanis hawaasa Neeppaal waliin haariiroo gaarii tolfateera.
Oromoon biyyoota biroo waliin haariiroo qabaachuun barbaachisaa ta’uu kan kaasu Hamzaan, Irreechaafi torbee Turizimii Oromiyaa sababeeffachuun garee kana qindeessee akka fide dubbata.
‘Torbee Turizimii Oromiyaa maaliif addunyaalessa gochuu hin dandeenyu?’
“Waa’ee Gadaa irratti qorannoo godhee jira. Kitaabas barreesseen jira. Hawaasa [Neeppaal] waliin walitti dhufeenya gaariin qaba. Kanarraa kan ka’e, maaliif torbee [Turizimii] Oromiyaa addunyaalessa godhuu hin dandeenye? yanni jedhu anumarraa dhufe.
Isiinillee [Komishinara Turizimii Oromiyaa, Leellisee Dhugaa] nama cimtuu, nama Oromiyaa jaalatu, nama turizimii beeksisu waan taateef” kaka’umsa kana waloon akka milkeessan dubbata Hamzaan.
‘Yoo nan amanne jarri kun qilleensa kana hunda qaxxaamuranii dhufuu hin danda’an’
“Namoota alagaa alarraa fidanii biyya teenya, ummata teenya agarsiisuu dhiisiitii, as keessattuu namni wal-amanamummaa ijaarrachuu qaba. Wal amanuudhaaf ammoo qulqullummaan (honesty) jiraachuu qaba. Qulqullummaan akkasii yoo jiraate namni si amanuu danda’a,'' jedha.
Itti dabalunis, ''Yeroon ani isaanitti dhiyaadhee yaada kana dhiyeessuuf yoo nan amanne, jarri kun qilleensa kana hunda qaxxaamuranii dhufuu hin danda’an” kan jedhe Hamzaan, aadaa fi seenaa Oromoo biyyoota ollaa fi addunyaa irratti beeksisuuf wal amanamummaan, walitti dhiyaatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu hima.
Dursee hawaasa keessatti wal aamanuu, wal wajjin hojjechuu walsimsiisanii wal wajjin deemuun barbaachisaa waan ta’eef, “biyya isaanii [Neeppaal] beeksisuuf kitaaba tokko barreessee ji’a tokko dura achitti eebbisiifne.
Kanarraa wal amanuu fi waliiti dhiyaachuu [irraan] akka nama isaanitti na fudhatan. Amma kan na agartu wayyaa [aadaa] isaanii uffadheeni.
Garuummoo asitti maal agarsiisaa jirraa, isaan kun akka dhufanii aadaa keenya, seenaa keenya, qabeenya biyya keenyaa akkamitti barachuu akka qaban riqicha uumnee Gadaanis, sirni qabnus hundagaleessadha ilma namaatiif dhaabbate.
Of qofaadhaaf yaaduu osoo hin taane, saanduqaa ala baanee ummata addunyaa mara hammachuu akkamitti akka dandeenyu agarsiisuudhaaf akka fakkeenyaatti [fayyada].
Namni ofiif yaadee obbolaa isaatiif… Nu hundi obbolaadha, biyya lafaa kanatti. Kanaaf, hariiroo akkasii uumuudhaaf namni amantummaa walirratti qabaatee waliin hojjechuu qaba” jechuun garee artistootaa kanneen amansiisee fiduuf hojii hojjete ibsa namni kun.
Karoora gara fuulduraa
“Isaan dhufanii daaw’atan, nullee deemnee aadaa waljijjiirra. Akkasitti walii wajjin biyyallee misoomsuu dandeenya. sammuu ilma namaallee akkasitti misoomsuun ni danda’ama.
Asitti hin dhaabbatu; kun akka fakkeenyaatti dhihaate” kan jedhu Hamzaan, hojiin asitti dhiyaate kun karaa artistoota dhuunfaa miidiyaalee hawaasaa irratti beekamanii odeeffannoon kun namoota bira akka gahu gochuun waggaa dhufuuf ammoo biyyoonni hedduun akka hirmaatan gochuun ni danda’ama.
Torbeen turizimii Oromiyaa Onkoloolessa 1-3 kan turu yoo ta’u, agarsiisni nyaataa fi dhugaatii, qabeenyi Oromiyaa keessatti argaman gara garaa agarsiisaaf dhiyaatee jira.
Qaamolee turimii irratti hojjetanis kan walitti fide yoo ta’u mariin paanaalii dhimmoota akka turizimiifi nagaa, walitti hidhaminsa turizimii fi walooma cimsuu irratti dhiyaachuun mari’atamaa jira.