Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Finfinneen Afrikaaf Dubaay ishii haaraa taateetti' - Afrikaanonni waa'ee Itoophiyaa maal jedhu?
Aanga'oonni biyyoota Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaaf Finfinnee turanii deebi'an jijjiiramni magaalaa Finfinnee keessatti dhufe ajaa'ibsiisaa ta'u dubbataa jiru.
Misooma kooridarii magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa ture hedduun xumuramuu hordofee lammiileen Afrikaa qabiyyee miidiyaa hawaasaarratti hojjatan miidhagina magaalitti bifa adda addaan ibsaa jiru.
Tibba kana ammoo aanga'iootni biyyoota Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaarratti hirmaatan miidiyaa biyyaalessaa Itoophiyaatti miidhaginaaf qulqullina magaalaa Finfinneetti ajaa'ibsiifamuu himaniiru.
Kaan ammoo biyyasaaniitti deebi'anii Mana Maree Bakka Buu'oota Uummataatti dhugabahumsa walfakkaatu yoo kennan, Muuxannoon Finfinnee gara biyya isaaniittis akka dhufu hawwii qaban ibsaa jiru.
Isaan keessaa tokko Mana Maree Biyyaalessaa Keeniyaatti hogganaa Dhaabbilee xixiqqaa kan ta'an Juuneet Mohammad yaada kennaniidha.
Juuneet yaada Mana Maree kanaaf kennan keessatti ''Finfinneen Afrikaaf Dubaay ishee haaraa taatee jirti'' jechuun dubbatan.
''Afa-yaa'i, Itoophiyaan gidduugala daldalaa hegereedha. Lafa bal'aan wal daangessina. Warri dhiyoo dhaqnee Finfinnee daawwanne warri kaanis Finfinneen hangam akka jijjiiramte ilaalaniiru.''
Afa-yaa'i, Finfinneen amma Afrikaaf Dubaayii haaraa taateetti, yeroo gabaabaa keessatti magaalaa sana magaalaa ammayyaa gochuu akka danda'ana irraa, biyyasanarraa waan hedduuu baranna, Magaalittiin waggaa 10 gadi keessatti waan amma fakkaattu taate.''
Hogganaa Dhaabbilee Xixiqqaa Keeniyaa kan ta'an Qondaalli kun, halka qixxee magaalaa Finfinnee keessa yaaddoo nageenyaa tokko malee imalta jechuun dubbatan.
''Halkan walakkaa sa'aati saddeet fa'atti yeroo nuti ach turre, nageenya keef, qabeenya keef osoo hin yaaddahiin imalta'' jedhan.
Teessoo lammataa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa ykn biyyoota addunyaa biroo keessa gochuurra Finfinnee buufachuun bu'a qabeessa jedhan.
Safaarikoom kan Keeniyaa keessatti waggoota 20 keessatti maamiltoota miliyona 30 horate Itoophiyaatti imalee waggaa shan keessatti maamila miliyoona 20 argachuu kaasan.
Kuni gabaan Itoophiyaa guddaa ta'uu akka agarsiisu himan. Mootummaan Itoophiyaa damee faayinaansii bal'isee akka banu dhaabbileen Keeniyaas garas deemuun akka hojjechuu qaban gaafatan.
''Itoophiyaan waggoota shan keessatti diinagdee guddicha Afrikaa ta'uuf adeemti'' jechuunis dubbatan.
Dabaluunis ''MM Abiy Ahimad biyya sana keessatti hojii gaarii hojjechaa jiruuf baga gammade jechuniin barbaada'' jedhan.
Buufatni Doonii Laamuu Itoophiyaaf osoo dhiifamee jechuunis waamicha godhan.
''Sagantaa misoomaa LAPSET, Kooriidarii laamuu ka'ee Sudaan Kibbaa fulla'u sana keessaa buufata doonii qabna. Buufatni doonii sun Itoophiyaa kan uummata miliyoona 130 qabduuf gadhiifamuu qaba. Buufatni doonii sun uummatni Itoophiyaa akka barbaadutti akka fayyadamu nuti kennuufi qabna.''
Dhumarrattis Itoophiyaan biyya anniisaa elektirikii gatii rakasaan dhiyeessitu ta'uu himuun Keeniyaan Itopohiyaarraa ekeltirika akka bitattu waamicha godhaniiru.
Namni siyaasaa kun yeroo walitti aanu sadaffaaf miseensa Paarlaamaa Keniyaa ta'e tajaajilaa jiru. Koreewwan dhaabbii paarlaamaa biyyattiifis walitti qabaadha.
Ministirri Ittisaa Ugaanda kan ilma pirezidantii biyyattii ta'e Janaraal Muhoozii Kaanerugaba torbanoota dura yaada X gubbaa qoodeen ''waan obboleessikoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad yeroo gabaabaatti Finfinnee keessatti raawwate, nutis yoo hiree arganne Kaampaalaatti waan gochuu feenu'' jedheera.