Girmaa Waaqee gorsaafi hoji-gaggeessa Daandii Qilleensaa Yugaandaa ta'uun muudaman

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeeenii hoji-gaggeessaa duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Girmaa Waaqee gorsaafi hoji-raawwachiisaa yeroo Daandii Qilleensaa Yugaandaa gochuun muuduu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Obbo Girmaa Waaqee muudama haaraa kennameef kanaan dadhabinsa bulchiinsa Daandii Qilleensaa Yugaandaa keessatti mul'atan sirreessu jedhamee eegama.

Pirezidanti Museeveeniin ministeera hojii figeejjibaa biyyattiif xalayaa barreessaniin, Obbo Girmaa Waaqee akka gorsaa fi hoji-raawwachiisaa yerootti muudamuu isaanii ibsaniiru.

"Hanqina yeroo ammaa Daandii Qilleensaa Yugaandaa keessa jiru beekamaadha. Hanqina bulchiinsaa Daandii qilleensichaa keessa jiru sirreessuun akka isin gargaaruuf Girmaa Waaqee akka gorsaatti akka muudaman ajajeera," jedhaniiru.

Girmaa Waaqee Daandii Qilleensichaaf hoji-gaggeessaan akka muudamutti boordii waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan ibsameera.

Torbanoota dura hoji-gaggeessituun Daandii Qilleensaa Yugaandaa Jeniifer Bamuturaakii itti gaafatamurraa kaafamuu hordofee miidiyaaleen hawaasaarratti Obbo Girmaa Waaqee bakka bu'u jedhamee maqaan isaanii ka'aa tureera.

Pirezidanti Museeveenii hoji-gaggeessaa duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Girmaa Waaqee waliin waajira isaaniitti wal arganii " dhimmoota garagaraa fi waa'ee bulchiinsa aveeshiniirratti" marii taasisuu itti-gaafatamaan dhimmoota pireesii pirezidaanitchaa ibsuun isaanii ni yaadatama.

Haata'u malee, Obbo Girmaa Waaqee hoji-gaggeessaa Daandii Qilleensaa kana ta'anii akka hin muudamiin ibsuun, waajirri pirezidantii waakkachuun ibsa baasee ture.

Xalayaan pirezidanti Museeeenii ammaa kun Obbo Girmaa Waaqee gorsaa Daandii Qilleensaa Yugaandaa ta'uun kan muudaman akka ta'eefi, dabalataan ammoo hanga baatii Adoolessa 2026atti itti gaafatamummaa hoji-gaggeessummaas ni qabatu jedha.

Yeroo ammaa hoji-gaggeessummaan tajaajilaa kan jirtu Bamuturaakii itti-gaafatamummaashee Obbo Girmaa Waaqeetti akka dabarsituuf pirezidanti Museeveeniin ajajaniiru.

Daandii Qilleensaa Yugaandaa bulchaa kan turte Jeniifer Bamuturaakii bara darbe Waxabajji pirezidanti Museeveniin itti gaafatamummaarraa kaafamuu gaazexoonni Yugaandaa ministeera geejjibaa eeruun gabaasaniiru.

Miidyaan New Vision jedhamu torban lama dura gaafiifi deebii ministira geejjibaa waliin erga qorannoo hojii gaggeesseen booda hanqinoota bulchiinsaa baayyee arguun itti gaafatamummaarraa akka kaafamtuuf murteessuu dubbateera.

Obbo Girmaa Waaqee waggoota torbaaf Daandii Qilleensaa Itoophiyaa hoggananiiru.

Obbo Girmaa Waaqee baroota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa hoggananitti hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjetsan jedhsamuun maqaan isaanii ka'a.