Duula na filadhaa Keeniyaa: Mana fincaanii qulqulleessuu hanga raafuu muruutti geessise

POLYCARP IGATHE

Madda suuraa, POLYCARP IGATHE

Namoonni siyaasaa Keeniyaa muraasni filannoo Hagayyaa 9 gaggeeffamu irratti sagalee argachuuf wayita duula na filadhaa gageessanitti waan addaa raawwataa jiru.

Muraasni isaanii haala jireenya qananii keessaa bahuun hanga manneen fincaanii qulqulleessuu, raafuu muruu, shaayii danfisuutti gadi bu'uun kutannoo ummata tajaajiluuf qaban qabatamaan agarsiisuuf yaalaa jiru.

Namoota siyaasaa keessaa tokko kan baayyee namoota ajaa'ibsiise Pooliikaarp Igaateeti. Inni magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti bottiifi gilaavii harkatti godhachuun mana fincaanii qulqulleesse.

Namni kun sakondiiwwan 20 gadii waan ta'uuf mana fincaanichaa wayita qulqulleesseetti hojjattoonni ajaa'ibsiifannaan ilaalaa turan.

''Baroota dheeraaf akka hojii badaatti ilaalamaa ture garuu kun hojii itti-gaafatamummaa qabudha,'' jedhan Aab Igaateen.

Yeroo baayyees hojjattoonni magaalicha keessatti manneen fincaanii ajaa'an qulqulleessan baaldiifi haxooftuu moofaa fayyadamu.

Aab Ingaateen, kan bulchaa Naayiroobiitiif dorgomaa jiranis, akkasuma osoo konkolaataa dhiqanii, kilabiiwwan halkanii keessaa dhugaatii osoo dhiyeessaniifi muuziqaa xabatanu suuraa ka'an.

Namoonni kaanis maaloo mana dhufee daa'ima nuuf haa kunuunsuu ykn hojii mana keessaa nu haa gargaaru jechuun itti qoosaa jiru.

Aab Igaateen bara aangoo Maayik Soonkootti Ittaanaa bulchaa Kaawontii Naayiroobii ture. Garuu bulchiinsa bulchaa magaalatii irratti amantaa dhabuu himuun waggaa osoo hin guutiin aangoo gadhiise.

Xinxaltoonni siyaasaa jarri kunneen attamiin filattoota akka amansiisan beeku jedhu. Aab Igaateef dorgomaa cimaan Seenaatara Naayiroobii Joonsan Saakaajaati.

Inni mataan isaa qalbii ummataa hawwachuuf osoo daldaltoota daandii irraatii qurxummii, akkasumas timaatimiifi qullubbii supparmaarkeetii osoo hintaane gabaarraa bituu suuraa ka'un qoode.

Kaadhimamaa qulluubbiifi timaatimii bitaa ture

Madda suuraa, JOHNSON SAKAJA

Aab Saakaajaan erga bara 2017 kaasuun senaatar Naayiroobiiti. Innis bulchaaf yoo dorgomu kun kan jalqabaasaati.

Jiraattuun Naayiroobii Anni Waambu'i namoonni siyaasaa kunneen hanga yeroo duula na filadhaatti gabaan eessa akka ta'e hin beekan jetti.

''Magaalaa kana keessa jiraachuu baayyee rakataa jirra garuu kanneen dur bakka qaaliidhaa bitatan gaafa akka sagalee kenniinuuf barbaadan dhufanii jireenya keenya hubachuuf waan jiran itti fakkeessu,'' jette BBCn.

Bakka bu'aan Kimiliilii Didmaas Baaraasaa ammoo filattoota hawwachuuf jecha konkolaataa isaa baayyee bareedu dhaabuun motooraan deema.

Akkasumas, baareellaa konkolaataa isaa gubbaa kaa'ee irra irikatee mul'ata. Baareellaan mallattoo paartii isaa yoo ta'u, dargaggoota biyyattii ittiin hawwachuufiidha.

DIDMUS BARASA

Madda suuraa, DIDMUS BARASA

Aab Baaraasaa akkasumas hoteela baadiyyaa mana biyyoon ijaarame keessatti jiraattoota waliin shaayii wayita dhugu suuraa ka'e.

Suraaleen isaa kan biraa ammoo gomjii/sumsuma dhagaa baadiyyaa sadiin maanguddoo waggaa 67tiif wayita akkuma uffata sirrii ufatee jiruutti shaayi danfisuu mul'ata.

DIDMUS BARASA

Madda suuraa, DIDMUS BARASA

Gochaa isaa mana keessatti raawwate kanaanis miidiyaalee hawaasaa irratti yaada garaagaraatu itti kenname.

Seenaatarri duraanii Boonii Khaalwaal kan irra deebiin lixa Keenyaa Kakaamegaa keessatti dorgomus, kophee isaa daandii kubbaattii haxoofsiifachuu dhaqe.

Innis boqqolloo waadamaa nyaataa hanga kopheen isaa qulqulleeffamee xumuramuutti eegaa ture.

BONI KHALWALE

Madda suuraa, BONI KHALWALE

Suuraa isaa kanas, ''Kazi ni Kazi'' Swahiliidhaan ''waan hundaa yaaluu'' jechuun ibse.

Gochaan Aab Khalwale kun yeroo hunda kan hin hojjanne akka ta'u namoonni tokko tokkoo ni kaasu.

Bakka Bu'aan Liixa Imbaakaasii Aab Joordii Tuurii ammoo osoo miila duwwaa daandiirra deemanuu suuraa ka'an maxxansuun, ''taateewwan hunda ollaa kiyyaa jaallachuu'' jechuun barreessan.

GEORGE THEURI

Madda suuraa, GEORGE THEURI

Baatiiwwan shaniin dura ammoo seenaatarri Isaak Mwaa'uraa paartii isaatiin akka bakka bu'aa Naayiroobii ta'uun dorgamaniif sagalee argachuuf imala dheeraa taasisanii ture.

Fakkeenyaaf, daldaltoota daandii irratti raafuu muruun bilcheessanii gargaaraa turan.

ISAAC MWAURA

Madda suuraa, ISAAC MWAURA