Misaayeelli UK ‘Storm Shadow’ waraana Yulkireen fi Raashiyaa geeddaruu danda’a?

misaayela Storm Shadow

Madda suuraa, Getty Images

Caamsa 11, mootummaan UK misaayelota ‘Storm Shadow’ jedhaman Yukireeniif gummaachuu isaa mirkaneesseera, ta’us meeqa akka ta’an hin ibsamne.

Misaayelooti Storm Shadow hanga fageenya km 240 ol furguggifamuu danda’u – kun ammo fageenya misaayeloti Yukireen hanga ammaatti fayyadamte deeman dacha sadiin caala.

Kun ammo Yukireen bakkeewwan ijoo Raashiyaa, kan kana dura ga’uu hin dandeenye irratti haleellaa xiyyeefachuu akka dandeessuu taasisa.

Misaayelota Storm Shadow muraasa ta’een, Yukireen bakkeewwan human waraanaa Raashiyaa nannoolee to’ataman keessa jiran irratti fayyadamuun ishee hin oolu.

Sababa fageenyaa misaayelotaa kanaan, karoorsitootni humna waraanaa Raashiyaa haala adeemsa, wiirtulee to’annoo fi wiirtuuwwna meeshaan waraanaa kuufaman irra deebiin ilaaluu qabu.

Dabalataan ammo Storm Shadow da’oowwan xiyyarootni keessa kaa’aman ciccimoo ta’an dandeetti uree seenuu qaba – kanaaf wiirtuuleen waraanaa qilleensaa Raashiyaa nannoolee Yukireen to’ataman jala jiran caalaatti haleellaaf saaxilamoodha,

Sababa kanaan, Raashiyaan wiirtulee ittisa qilleensa ishe irraa dubaatti deebi’u dandeessi jedhu, Dhabbata Qorannoo Karooraa Idil Addunyaa irraa Been Beerii.

Amummaan miidhaa Storm Shadow geessisu argaa jiraachuu dandeenya.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Caamsaa 12 irratti, Yukireen misaayeloota UK irraa kennameef fayyadamuun magaalaa to’annoo Raashiyaa jala jirtu Luhaanski keesssatti haleellaa gaggeessiteetti jechuun Raashiyaan himateetti.

BBC’n himata kana mirkaneessuu hin dandeenye.

Yukireenis haleellaa misaayela Storm Shadow’tiin adda baastee hin ibsine. Ta’us dhiyeenya wiirtuu waranaa Raashiyaa magaalaa Berdiyaanski keessa jiru rukutuu ibseera.

Adooleessa 2022 keessa, US rokkeetii Himars jedhaman gumaachuun ishee , Yukireen hanga fageenya km 80 bakka xiyyeeffannoo rukutuu akka dandeessu taasiseera.

Haleellaan rokkeetii Kanaan taasifame Raashiyaan akka of duuba deebituufi, bakka misaayiliin qaqqabuu danda’u jalaa humna ishee akka diigdu taasiseera.

Yukireen misaayelooya Storm Shadow caalaa Himars qabaachuu malti – garuu sochii lolaa Raashiyaa jeequuf garuu Storm Shadow irra fooyya’aadha.

Haata’u garuu, miisaayelota UK’n gumaachite kanaaf dhorkiins siyaasaa jira. Waaranni kun akka hin hammaanneef Yukireen misaayela kana fayyadamuun buufataalee waraana Federeeshinii Raashiyaa keessa jiran- tasuman daangaarra xiqqoo darban kan jiran - irratti akka hin fayyadamneef walii galtee ta’uu danda’a.