Gara fuulduraatti korophisni foon bakka bu’uu danda’aa?

Biyyoota Awurooppaafi US keessatti korophisafi ilbiisota biroo nyaachun akka safuutti ilaalama. Biyyoota Eshiyaafi Afrikaa keessatti garuu korophisa fa’aa nyaachun baramaadha. Ilbiisonni kun qabiyee nyaataan kan badhaadhan qofa osoo hin taane naannoo irratti illee miidhaa hin qaban.

Qe’ee maatii koo Yugaandaa gaafan dhaqu foolii waaddii foonii kan fakkaatutu qilleensa guutee jira. Yeroon isaa bara 2000 ture, obboleettin koo Maagin korophisa waaddi turte.

Korophisa magariisa xuwwee ittootti hammuma dabalaa deemtu foolin isaas dabalaa deema. Bilchaatee gaafa foolin aara isaa achii ol bahu, gororan coccobse.

Waaddii korophisaa nyaachun anaaf yeroo jalqabaa hin turre. Daa’imummaa kootti baay’en nyaadha ture. Yugaandatti korophisni nyaata baay’ee filatamaadha.

Foolin waaddii korophisaa yeroo mara ayyaana Qillee na yaadachiiisa- waktii itti korophisa funaanuf baay’ee mijataadha waan ta’eef. Yeroo ayyaana waggaa foon nyaachurra korophisa nyaachuun filadha.

Waggoota heddu booda waaddii korophisaa qe’eetti deebi’ee nyaachun dharra’e. Imumaayyuu qorannoo akkan gaggeessuf na kakaase nyaata foonii koo gara korophisaatti maafan hin jijjiiru akkan jedhu na taasise.

Ilbiisota nyaachun bu’aa itti fufiinsaa qabu dhagaheen pirotiinii korophisaa keessaa argame osoon beeksisee karboonii hir’isuu keessatti gahee hangamii bahachuu akkan danda’utu na keessatti uumame.

Amma Yugaandaa, magaala Kampaalaa keessan jiraadha. Ji’a Caamsaa, Waxabajjiifi Muddee hanga Guraandhalaatti waktii korophosni baay’inaan itti wal hour waan ta’eef jiraattonni magaala Kampaalaa namoota korophisa dhiyeessan irratti hundaa’u.

Lafa margaatti abidda erga qabsiisanii booda korophisaafi ilbiisonni biroo aara abiddaatin erga laafanii booda kiyyoo saaphaphuu qophaayetti akka nam’an godhu.

Magaala Kampaalaa keessatti daldalli korophisaa gabaa guddaadha, waktii Korophisni itti argamutti namni tokko dhuunfatti hanga Shilingii Yugaandaa 760,000 tti gurgurachuu danda’a.

Korophisa miilli fi baallen irraa buqqa’ee qophaa’e kubbaayyaa pilaastikaa tokko guutuu Shilingii Yugaandaa 20,000 ykn dolaara 5.26 bitachuu nan danda’a.

Korophisa nyaachun gaarummaan isaa nyaata gosa kamuu wajjin nyaatamuu isaati. Kasaavaa, dinnicha, ruuzii fi kanneen biroo wajjin ni nyaatama.

Anaaf waaddii korophisaa jechuun akka nama fandishaa nyaatuti- nyaatamee kan hin quufamne. Korophisa qopheessuf xiqqoo yeroo dheeraa nama gaafata. Kana gaafan yaadu, obboleettin koo kana qopheessuf humnaafi yeroo isheen itti baasaa turtetu natti yaadatame.

Koprophisa qopheessun baay’ee nama hin rakkisu, inumaayyuu hanga inni bilchaatutti kitaaba fa’aa dubbisaan eega.

Korophisa hojjachuuf qullubbiifi corqaa gubaadhanin hojjadha, garuu qabiyyee biraa itti dabaluun hin barbaachisu sababni isaa korophisni uumamaanuu ni mi’aawa waan ta’eef.

Pirotiinii dhaabbataa

Korophisni pirootiinin kan badhaadhe fi nyaata filatamaadha. Korophisni baha Afrikaatti hanqina nyaataa furuuf, wabii nyaataa mirkaneessufi hoji-dhabdummaa illee hir’isuuf gahee guddaa taphachuu akka danda’u hima Sokoine University of Tanzania tti qorataa itimoolojii kan ta’e Liyonaard Alfons.

"gosti korophisaa nyaataman Yugaandaa keessatti baay’ee kan jaalatamaniifi maddi galii guddaadha.

Baha Afrikaatti wabii nyaata fi fayyummaa mirkaneessuf akkaataa omisha korophisaa gahaa ta’e itti dhiyeessan irratti hojjatamuu qaba,” jedha Liyonard.

Yugaandaa keessatti korophisni Nsenene jedhamuufi anteenaa dheeraa qabu pirotiinii pirotiinii 34-45%, cooma 42-54% fi faayibarii 4-6% of keessaa qaba. Walii galatti ilbiisonni vaayitaaminoota fi amiinoo asiididhaan badhaadhodha.

Ilbiisota horsiisuf lafa, anniisaafi bishaan baay’ee xiqqaa ta’e qofa nama gaafata; akkasumas karbooniin faalama qilleensaa uumu baay’ee xiqqaadha.

Yuunivarsiitii Edinbiraatti qorataa wabii nyaataa kan ta’e Piitar Aleeksandar, “Faalama qilleensaa nyaata nyaannu keessaa madduuf sababni waanta nuti nyaachuf filannu wajjin wal qabata” jedha.

Nyaata foonii addunyaa irratti nyaatamu osoo walakkaa isaa ilbiisota akka korophisaafi wantota birootin bakka buusanii lafa horsiisa loonif oolu harka sadi kan ta’u hanga hektaara miliyeena 1,680 ta’u - biyya UK si’a 70 oolchun ni danda’ama akkasumas faalama qilleensa ittisuun akka danda’amu qorannoon Piitar Aleeksandar gaggeesse ni agarsiisa.

Fayidaan isaanii akkuma jirutti ta’ee, garuu ilbiisota baay’inaan omishuun ni danda’amaa?

"Loon horsiisuu caalaa ilbiisota horsiisun baay’ee salphaadha. Horsiisa ilbiisotaa mana keessatti, mana jalatti horsiisun guyyoota muraasa gidduutti ilbiisota miliyeenan lakkaa’aman horsiisun ni dand’aama,” jedha pirezidaantii dhaabbata Entosense kan ta’e Biil Biroodbent.

Dhaabbanni Entosense Ameerikaa keessatti ilbiisonni soorataaf oolan qaama nyaata guyyuu lammiilee biyyattii akka ta’aniif hojjataa jiruudha.

Ilbiisonni guutummaatti foon bineensotaa bakka bu’uu baatanis waggoota as deemanitti bakkeewwan hanqinni nyaataa itti mudatutti madda pirootiinii cimaa ta’uu akka danda’an dubbata Biil.

Fedhiin ilbiisota nyaataf oolanii dabalaa deemuu

Biyyoota Afrikaa, Ameerikaa Kibbaafi Eshiyaa keessatti gosoota ilbiisotaa 2,000 ta’antu nyaataf oola.

Addumatti Taayilaand dhaabbilee horsiisa ilbiisotaa irratti bobba’an 20,000 qabdi. Waggaatti ammoo ilbiisota xixiqoo “bugs” jedhaman toonii 7,5000 omishuuf gabaaf dhiyeessiti.

Garuu ammoo ilbiisota heddu bakkee keessaa funaanun lakkoofsa ilbiisotaa hir’isuun jijiirama qilleensaa hammeessuu danda’a sodaan jedhus jira.

Gama biroon ammoo dhaabbileen heddu Awurooppafi US keessa jiran ilbiisota nyaataf oolan horsiisuu irratti fuulleffataa jiru.