Gurgurtaa kuruphisaa xiyyaararratti taasifamu hordofee hojjetoonni ari'aman

Daandiin Qilleensaa Yugaandaa kuruphisa nyaataaf qophaa'e xiyyaara balali'aa jiru keessatti gurgurame dhorke.

Daandiin Qilleensaa Yugaandaa kun tarkaanfii kana kan fudhate taatee dhume -torbee darbe mudate hordofeeti.

Kuruphisni nyataaf qopheessan biyyattii keessatti maqaa Nsenene jedhamuun beekama.

"Gabaan kuruphisaa xiyyararratti gaggeeffamu kun gabaan itti baayyachuusaarraa kan ka'een namoonni akka irratti walcabsan" taasisuu hima Daandiin Qilleensa Yugaandaa.

Gochi kuruphisa nyaataaf xiyyaara keessatti gurguruu kun "gabaaf jecha imaltoota hokkara hin malleef" saaxilaa jiraachuus ibsa Daandiin Qilleensichaa.

Taatee kana hordofee hojjetoonni Daandii Xiyyaara Yugaandaa hojiirraa akka dhorkaman miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Daandiin Qilleensichaa akka jedhetti, fedhiin gabaa kuruphisaa imaltoota xiyyaaraa kan dabale sababii waqtii ammaa kana keessa gahaa ta'ee hin jiraannee akka ta'e ni hubata.

Kana hubannoo keessa galchuudhaanis gaaffii dhiyaturratti hundaa'uun menu soorataa keessa akka galchus himeera.

"Tarklaanfiin akkasii kun ammoo gabaa turiizimii jajjabeessuudhaan biyyattii keessatti jiruu namoota gabaa kuruphisaa keessatti sadarkaa adda addaatti hirmaatan foyyeessa," jedheera Daandiin Qilleensa Yugaandaa.