Israa'el Komaandara garee Islaamik Jihaadistii Filisxeem dabalatee Gaazatti namoota 11 ajjeeste

Suura magaala Gaazaa haleellan yeroo gaggeeffamu

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el gaggeessaa garee Islamik Jihaadii Filisxeem (PIJ) dabalatee namoota 11 erga ajajeeften booda hidhattoota garichaa 19 to'achu beeksiste.

Haleellaa qilleensaa irraa Weest Baankitti gaggeffame kanaan gaggeessan PIJ Xaaysar Jabaarin ajjeefameera.

Namoota 11 ajjeefaman keessaa tokko daa'ima xiqqoodha.

Israa'el gama isheetiin yaaddoo qabatamaa waanan qabuufan haleellicha gaggeesse jetti.

Haleellaa Isra'eel kana hordofuun Gaazaa irraa rookkeettin hedduu gara Israa'elitti dhuka'aa buleera.

Haleellaa rokkeettii kana fashalsuu isaa humni waraana Israa'el ibsee jira.

Walitti bu'iinsi Israa'el fi Gaazaa waggaa tokkoo asitti kun isa guddaadha.

Bara 2011 tti waraana guyyaa 11 fudhateen Filisxeem irraa namoonni 200 du'anii yoo du'an gama Israa'eelinis namoonni heddu erga du'anii booda walii galteen waraana dhaabuu taasifamee ture.

Oppireeshiniin amma jalqabe kuni toran tokko turuu akka danda'u waraanni Israa'el akeekkachiisaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa har'aa 06, 2022 magaalota Israa'el heddu keessatti saayiraniin dhukaasa misaa'elaa agarsiisu dhahamuu itti fufee jira. Israa'elis haleellaa qilleensaa Gaazatti taasiftu cimsitee itti fufuu beeksifte.

Haleellaa kanaan buufata hidhattoota Islamik Jihaadii Filisxeem (PIJ) akka haleeltu beeksiste.

Gaazaa keessatti humnaa fi deeggarsa cimaa kan qabu Haamas ilaalcha PIJ deeggarus hanga ammaatti rookkeettiwwan gara Israa'elitti hin dhukaasne.

Kanarraa ka'uun Hamaas iratti Israa'el haleellaa gaggeessite hin qabdu.

Gareen Haamas Jimaata galgala "gareewwan hidhatan tokkummaan hojjatu" jedhee ibsa cimaa baasus hanga ammaatti tarkaanfii Israa'el irratti fudhate hin qabu.

Torbee darbe erga Israa'el daangaa Gaazaa erga cuftee asi Filisxeem keessatti jireenyi baay'ee ulfaataa ta'ee jira. Israa'el Kaaba Weesti Baankiti gaggeessitoota garee PIJ erga to'annoo jala oolchiteen booda garicha haleellaa haaloo bahuu gaggeessuu mala kan jedhuun daangaa Gaazaa fi Israa'el cufte.

Ajjeechan lammiilee nagaa Gaazaa keessatti dabalaa dhufnaan, Hamaas tarkaanfii fudhachuu jalqabuu danda'a.

Gareen Hamaas garee PIJ waliin tokkoomee tarkaanfii fudhachuu eegala taanan, haalli kan ammaa caalaa baay'ee hammaachuu danda'a sodaan jedhu jira.

Dubbiin bifa hamma jiruun cimee itti fufnaan, Masiriin akkuma durii araaraf giduu seenuu dandeessi.

Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti Masiriin guyyaa har'aa Israa'el fi garee PIJ giduutti araara buusuf qophiitti jirti.

Halkan edaa qofa rookkeettiwaan 200 ol Gaazaa irraa gara Israa'elitti furguggifamuu waraanni Israa'el ibse.

Suura ookkeettii Gaazaa iraa yeroo dhukaafamu

Haa ta'u malee, rookkeettiwwan kunneen meeshaa farra misaa'elaa "Ayiran Doom" jedhamuun fashalaa'uu fi miidhan homaatuu akka hin qaqqabne waraanni Israa'el iseera.

Bakkeewwan buufata Islaamik Jihaadii 30 ta'anhaleeluu isaa Humni Waraana Israa'el beeksiseera. Bakkeewwan halellan qilleensaa itti raawwate kanneen keessaa 6 wiirtu omisha rookkeettii yoo ta'u haleellaa kanaan namoonni 87 miidhan irra gaheera jedhame.

Ministeerri Muummee Israa'el Yaa'ir Laappid, "Israa'el bakkeewwan yaddoo ta'an irratti Isaa'el haleella qindaa'aa gaggeessite" jechuun dubatan.

Ministeerri biyya keessaa Ayalet Shaaked, "Waanti kun akkamitti akka xumuramu hin beeknu...garuu walitti bu'iinsa yeroo dheeraa fudhatuu fi hamaadha" jedhe. Humni waraana Israa'el akka jedhetti gamoo guddaa Paalestine Tower jedhamu kan Gaazaa keessatti argamu dabalatee bakkeewwan mandhee PIJ ti jedhe haleeluu beeksise.

Haleella kanaan gaggeessan garee PIJ Xaaysar Jabari ajjeefameera. Jabaarin haleellaa shororkeessummaa heddu lammiilee ishee iratti akka raawwate himatti Israa'el

Haleellaa kanaan namoota ajjeefaman keessaa tokko daa'ima ganna 5 Alaa Kaadum dha.

Barreessaa Olaanan garee PIJ Ziyaad al Nakalaa, "Haleellaa nurratti gaggeeffameef nutis haleella laleessaa uummata keenya mo'achiisu ni deebisna" jechuun dubate.

Sababni walitti bu'iinsa kanaa Israa'el gaggeessaa garee Islaamik Jihaadist Filisxeem (PIJ) kan ta'e Baasam Saadii Weest Baankitti gaafa Wiixataa 01, 2022 to'achuu ishee irraa kan ka'eedha. Hidhattoota Gaazaa keessa soch'an keessa tokko PIJ dha. Gareen kun Iraan irraa deeggarsa gudda yoo argatu wiirtun muummee isaa magaala gudoo Sooriyaa Damaasqodha.

Israa'el garee kana haleellawwan rookkeettii fi shororkeessummaa lammiilee isheerra gahuun himatti. Bara 2019 tti gareen PIJ fi Israa'el waraana guyyaa 5 gaggeessanii turan. Sababni isaa ammoo Israa'el ajajaa garichaa ajjeesuu ishee hordofee ture.

Lola yeroo sanatin lammiilen Filisxeem 34 du'anii 111 yoo madaa'an, gama Israa'elin ammoo namoonni 63 madaa'anii turan.