Obboleessi Battee 'yaada kennaa jira' malee warra shakkaman 13 keessaa miti jedhe poolisiin

Madda suuraa, Getty Images
Ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa wajjin walqabatee shakkamtoota 13 to'annoo jala oolfamanitti dabalataan obbolaan Obbo Battee ''yaada kennuuf isaan bira jiraachuu'' poolisiin beeksise.
Hogganaan Qajeelcha Poolisii magaala Maqii Komaander Mahaammad Suufaa yaada BBCf kennaniin ajjeechaa Obbo Battee wajjin walqabatee namoota 13 shakkiin to'atamanii jiraachuu himan.
Eenyummaa namoota kanaafi ragaan jalqabaa shakkiif argame garuu ammatti milkaahina qorannichaaf jecha hin ibsamuu jedhaniiru.
Dabalataan Obbolaan Obbo Battee addatti yaada irraa fuudhuuf qaamolee nageenyaa fi haqaa bira jiraachuu himaniiru.
Miseensi Maatii Obbo Battee BBC dubbise tokko obboleessi quxusuun Obbo Battee Miiloo Urgeessaa fi Obboleettiin isaa Simboo Urgeessaa sirni awwaalchaa erga raawwatee booda Poolisiin fudhatamuu himaniiru.
Tahus Simboon kamisa galgala gadhiifaamuu maatiin ibsaniis Miiloon ammas to'annoo Poolisii jala jiraachuu mirkaneessaniiru.
Namoota biroo shakkiin to'ataman jedhaman keessa egdootni dhaabbilee iddoo reeffi Obbo Battee argamee jiraachuu odeeffachuus himan.
Komaandar Mahaammad obbolaan Obbo Battee ''shakkamtoota kana keessaa mitii'' jedhan.
Jechi ''shakkamtoota to'annoo poolisii jala jiran jedhus isaaniin hin ilaallatuu jedhan.
Sababni qabamaniif miidiyaa hawaasaa gubbaa dubbiin ''maatii gidduu dhibdeen ture'' jedhu adeema waan jiruuf isuma qulqulleeffachuufi jedhan.
Isaan lamaan (Miiloo fi Battee) gidduu waldhibdeen jira waan jedhameef isa qulqulleeffachuuf yeroodhaaf yaada harka afuudhaa jirra malee to'annoo seeraa jala hin jirani, shakkamtootas miti'' jedhan.
Miseensonni maatii Obbo Battee kun yeroo gababa keessatti yaadni irraa fuudhamee qe'ee isaaniitti debei'uu jedhan.
Qondaalli siyaasa maqaa guddaa dhaaba ABO Obbo Battee Urgeessaa Kibxata Ebla 9, 2024 halkan ajjeefamanii reeffi isaanii Roobii ganama qarqara magaala Maqiitti argame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammatti ajjeechaa kun eenyuun akka raawwatame wanti ifatti beekame hin jiru.
Obbo Batteen nama siyaasa mootummaa mormaniifi irra deddeebiinis hidhamanii turan ta'uusaaniin walqabatee kanneen ajjeechaa isaaniif mootumaa himatan jiru.
Mootummaan garuu gochaan kun fudhatama kan hin qabne ta'uu ibsee, qorannoon akka gaggeefamus beeksise.
Kantiibaan magaalaa Maqii Obbo Dilboo Urgeessaa yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin ajjeechaa kanaan walqabatee yaada maatii keessa walitti bu'iinsi uumame sababa ta'uu akka danda'u dubbatan.
Miidiyaa hawaasaa gubbaas duulli ajjeechaan kun rakkoo maatii akka ta'e akeeku namoota mootummaa wajjin hidhata qabaniin qoodamaa ture.
Dhimma kana irratti sirna awwaalchaa dura BBCf yaada kan kenne obboleessi Obbo Battee, Miiloo Urgeessaa, yaadni dhibdeen gidduusaanii jira jedhu ''dhugaa fi haqa Battee gara dabarsuufi'' jechuun komateera.
''Maatii keessa, isarratti gocha gara jabinaa akkasii raawwachuu mitii yeroo inni dubbatu rifaatuufuu jala hin deebifnuu'' jedhe.
Obbo Battee Urgeessaa ji'a tokko dura gaazexessaa lammii Faransaay waliin Finifnneetti af-gaaffii gochuutti osoo jiranii torban tokkoo oliif to'annoo jala turan.
Boodas birrii kuma 100n mirgi wabii eegameefii gadhiifaman. Saa duras irra aanga'oota ABO kanneen biroo wlaiin Buraayyuutti hidhamanii turan.
Obbo Batteen Jimaata darbe dhiyeenya magaalaa Maqiitti oruu paappaayyaa qaban hordofuuf garas deeman.












