Jeettiin waraanaa Raashiiyaa mana jireenyaarratti kufee paayilatoota galaafate

Madda suuraa, Telegram
Xiyyaarrii waraanaa Raashiyaa kibba Saayibeeriyaatti naannawa manneen jireenyaa irratti kufee caccabuu aanga'oonni naannichaa himan.
Xiyyaarri waraanaa Sukhoi Su-30 jedhamu magaalaa Irkutsk keessatti gamoo jireenyaa abbaa darbii lamaa irratti kufuu bulchaan naannichaa kan ta'an Igor Kobzey barreeffama Telegraam isaanii irratti barreessaniin himan.
Bulchaan kun akka jedhaniitti, balaa xiyyaaraa qaqqabe kanaa dowwachuf bakka taateen kun itti mudateetti argamaniiru. Akka isaan jedhaniitti, balaliiftoonni xiyyaarichaa lamaanu kan du'an yoo ta'u, jiraattoonni miidhaman kamu akka hin jire dubbatan.
Akka Ministeera Haalawwan Balaa Tasaa Raashiyaatti, jeettiichi kan kufee caccabe osoo balaliinsa yaalii taasisaa jiru ture.
Waraabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman akka agarsiisanitti, xiyyaarichi osoo caccabee ibiddi itti hin qabatiin dura kallattiin gara dacheetti balalii'aa akka tureefi samii keessatti aara gurraacha gadhiisaa akka ture agarsiisan.
Waraabbiin viidiyoo inni gara biraa ammoo hojjattoonni balaa ibiddaa osoo ibidda dhaamsanii agarsiisa.
Koreen qorannoo mootummaa Raashiyaa gama isaatiin seerawwan nageenyaa qilleensaa cabuu ilaalchisuun qorannoo yakkaa gaggeessuu eegalu himeera.
Taateen akkanaa kun wayita biyyattii keessatti mudatu guyyoota jahan darban keessatti kun kan lammataati.
Wiixata torba darbees, jeettiin waraanaa Sukhoi Su-34 tokko dhiheenya daanagaa Yukireeniitti kaaba magaalaa Yeysk keessatti gamoo appaartaamaatti bu'uudhaan yoo xinnaatee 15 du'anii ture.















