Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Itoophiyaa seeraan ala nama daddabarsu Keeniyaatti hidhaan waggaa 31 itti murtaa'e
Lammiin Itoophiyaa Keeniyaatti nama daddabarsuun shakkamee qoratamaa ture manni murtii magaalaa Naayiroobiitti argamu hidhaa waggaa 31 itti mure.
Miidiyaaleen biyya keessaa biyyattii akka gabaasanitti, Yibaqaal Getaachaw waggoota lama dura to’atame.
Mana isaattis godaantonni Itoophiyaa 12 harki isaanii fuuncaan hidhameefi biyya biraatti dabarfamuuf karoorfame argamaniiru.
Yakkamaan kuni maqaa Adinaan Mohaammad Galaanoo jedhamuunis beekama.
Miidiyaan Keeniyaa The Star jedhamu Yibaqaal magaalaa Naayiroobii bakka Gogoomaa jedhamu to’atame.
Namoota daddabarsuun ala sanada waliin dhahuun hidhaan waggaa tokko itti darbeera.
Akka gabaasa gaazexichaatti, nami kuni waraqaa eenyummaa mootummaan Keeniyaa lammiilee alaaf kennu qabatee sosso’aa ture.
Lammiileen Itoophiyaan manni jireenyaa nama badiin itti murtaa’ee kanaa keessatti argaman gara biyya dhalootaasaanii akka deebii’an taasifamuun gabaafame.
Daarektarri qorannoo yakka Keeniyaa, Mohaammad Amiin lammiilee Itoophiyaa gara Afriikaa Kibbaa fi jidduu-gala bahaatti imalan Keeniyaa akka karaa ittiin ce’umsaa taasisaa jiraachu saanii kaasuun murteen nama kanarratti dabarfames namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsan kaanis gochaa walfakkaatu irraa akka of qusatan kan akkeekkachiisuudha jechuusaanii Naayiroobi Niiwus gabaaseera.
Hoogganaan poolisii kun yeroo dhihoon as godaandoonni sanada hin qabne baayyeen Keeniyaa akka karaa ce’umsaatti fayyadamaa jiraachuu kaasuun, hawaasni haala shakkisiisaa ta’e yoo argan pooliisiif eeru akka kennaniif gaafataniiru.
Kun osoo kanaan jiruu, magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii bakka Isilii jedhamuun beekamuutti poolisiin godaantoota sanada malee imalaa turan 30 to’annoo jala oolchuu gabaasa taasiseera.
Dhiiroonni 20 fi dubartoonni 10 kanneen garam akka deemuuf turan hanga ammaatti hin ibsamneetti dadabarfamaa turan ejdheen, akka to’ataman poolisii Keeniyaa waabeefachuun kan gabaasee gaazexaa Istandaard jedhamudha.
Baatii tokkoon duras lammiileen Itoophiyaa karaa seeraan alaatiin gara daangaa Keeniyaa seenan jedhaman, bulchiinsa Maachaakoos jedhamu keessatti naannawa Ati Riivar’tti to’annoo jala oolfamuun gabaafamee ture.