Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiim Joong Un Moskoon 'diinootasheerratti injifannoo olaanaa' argatti jedhan
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gitasaanii hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin wayita wal arganiitti Piiyoongiyaangiif deeggarsa saatalaayitootaa akka taasisan waadaa seenan.
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un kan Raashiyaatti imalanii tures erga Putiin waliin dhimmoota garaa garaa irratti marii taasisaniin booda baabura ittiin dhaqaniitti deebi’uu miidiyaa Raashiyaa Riyaa Novosti gabaaseera.
Imala guyyaa lamaa booda Putiin waliin kan wal-argan Kiim sa'aatiiwwan muraasaaf qofa erga mariyatanii booda gara Piyoongiyaang ofirra deebi'aniiru.
Putiiniif Kiim erga bara 2019'tti jiddugala qorannoo hawwaa Baha Raashiyaatti argamu Vostomodadiroom keessatti wal arganii booda deebisanii qaamaan yoo wal argan kun kan jalqabaati.
Putiin hoogganaan Kooriyaa Kaabaa sagantaa qorannoo hawaa biyyasaanii guddifachuuf fedhii akka qaban ibsuun, Raashiyaa kanaaf saatalaayitoota Kooriyaa Kaabaatiif dhiyeessuuf qophii ta’u dubbatan.
Haata’u malee, Putiin haasaa isaanii kanaan biyyisaanii saataalaayitiiwwan akkamii akka Kooriyaa Kaabaatiif kennitu kan jedhan jiraachu baatulleen, garuu saatalaayitoota basaasa nageenyaa taasisan ta’u akka malan baay'een ni tilmaamu.
Kooriyaan Kaabaa kana dura yaaliin saatalaayitoota hojii basaasaa hojjatan lama furguggisuudhaaf yaaliin taasifte osoo hin milkaa'in hafe.
Gama biraatiin ammoo, meeshaalee waraanaa waraanaa Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtuuf galtee ta’an Kooriyaa Kaabaa irraa akka fudhachuu dandeessu oggeessonni damee kanaa ibsaniiru.
Bu'uurasaanii Kooriyaa Kibbaa kan taasisan barsiisaan Yunivarsitii Qorannoo Kooriyaa Kaabaa, Pirofeesar Kiim Goongi-Up, Raashiyaan rasaasawwan, meeshaalee ciccimoo dhuka'aan akkasumas misaa’elootaafi rookkeettiiwwan Piiyoongiyaang irraa fudhachuu dandeessi jedhan.
Waraanota lamaan bara 1953'tti xumuramaniin booda, waraana kamuu keessatti hirmaattee kan hin beekne Kooriyaan Kaabaa, kuusaa rookkeettiiwwaniifi meeshaalee dhuka'an miiliyoonotaan lakkaa'aman akka qabaattu tilmaamama.
Hayyuun kuni akka jedhanitti, Kooriyaan Kaabaa kuusaa meeshaalee waraanaa isheerratti hanga tokkoo Raashiyaaf yoo kennite humna waraana isheerratti jijjirama hin uumu.
Itti dabaluunis, agarsiisa dhiheenya kana Kooriyaan Kaabaa taasifte irratti waraanni biyyattii meeshaa waraanaa ammayyaa’aa fi haaraadhaan hidhachuu mul'ifte jirti jedhan.
Gama biraatiin ammoo Kooriyaan Kaabaa ‘‘ijaarsa rookeettiiwwaniif’’ xiyyeeffannaan kennuu Putiin haa dubbatan malee, Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan meeshaalee nikularaa dhorkaman raawwachuun qeeqamti.
Dubbi Himaan Kireemiliin yoo dureewwan lamaan waliigaltee meeshaa waraanaa taasisuu danda’an ilaalchisee gaazexeessitootaan gaaffiin kan dhiyaateef deebii kennan, biyyoonni lameen dhimmoota icciitii ta’an irratti walta'iinsa akka qabaataniifi kunis ummataaf ifa akka hin baane ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan biyyoota lixaatiin qoqqobbiin irra kaa’ame kunneenis meeshaalee waraana biyyasaanii deeggarsa namoomaatiin jijjiiruuf waliigaltee taasisuu akka danda’an eegama.
Kiim waa'ee waraana Yukireen maal jedhan?
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un humnootiin Moskoo diinoota isaaniirratti ‘‘injifannoo olaanaa’’ akka gonfatan mirkannessuufi eejansiin oduu Raashiyaa gabaaseera.
Miidiyaaleenis Kiim ‘‘Waraanni Raashiyaafi ummanni qabsoo qulqulluu gamtaa diinotaa adabuudhaaf taasisanii injifannoo olaanaa akka gonfatan mirkaneessan,’’ jechuu eeraniiru.
Itti dabaluunis Kiim waa’ee waraana Yukireen keessatti itti fufee ilaalchisuun, ‘‘waraanni Raashiyaa gootoonnii fi biyyattiin aadaa injifannoo olaanaa akka dhaalaniifi kutannoo gatiin hin madaalamne akka agarsiisan akkasumas adda waraanaattis oppireeshinii waraanaa addaa akka agarsiisan baa'yeen amana,’’ jedhaniiru.
Oppireeshiniin waraana addaa Kiim eeran kunis haala Kireemiliin ittiin weerara Yukireen irratti gaggeessituu ibsituudha.