Baabura Kiim Joong Uun rasaasni hin urre, saatalaayitiinis faana dhahuu dadhabe

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin walarganii mariyachuuf erga beellama qabatanii ijji addunyaa garasuma jira.

Kiim Wiixata kaleessaa Piyoongiyaangirraa ka'an. Amma garama akka jiran teeknoolojiin ammayyaa warra Lixaayyuu mirkanatti himuu hin dandeenye.

Wanti mirkanatti beekame yoo jiraate, Kiim akkuma amma dura baratame baaburaan imaluu isaaniiti.

Dureen biyyootaa imala idila addunyaa wayita taasisan maloota geejibaa fayyadaman miti Kiim kan fayyadaman.

Sababoota Kiim maloota geejibaa kaan caala baabura fayyadamaniif keessaa tokko eeggannoodha. Buubara isaanii VIP kana rasaasni hin uru, meeshaale waraanaa gurguddaas fe'atee adeema.

Sababa kanaattis imalli isaa saffisaa miti. Kiim kana dura wayita gara Vilaadivostook imalan sa'aatii 20 itti fudhate. Bara 2019 keessa Doonaald Tiraamp waliin wal-arguuf gara Veetnaam imalli taasisan ammoo sa'aatii 60 fudhate.

Abbaan Uun, Kiim Joong iil sodaa xiyyaaraan balali'uu qabu turan. Maddi isaa ammoo xiyyaarota bar Sooviyet amma dulloomoo ta'anirraa amantaa dhabuudha.

Maatiin Kiim dhimma nagenyaa isaaniif hedduu cinqamu. Imalli biyyaa ala godhaniis akka balaan guuteetti yaadu. Dhugumattis xiyyaarri rukutamee kufuu danda'a, baabura garuu faana dhahuun ni rakkisa.

Imala hoogganaa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee bara 2009 gabaasni bahe tokko imala Kiim isa dura tureen baaburri nageenya mirkaneessu jalqaba bahee yaaddoon jiraachuu qorata. Daandiin yaaddoo kan hin qabne ta'uu adda baasa.

Imala Kiim Joong Uun isa alanaa kana ilaalchisee gareen BBC odeeffannoo qulqulleessuufi hordofuuf daandii irra imalu malu jedhamu saatalaayitiin faana dhahuuf yaalee hin milkoofne.

Imala amma dura Kiim gara Raashiyaati taasisan irratti hundaa'uun daandii haaraa filachuu malu tilmaamni jedhu tureera.

BBC'n akkuma amma duraa suuraalee saatalaayitii Planet Labs jedhamu irraa argatu xiinxala. Saatalayitiin isaanii daangaa ce'ee suura fudhata.

Alana garuu iddoo daangaa Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa Tumangang fi Khasan jedhamanitti wayita Kiim ni qaqqabu jedhamee tilmaamametti suurri kaafame homtuu hin jiru.

Daandii gara Kaabaa geessuufi daangaa Raashiyaatti dhiyeessuun baaburri imalaa jiru yoo jiraate adda baasuufis duumessi danqaa uumeera.

Suuraaleen Saatalaayitii hawaa irraayiis suura ni kaasu, haata'umalee wayita haalli qilleensaa duumessa ta'u wanti lafa gubbaatti mul'atu guutummaatti hin mul'atu.

Kiimiifi Puutin yeroo dhumaaf erga wal-araganii addunyaan jijjiiramteetti

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uuniifi pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yeroo dhumaaf kan walargan bara 2019 ture. Ergasii addunyaa gubbaati wanti baayeen jijjiirameera.

Waashingitaniifi Piyoongyaang gabbisa nikiuleera waraanaarratti waliigalteen galanii ture cabeera.

Bara 2017 Putiin wixinee Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Kooriyaan Kaabaa Niikuleera misoomsuu akka itti hin fufne qoqqobbii kaahuuf qabate deeggaraa turan.

Amma addunyaan akka duraanii hin jirtu. Erga waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegalee, Mooskoofi Piyoongyaang walitti siiqaniiru. Lachuu waraanichaaf US'n himatu.

Adoolessa darbe Kooriyaan Kaabaa Ministira Ittisaa Raashiyaa Serjee Shoguu simatte. Kuniis Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Piyoongyaang irratti qoqqobbii dabalataa kaahuuf wayita jedhuu Mooskoon diduu ishee xiqqoodhuma durseetu.

Madaalli humnaa Kaaba Baha Eeshiyaa jirus jijjiirameera. Keessumaa erga US Kooriyaa Kibbaa fi Jappaan erga garee tokkotti fiddee booda.

Ammatti wanti ifa hin taane michuun Kooriya Kaabaa, Chaayinaan waliigaltee Moskoo fi Piyongyaang gidduu ta'uuf deebii akkamii kenniti kan jedhudha.

Kiim Joong Uun waliin eenyu gara Raashiyaa akka imale wanti tarreefamee ifatti ibsame hin jiru.

Haata'u malee Uun baabura wayita koran suuraalee kaafaman keessa aanga'ooti olaanoo beekaman mul'ataniiru.

Kan damee diinagdee, siyaasaafi Ittisa hoogganan mula'ataniiru.