Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Babal’ina Finfinneetiin qonnaan bultoonni buqqaatii irraa hafaniifi hojii qonna magaalaa
Obbo Mokonnin Alamuu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa keessa jiraatu. Isaan amma umurii maanguddummaa isaaniitti Finfinneen dhuunfattee marfamanii jiru malee ijoollummaa isaaniitti Finfinnee fageenyatti ilaalaa guddatan.
Akaakilee fi abaabileen isaaniis mandaruma amma ‘Ayaat’ jedhamuun beekamu kana keessa jiraachaa akka turanis dubbatu.
Qabiyyeen lafaa maatiifi gosti isaanii qonnaan keessa jiraachaa turan hedduun amma wiirtuu magaalaa ta’eera.
“Maatii keenya qofa osoo hin taane warri naannawa kana jiraachaa turan hedduun sirna darbe sana keessa gatii bu’aa hin qabneen lafa qonnaa isaanii gadhiisan. Qonnaan bulaan naannawa Finfinnee kuni lafti irraa fudhatamee kan biyya gadhiise, kan zabanyaa karra namaa ta’e lakkoofsa hin qabu,” jedhu Obbo Mokonnin.
Qabsoo dhimma magaalaa Finfinnee kanaan ka’een waggoota afuriin dura jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufe booda buqqaatiin qonnaan bulaa akka fooyya’es dubbatu.
Obbo Mokonnin lafti maatii isaaniirraa dhaalan hammi ta’e fudhatamulleen gara caalu amma harka isaaniirraa qabu.
“Anaa fi warra naannoo kiyyaa kana waaqumatu keessaa nutufee lafti keenya nuuf hafe. Jijjiiramni siyaasaa sun gidduutti osoo dhufuu baatee yoona as hin jirru nuti. Lafti keenya kun ‘Real state’dhaan abbaa qabeenyaatiif kennamuuf qophaa’ee ture.”
“Qabsoo qarree fi qeerroon taasisaniifi waaqnis nu gargaaree jennaan lafa keenyarratti hafne,” jedhu Obbo Mokonnin.
Kutaa Lammii Kuraa aanaa lama jedhamuun beekamu keessatti Obbo Mokonnin amma lafa isaanii daangeffatanii qonna magaalaa irratti hojjechaa jiru.
Qe’een isaanii kuni magaalaa gidduu ta’ulleen mooraan isaanii keessi haala jireenya baadiyyaa ibsu inuma qaba. Manneen citaa dur keessatti guddatanis ‘Mana aadaa Oromoo durii’ jechuun mooraa keessatti ijaarratanii qabu.
Ganda isaan keessa jiraatan kana keessattis abbaa qe’ummaa isaanii utuu hin gadhiisne obbolaa isaanii wajjin ollaa walii ta’anii qe’ee gamaa gamanatti bal’atu qabatanii jiraatu.
Qonna magaala keessaa…
Obbo Mokonnin Finfinnee naannawa ‘Ayaat’ jedhamuun beekamu kanatti sangaa camadanii oyiruu babal’aa akka durii qotuu baadhulleen ammas hojuma qonnaa irran jira jedhu.
Qe’ee isaanii keessatti loon sanyii fooyya’oo karaa saayinsawaaa ta’een horsiisaa jiru. Finfinneen duraan ‘oollee galla’ jedhan amma isaan marsee bira kuteera.
“Galma gurguddaa kana ijaareetan loon horsiisaa jira. Loon elmaman qofaatti, gorommii qofaatti, korommii qofaatti mana ijaaretan horsiisaa jira. Loon amma elmamaa jiran kanarraa guyyaatti yoo xiqqaate aannan liitira 150 gabaaf nan dhiheessa,” jedhan.
Loon horsiisan kana keessaas aannan qofa osoo hin taane raadden sanyii filatamaa tahanis horsiisanii gurguru.
Torbee durayyuu loon aannanii afur tokkoon tokkoon isaanii birri kuma 100 fi kuma 70’tti akka gurguranii turan dubbatan Obbo Mokonnin.
Lukkuulee kuma lama caalan qe’ee keessatti horsiisaa jiran irraas guyyaatti hanqaaquu hanga 2,000 akka argatanis himu.
Yeroo hojiif qe’ee isaanii deemnee turrettis sababa dhibeen lukkuu seeneera jedhameef nama hanqaaquu isaanirraa bitu dhabuun hanqaaquu kumaatama mankuusaa isaanii keessatti tuulanii jiru.
Damma Finfinnee…
Obbo Mokonnin damma Naannawa Finfinnee kanarraa yaadannoo addaa qabu. Kanaaf jechas walakkuma magaalaa kanatti gaagura ammayyaa 20 qabaachuun horsiisa dammaas hojjetu.
“Amma gaagura 20 qaba. Dammi Finfinnee kunimmoo mi’aan isaa adda. Dur daraaraa gaayyoo, kan shumburaa kan nuugii irraa kanniisni damma hojjetti.
Ammas taanaan gaattiraan baargamoon magaalaa keessa inuma jira,” jedhu. “Amma magaaluma walakkaa kanatti kanniisa horsiiseen waggaatti hanga kiiloogiraama 250 nan argadha. Kana maatiin kiyya ni nyaatu, ollaas ni nyaachisna. Kaan gurgurree galii irraa arganna,” jedhan.
Obbo Masfin Kabbadaa ammoo kutaama Lammii Kuraa kana Aanaa sagal keessa jiraatu. Isaanis qonnaan bultoota buqqaatii irraa hafanii amma lafa isaanii irraatti hojii qonna magaalaa kana hojjechuun bu’a qabeessa ta’aa jiranidha.
“Waggaa afuriin dura qotee bulaan Finfinnee keessaa kuni rakkoo hamaa dabarseera. Lafasaa saamamee, reebamee, biyyarraa ari’atamaa ture. Erga jijjiiramni kuni dhufee lafa of harkaa qabdan hin baasinaa ofumaan misoomsaa jedhamne. Amma lafa keenyarratti omishnee gabaaf dhiheessaa jirra,” jedhan.
Lafa bal’aa magaalaa keessaa qaban kanarrattis bishaan lafa keessaa baafachuun hojiiwwan akka omisha kuduraa fi muduraa, horsiisa loonii hojjechaa jiru.
“Ani amma lafa kiyya kan gara hektaara sadii ta’u irratti omishaan jira. As keessatti bona ganna osoo hin jedhin waggaatti yeroo lama xaafiis qamadiis nan omisha. Saawwan faranjiis, sangaas nan soora. Nama hedduudhaafis carraa hojii uumeera. Kuduraa fi muduraas gabaaf dhiheessaan jira,” jedhan.
Qarshii hojii qonnaa irraa argachaa jiran caalaatti amma yaaddoo buqqa’uu keessaa baanee lafa keenya akkasitti magariifannee irratti hojjechuun gammachuu dachaa naaf kenna jedhan Obbo Masfin.
Qonnaan bultoonni kunneen amma kaapitaala Miliyoonaan lakkaa’amu horatanii akka jiranii fi fuula duratti gara ‘Agro processing’tti cehuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Finfinnee keessatti qonnaan bultootni akka Obbo Mokonnin fi Masfin daandii milkaa’inaatti bahan jiraatanis kanneen lafti isaanii irraa fudhatamee amma hiyyummaa keessa jiranis laayyoo miti.
Ragaan Koomishinii Qonnaan bultootaa fi misooma Qonnaa magaalaa Finfinnee irraa arganne akka ibsutti Finfinnee keessaa qonnaan bultoonni yeroo adda addaatti lafasaaniirraa buqqa’an 40,200 caalan ragaan isaanii argamee galmaa’aniiru.
Kanneen keessaas abbottiin warraa 1,500 caalan kanneen galii homaa hin qabnee fi mootummaadhaan dhaabbiidhaan deeggaramaa jirani jedhan, Hoogganaan Komishinichaa Obbo Baayyuu Shugguxee.
Akka isaan jedhanitti waggoota afran darban kanatti hojii qonnaan bultoota buqqa’an qubachiisuu adeemsifameen kanneen homaa hin qabne dhaabbiidhaan gargaaruu, kanneen hojjechuu danda’an gurmeessuu fi kan qabiyyee isaanii irratti hafan ammoo abbaa mirgummaa isaanii mirkaneessuun hojjetameera jedhan.
Qonnaan bultoonni magaalaa keessatti qabiyyee isaanii irraa osoo hin buqqa’in hafanis mirgi isaanii kabajameefii hojii qonna magaalaa irratti bal’inaan akka hirmaataniif deeggaramaa jiru jedhan.
Qonnaan bultoonni kunneenis yeroo ammaa kana lafa Hektaara 6,000 ta’u irratti omisha adda addaa omishuun hojii qonna magaalaa kanaaf gumaachaa jiru jedhan.
Hojiin qonna magaalaa xixiqqaa omisha ‘Oddoo keessaa’ Finfinneetti jalqabame gufuuleen adda addaa mudatanis amma karaa milkaa’inaa qabateera jedhan Obbo Baayyuun.
“Sosochii qonna magaalaa kuni yoo jalqabamu namni fudhachuuf rakkisaa ture. Kaan ani lafa hin qabu jedha, kaan mana kiraa keessan jira jedha, kaan bishaan hin qabu jedha. Kuni waan haaraa waan ta’eef hanga amananitti bakka fakkeenya ta’urratti hojjennee agarsiisaa turre,” jedhan.
Magaalaa Finfinneetti yeroo ammaa kana namootni mooraa isaanii keessatti, qodaawwan keessattii fi bakka dhiphaa jiru irratti kanneen omishanii amma ofii nyaachurra darbanii gabaaf dhiheessuu jalqaban jiraachuus eeran.
Duula ‘Nyaata kiyya oddoo kiyya keessaa’ jedhuun eegalame kanaanis kuduraa fi muduraan dhaabbate walitti yoo ida’ame hanga hektaara 307 kan gahu akka ta’es himan.
Magaalli Finfinnee hojii qonna magaalaa kanaan jiraattota magaalaa fi qonnaan bultoota magaalaa keessatti qabiyyee qaban haalaan deeggaruun dhihootti hojii qonna magaalaatiin Afrikaarraa magaalaa fakkeenyaan eeramtu ta’uuf hojjechaa jirtis jedhan komishinarichi.