L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa bakka Obbo Girmaa Waaqee bu'uun walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta'an

L/Jeneral Yilmaa (bitaan), Obbo Girmaa Waaqee (mirgaan)

Afrikaatti guddicha kan ta'e Ethiopian Airlines Group L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa walitti-qabaa boordii godhee muuduusaa beeksise.

Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa kan ta'an L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaatiin ALI Waxabajji 1, 2015 irraa kaasanii walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gochuun mootummaan Itoophiyaa muuduu ibsi Daandiin Qilleensichaa baase mul'iseera.

Waggoota lamaan darban keessa walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Girmaa Waaqee bakka bu'uudhaan ajajaan oalaanaa Humna Qilleensaa L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa itti-gaafatamummaa kana kanfudhatan.

Ibsi dhaabbatichi baase akkas jedha: "Leetenaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaa 'Baga Nagaan Dhuftan' jennee ergaa hawwii gaarii isiniif dabarsuu barbaadna".

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa keessatti tokkoffaafi tajaajila tiraanispoortii qilleensarraa guddaa kan kennu yoo ta'u, waggoota baayyeetiif cimina isaa kan agarsiisu badhaasawwan gara garaa dhaabbata argatedha.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bulchitoota biyyattii bulchan gara garaa jalatti imala milkaa'ina qabuun guddatee ardiirra darbee sadarkaa idil-addunyaa irratti dhaabbata gurra guddaa horachuu danda'edha.

Walitti-qabaan duraanii Obbo Girmaa Waaqee, "Ethiopian Airlines Group'tiif hoggansa milkaa'aa ta'e kennaniiru. Beekumsa gadi-fagoo damee aviyeeshinii keessatti qaban qoodaniiru," jechuun eereera ibsi kun.

Kanaan udra Daandii Qilleensichaa hoji-gaggeessaafi miseensa boordii ta'uu dabalatee itti-gaafatamummaa gara garaa irratti dhaabbaticha tajaajilaa turaniiru kan jedhe ibsi kun, "guddinaafi milkaa'ina Ethiopian Airlines Group kanaaf ga'ee guddaa gumaachaniiru. Seenaa Ethiopian Airlines Group keessattis bakka addaa qabaatu," jedheera.

Obbo Girmaa Waaqee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa gara waggaa 37 kan tajaajilan yoo ta'u, hanga Obbo Tawaldee Gabre-maariyaam bakka isaanii bu'anitti hoji-gaggeessaa olaanaa ta'uun tajaajilaniiru.

Hoji-gaggeessaa olaanaa kan turan Obbo Tawaldee Gabre-maariyaam itti-gaafatamummaa gadhiisuu isaaniin booda ture muudamni Obbo Girmaa kan ibsame.

Obbo Girmaa Waaqee dura ammoo Af-yaa'ii mana-maree duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa turan walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan turan.

Walitti-qabaa boordii ta'uun kan muudaman Letenaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ajajaa olaanaa Humna Qilleensaa yoo ta'an, hojii Humna Qilleensichaa deebisanii gurmeessuu waggoota muraasa darban keessa taasifame milkaa'inaan kan hooggananidha.

Waggoota 30 darban keessa gahee walitti-qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kana aanga'oota olaanaa paartii biyya bulchuuti itti wal jijjiiree hogganaa ture.

L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Madda suuraa, OBN