Giiftiin kiriptookaransii dolaara bil. 4.5 waliin dhoofte eessa geesse?

Madda suuraa, SHUTTERSTOCK
Bara 2019 BBC’n seenaa ajaa'ibaa waa'ee dubartii Rujaa Iginatovaa jedhamtuu ifa baasee ture.
Rujaan kiriptokaransii sobaatiin invastaroota gowwoomsuun dolaara biliyoona 4.5 miliqsuu hordofee Biiroon Qorannoo Yakkaa Ameerikaa (FBI ) barbaadamuu eegallaan ciraan ishee dhabame.
BBC'n hiree ishee maal akka ta’e baruuf hordofee ture.
BBC Eye fi Panoraamaan Rujaan hariiroo cimaa hogganaa wanbadoota Bulgaariyaa waliin akka qabduufi haala suukaneessaan ajjeefamuu bira qaqqabeera.
Dubartiin kun dolaara biiliyoona saamame ittiin bashannanteettii?
Rujaa Ignatovaa Bulgaariyaa keessatti dhalattee Jarmanitti guddatte. Yunivarsiitii Oksifoorditti eebbifamte.
Bara 2014'tti kiriptoo OneCoin osoo maallaqa hin jalqabin dura damee faayinaansii keessatti hojii milkaa'aa qabdi turte.
Ignatovaan namoota miliyoonaan lakkaa'aman OneCoin irratti akka invast tolchan amansiiste.
OneCoin maallaqa kiriptoo akka Bitcoin caalaa bu'aa guddaa akka argamsiisu ibsuun addunyaarraa qalbii namoota hedduu boojite.
Namoonni hedduu Dr. Rujaa jechuun ishee kan waaman Ignatovaan yaada invastimantii sobaa malee, maallaqa dijitaalaa seera qabeessa akka Bitcoin hin qabdu.
Bara faranjootaa 2017 keessa qorattoonni yakkaa Jarmanii fi Ameerikaa ishee to'achuuf akka jiran yeroo bartu Ignatovaan magaalaa guddoo Bulgaariyaa Soofiyaa irraa gara Ateensitti dheessite.
Garuu yeroo sana booda lammata hin argamne.
BBC Eye’n eessa akka deemtee fi lubbuun jiraachuu ishee baruuf yaalaa ture.
Odeeffannoon qorannichaf oolu ijoon namoota isheetti dhiyaatan irraa argame.
FBI tumsuun Biiroo Galii Ameerikaatiif qorannoo Onecoin irratti kan jalqaban Richaard Reyinhaard, waa’ee amala nama qorattoonni kanaan dura maqaa isaanii hin beeknee BBC’tti himan.
Giiftii Kiriptookaransii badde maaltu mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hooggantuun kiriptookaransii OneCoin jedhamu Rujaa Iginatovaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu saamuun FBI’n barbaadamti turte.
Namni nageenya Iginatovaa eeguuf itti gaafatamummaa fudhate maqaan isaa Kiristoofaros Nikoos Amanatidis jedhama.
Namni kun maqaa masoo ‘'Takii’ jedhuun beekama.
Reyinhaard xumura bara 2023 soorama erga bahee booda ''daldalaa qoricha sammuu namaa hadoochuu tokko eegduu dhuunfaa ishee akka geggeessu nutti himamee ture,'' jedhanii dubbatan.
''Maqaa Taaki jedhu yeroo tokkoo ol dhageenyeerra. Yeroo tokko qofa osoo hin taane, irra deddeebinee dhageenye” jedhan.
Kun odeeffannoo BBC’n duraan argate wajjiin walfaallessa.
Bara 2019 abukaatonni Ameerikaa akka jedhanitti, hogganaan garee eegdota Iginatovaa garee wanbadee Bulgaariyaa keessatti gurmaa’anii ta’uusaanii malee, maqaa isaa hin ibsine.
''Bulgaariyaa keessatti daldalaa qoricha sammuu namaa hadoochu beekamaan, akka eegduu Rujaattis akka hojjetu ragaa qabna,'' jedhan abukaatoon Ameerikaa tokko.
‘’Namticha itti-gaafatama eegdota isheetu Iginatovaan akka dhabamtuuf qooda kan qabu’’ jechuun abukaatoon biraa tokko dubbatanii turan.

Akka Richaard Reyinhaard jedhutti, Iginatovaan yakkamtuu garmalee hamtuu turte.
Yaadni kun sanadoota Europol BBC’n argateen walsima.
Iginatovaan bara 2017 osoo hin badiin dura poolisiin Bulgaariyaa Takii wajjin hariiroo akka qabdu ifoomse.
Poolisiin Bulgaariyaa Takiin maallaqa daldala qoricha sammuu namaa hadoochurraa argate seera qabeessa fakkeessuuf OneCoin fayyadamuu hin oolle jedhee shakka.
Takiin biyya dhalootasaa Bulgaariyaatti akka El Chaappo ykn Pablo Eskobaaritti ilaalama.
Takiin Bulgaariyaa keessatti akka nama garee yakka gurmaa'ee hogganuufi qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluun shakkama.
Takiin fi miltoowwan isaa saamicha meeshaa waraanaa deggarame raawwachuu, daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu fi yakka ajjeechaan qoratamaa turan, garuu himannaan irratti banamee hin beeku.

Madda suuraa, INTERPOL
''Taakiin Bulgaariyaatti hogganaa maafiyaa ijoodha. Inni nama baayyee hamaadha" jedhan Ivaan Hiistanoov, Ministir Deetaan duraanii Bulgaariyaa kan bara 2022'tti Taakiin qondaaltota biyyatti gargaaramuun networkii yakkaa hogganaa ture jedhan.
“Takiin hafuura. Tasumaa hin argitu. Waa'ee isaa qofa dhageessa. Karaa namoota birootiin sitti dubbata. Yoo dhaggeeffachuu didde, si ajjeesisa” jedha.
''Namni qorannoo yakkaa kamirraayyuu Iginatovaa eeguu danda'u Takii qofa,'' jedhan.
BBC’n waa'ee qondaaltota malaammaltummaa himatamanii mootummaa Bulgaariyaa gaafate.
Mootummaan biyyattii dhimma kanarratti deebiin hin kennine.
Waajjirri abbaa alangaa magaalaa guddoo Soofiyaatti argamu, ''yakkamtoota hin dhoksinu'' jedhe.
Takiin ammas Dubaayi keessa jiraata jedhamee amanama.
Dubaayi, bakka Iginatovaan mana gatii qaalii qabu bitattee fi herrega baankii qabdu yoo ta'u, doolaara miliyoonaan lakkaa'amu OneCoin irraa argatte bakka kana keewwatte.
Takii fi Iginatovaan akkamitti akka wal argan hin beekamu. Onecoin yeroo eegalamurraa kaasee hariiroo qabaachuu isaanii wanti beekamu hin jiru.
Haata'u malee, lamaan isaanii walitti dhufeenya cimaa akka qabaniifi intala isheef abbaa Kiristaannaa ta'uun ibseera.
Lammii Bulgaariyaa Iginatoovaatti dhihaattu BBC'tti akka himetti.
Takiin akka ishee eeguuf ji'aan Yuuroo kuma 100 kaffalaafi turte.
Sagantaawwan qorannoo BBC, BBC Eye fi Panoramaa jedhaman, Rujaan hariiroo cimaa hogganaa wanbadoota Bulgaariyaa waliin qabachuu fi haala suukaneessaan ajjeefamuu bira qaqqabeera.












