Dubartiin doolaara biiliyoona 44 baankiirraa hatuun himatamte duuti itti murtaa'uf

Tiroon Maay Laan

Madda suuraa, Getty Images

Seenaa dhaddachaa Veetinaamitti waan mul'atee hin beekne dha, waliin dhahuu maallaqaa addunyaa gurguddaa warreen jedhaman keessaas tahuu hin oolu.

Dubartiin ganna 67 haadha qabeenyaa taate baankii guddicha Veetinaamirraa waggaa 11 keessatti maallaqa baankii irraa hatuun himatamteetti.

Tiroon Maay Laan Baankii Daldalaa Saayigan irraa doolaara biiliyoona 44 liqaa dhaan fudhachuun himatamteetti. Akka abbootiin alangaa jedhanitti qarshiin doolaara biiliyoona 27 tahu deebi'ee argamuu dhiisuu mala.

Qondaaloti paartii kooministii yeroo dhimmoota mootummaa baayyee ifa hin baasne, himannaa kanarrtti garuu waan raawwate tokko tokkooon ibsuun dabalataan namooti 2,700 akka ragaa bahaniif waamneerraa jedhan. Abbootii alangaa 10 fi ogeessonni seeraa 200 tahanis hirmaachaa jiru.

Ragaan argame ammoo saanduuqa104 dimshaashatti toonii jaha kan ulfaatu dha. Namoonni 85 biroon Tiroog Maay waliin himatamaniiru. Isheen garuu himannaa irratti dhiyaate kana ni haalti. Isheefi himatamtoonni 13 biroon adabbiin du'aa irratti murtaa'uu danda'a.

Tiroon Maay haadha ishee waliin ture daldala meeshaalee miyoota miidhaginaa kan jalqabde. Boodarra garuu yeroo Paartiin Kooministii gara aangootti dhufu haaromsawwan diinagdee taasifaman fayyadamuun lafaa fi qabeenya garagaraa bituu jalqabde. Kunis bara Dooyi Mooyi jedhamu bara 1986 irraa qabee yoo tahu 1990 keessa hoteelotaafi reestoraantii dhuunfachuu jalqabde.

Veetinaamitti lafti kan mootummaa dha. Kanaaf lafa argachuun hariiroo dhuunfaa qondaalota mootummaa wajjin taasifamu irratti murtaa'a. Hammuma diinagdeen guddachaa adeemu malaammaltummaan akkasuma dabalaa jira.

Veetinaam biyyaan ala seektar oomishaan beekamtus sooreyyiin biyyattii baayyeen garuu daldala qabeenyaa kan akka lafaa bobba'uun sooraman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2011 Tiroong magaalaa Hoo Chii Miin magaalaa jedhamtu keessatti daldalaan maqaa guddaa horatte. Baankiiwwan xixiqqoo sadii Baankii Daldalaa Saayigoonitti akka makaman haala akka mijeessituuf eeyyamni kennameefi.

Seerri Veetinaam namni dhuunfaa tokko qooda baankii harka shanii ol akka qabaatu hin eeyyamu. Haa tahu malee kaampaaniiwa dhibbaan lakkaa'aman kan lafa jala hojjetaniin Tiroong Maay qooda baankii kanaa harka 90 ol qabattee jirti jedhu abbootiin alangaa.

Aangoo qabdu kana fayyadamuun namoota isheef amanamoo tahan hoggantummaan filachuun liqaa dhibbaan lakkaa'amu kaampaaniwwaan ishee lafa jala hojjetaniif akka kennan ajajji.

Hammi qarshii fudhatame kan nama naasisu dha. Liqaan fudhatte hamma liqaa baankoti kaan kennan harka 93 ni taha.

Akka abbootiin alangaa jedhanitti waggaa sadii keessatti bara 2019 irraa qabee konkolaachisaan ishee maallaqa Veetinaam tiriiliyoona 108 jechuunis doolaara biilyoona 4 baankiirraa akka baasu ajajjee, kutaa mana ishee lafa jala jiru keessatti owwalteetti

Dabalataan liqaa fudhattu irratti gaaffiin akka hin kaaneef matta'aa kenniteetti jedhamuunis himatamteetti. Qondaalli baankii matta'aa doolaara miiliyoona shan fudhates adabbiin du'aa isa eeggachuu mala.