Qabsoo Siidaa Aksum Xaaliyaaniitii biyyatti deebisuuf taasifame yoo yaadatamu

Siidaan 24m dheeratuufi toonii 160 ulfaatu yeroo bakkichaa kaafamu tarii cabuu danda’a yaaddoon jedhu cimee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan 24m dheeratuufi toonii 160 ulfaatu yeroo bakkichaa kaafamu tarii cabuu danda’a yaaddoon jedhu cimee ture

Bakki siidaan Aksum irraa kaafame yeroo ammaa mallattoon homaatuu irra hin jiru. Inumaa karaa namnirra deemu ta’eera, bishkilitiinis irra yaati.

Room durii addabaabayii Piyaassaatti siidaawwan Aksum keessaa tokko waggoota 68 oliif irratti dhaabamee ture.

Kabaja muudama waggaa 15ffaa Mootii Mosooloonii kabajuuf ture ajaja mootichaan ALA Bara 1937 Itoophiyaatii kan fudhatame.

Siidaan akka badhaasa injifannootti Itoophiyaadhaa buqqaafamee erga fudhatamee booda akka dhaabatu kan taasifame Ministeera Kolonii fuuldura ture.

Kunis Itoophiyaan kolonii [dagabaasuu] akka taate agarsiisuuf beekaa itti yaadamee kan godhame akka ta’e dubbatama.

Haa ta’u malee, Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga xumuramee booda ALA Bara 1952 waajjirri kuni waajjira Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa (FAO) akka ta’u taasifameera.

Siidaan garuu waajjira kana fuuldura yeroo dheeraaf dhaabatuu itti fufe.

Carraaqqiin mootummoonni Itoophiyaa sadii akka biyyatti deebi’u taasisan boodarra ija godhatee erga biyyatti deebi’ee dhaabatee har’a waggaa 16 guute.

Qabsoo siidaa deebisuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Siidaa Aksuma lafa turetti deebisuuf Mootii H/Sillaasee dabalatee mootummoonni Itoophiyaa carraaqqii garagaraa gochaa turan.

Akka ragaaleen agarsiisanitti, Mootiin H/Sillaasee siidaan fudhatamee waggaa isaatti gaafachuu eegalani.

Erga Waraanni Addunyaa Lammaffaa xumurame booda Xaaliyaanii, Ingilizii fi Faransaay hambaalee biyyoota garagaraatii saaman deebisuuf waliigaltee seenan hordofee gaaffiin ‘nuuf deebisaa’ cimee ture.

Xaaliyaaniin ALA Bara 1947 UN waliin waliigaltee seenten hambaaleen deebiste jiraatanis, siidaa Aksuum garuu osoo hin deebisin turte.

Mootiin H/Sillaaseefi Mootiin Xaaliyaanii waliigaltee raawwatanis aangawoonni Xaaliyaanii waliigaltee hojiirra oolchuu eeyyamamaa waan hin taanef biyya ormaatti hafe.

Mootummaan Dargii erga aangoo to’atee boodas siidaa kana deebisuuf carraaqqiin akka ture himama.

Haa ta’u malee, dhimmoota biyya keessaa kaanin kan ko’oome Dargiin hammana carraaqqii sanaan itti hin fufne.

Mootummaan Dargii bu’ee yeroo Mootummaa Ce’umsaas gaaffiin kuni hin dagatamne.

Koreen siidaan Aksum akka deebi’u hundaa’ee sochiin jabaa kan eegale garuu mootummaan ADWUI ifatti erga hundeeffame boodadha.

Waltajjii addunyaa Itoophiyaan irratti hirmaatterrattis dhimmi siidaa kanaa ni ka’a ture.

Xumurarrattis, Pirezidantiin Xaaliyaanii Oskaar Lujii Sikaalfaaro bara 1997 Itoophiyaa yeroo daawwatanitti siidaa deebisuuf waliigalan.

Waliigaltee hordofee siidaan Aksum waggoota 68 booda ALA Bara 2005 biyyatti deebi’u danda’eera.

Siidaan kuni biyyatti akka deebi’u dhaabbileen idil-addunyaa, koreewwan biyya keessaafi alatti hundaa’an gahee guddaa gumaachaniiru.

Kanneen keessaa Koreen Embasii Itoophiyaa keessatti hundaa’e ni eerama.

Qindeessaan koree kanaa dhalataan Itoophiyaa Jaanpeyaroo Anjalinii adeemsa siidaa kana deebisuu falmii baay’ee akka qabu, waggoota dheeraa akka fudhateefi qaamolee danuu hirmaachisuu isaa yaadatu.

Jaamperoo Room keessatti waggoota 47’f jiraataniiru. Siidaa yeroos Room keessa ture yeroo ilaalan yaada wal makaatu itti dhagahama ture.

Gama tokkoon hambaan kuni mallattoo kolonii ta’e lakkaa’amuun isaan mufachiisa ture.

Gama kaaniin, aangawoonniifi dureewwan gara waajjira FAO dhufan Itoophiyaa akka yaadan isaan taasisa jechuun akka of jajjabeessan dubbatu.

Yeroo sochiin siidaa deebisu eegale garuu kabaji siidaa biyyuma isaatti akka ta’e amanuun itti dabalamani.

Keessumaa bakka dhaabateetii kaasuufi imalchiisuun salphaa akka hin turre yaadatu.

Siidaan 24m dheeratuufi toonii 160 ulfaatu yeroo bakkichaa kaafamu tarii cabuu danda’a yaaddoon jedhu akka cimee tureefi kanaanis yaadni wal falmu akka ka’ee ture dubbatu.

Siidaa kana biyyatti deebisuuf baasiin isaa olaanaa waan ta’ef mootummaan Xaaliyaanii bakka isaa Itoophiyaa keessatti bu’uuraalee misoomaa haa ijaarsisu kan jedhanis jiru jedhu.

Ta’us, boodarra hambaa biyyaati akkasumas dhalootatti kabajaan darbuu qaba yaadi jedhu irra aanu dubbatu.

‘’Xumurarrattis ogeeyyiin akka qoratamu erga taasifame booda siidaan kuni bakka sadii muramee akka ka’uufi akka geeffamu murteerra gahe,’’ jedhu.

'Siidaan Aksum ililleen gaggeeffame'

Jiyaanpeyaroon yeroo siidaan Aksum addabaabahii Roomaarraa kaafamu akka waan kaleessa ta'eetti yaadatanii dubbatu.

Yeroo qaamni siidaa kanaa gartokkeen ALA Bitootessa Bara 2003 keessa addabaahi Roomirraa kaafame.

Yeroo sanatti dhalatoonni Itoophiyaa hedduun bakka siidaan kun itti argamu turan.

"Yeroo konkolaataarratti fe'amu ililchaa fi shubbifamaa ture," jedhu.

Akkaataan itti geejibamu ifatti hin beekamu ture. Sababa kanaan siidaan kun waggoota sadii oliif achi ture.

Bara 1930 keessa Xaaliyaaniin siidicha Itoophiyaarraa dooniidhaan karaa buufata doonii Mitsiwwaa fudhatte.

Aksum irraa gara buufata dooniitti konkolaataa gurguddaan feete.

Siidaan Aksum turtii aangoo waggaa 15 Mootii Mosoloonii kabajuuf ajaja mootichaan ALA Bara 1937 Itoophiyaatii fudhatame

Madda suuraa, Getty Images, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan Aksum turtii aangoo waggaa 15 Mootii Mosoloonii kabajuuf ajaja mootichaan ALA Bara 1937 Itoophiyaatii fudhatame

Waggoota 70 booda garuu daandii durii fi buufata doonii Mitsiwwaa fayyadamuuf hin dandeenye.

Waraana Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu turerra kan ka’e daandiin diigamee, buufata doonii Eertiraan dhuunfattetti.

Kanaaf, siidaa karaa biyyaa baaafameen biyyatti deebisuun ulfaataadha.

Akka Jiyaanpeeroon jedhanitti geejibuun rakkisaa waan tureef siidaan Aksuum mana kuusaa Roomaa keessa kaa'ame.

Dhumarratti siidaa kana xiyyaara fe'umsaa Raashiyaa Antonov jedhamuun fe’uuf murtaa'ee ture.

Haa ta'u malee, akka yaadametti laaftuu waan hin turreef yeroo sanatti Itoophiyaan buufata xiyyaara Raashiyaa Antonov qubsiisu danda’u waan hin qabneef, qopheessuun yeroo dheeratu fudhate.

Sana booda ALA Bara 2005 gara magaalaa Aksumitti deebifame.

Akka UNESCO’n jedhutti siidaa kana bakka jalqabaatti deebisuuf doolaara miiliyoona torbaa olitu baafame.

Siidaa kana Xaaliyaaniirraa gara Itoophiyaatti erguuf baasii barbaachisu mootummaa Xaaliyaaniitu baase.

Erga Itoophiyaatti ergamee booda garuu maallaqni waan dhabameef dafee hin dhaabamne .

Siidaan kun Itoophiyaatti erga deebifame booda Jaanpeyaroon gara Aksum dhaqanii ilaalaniiru.

Siidaan sun muramee, hirkatee wayita argan akkas jedhan; "Siidaan kun kabajaan kan olkaa’ame Roomaa keessa ture" jechuun ija gaabbiin ilaalan.

Sana booda deeggarsa UNESCO’n ALI Fulbaana 4, bara 2008 siidaan kun magaalaa Aksumitti dhaabamee eebbifame.

Hambaaleen Afrikaa akka deebi'u kaka'umsa uume

Waraana Itoophiyaa keessatti gaggeeffamerratti hambaaleen Itoophiyaa jalaa saamaman heddudha.

Tattaaffii dhalatoonni fi hooggantoonni Itoophiyaatiin gara biyyaatti kan

deebi'anillee jiru.

Ammallee hambaaleen eessa akka jiru hin beekamnee fi goda hambaa biyyoota adda addaa keessa kanneen hafan jiru.

Siidaan Aksum gara biyyAatti yeroo deebi'u meeshaaleen biroos gara biyyaatti deebisuuf sochiin tureera.

Bara 1960 biyyoonni Afrikaa biroo kolonii jalaa erga bahanii booda hambaaleen isaanii Jarman, Ingilizii, Hoolaandii fi biyyota birootiin saamame gaafatanii deebifataa turan.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni hambaaleen biyyasaanii akka deebi'uuf ammallee gaafachaa jiran jiru.

Jiyaanpeyaroon kanarratti dhalattoonni Itoophiyaa biyya alaa jiraatan qooda isaanii gumaachuu qabu jedhu.

Ebla 25, 2005 cabaan sadaffaa siidaa kanaa gara Aksum yeroo imalu namoonni hedduu gaggeessaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ebla 25, 2005 cabaan sadaffaa siidaa kanaa gara Aksum yeroo imalu namoonni hedduu gaggeessaniiru

Meeshaaleen Itoophiyaa hedduun agarsiisa guddaa ALA Bara 2009 Xaaliyaanii Veenisiitti gaggeeffamerratti akka dhiyaatan kan dubbatan Jiyaanpeeroon, meeshaaleen sun akka 'qabeenya dhuunfaatti dhiyaachuutti akka mufatan ibsan.

"Hambaaleen akka meeshaalee idileetti yeroo agarsiisaaf dhiyaatan nama aarsa" jedhu.

Hambaan biyyaa kunuunfamanii dhalootatti darbuu qabu jedhu.

Haalli qabiinsa hambaalee fooyya’uu akka qabus gorsan.

Bataskaanni Laalibalaa dhagaa tokkorraa bocomee fii gamoowwan Faasilidas dabalatee hambaaleen biroos balaaf saaxilamuun gabaafamee ture.

Aanga'oonni naannoo Tigiraay siidaaleen Aksum balaaf saaxilamoo ta’uu BBC'tti himanii turan.

Hogganaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Aksum Obbo G/Madiin Fitsum Birihaan BBC'tti akka himanitti bishaan siidicha keessaa burqurraa kan kan ka’e kufuu malaa jedhamee akka sodaatamu fi yeroo waraanni naannichatti adeemaa tures miidhamu himan.

Akka qondaalli kun jedhanitti, sababa weerara Koronaatiin suphaa siidaa Aksum harkifatee ture, hanga ammaattis otoo hin suphamiin hafe jedhan.

Kunuunsi hambaalee Itoophiyaa laafaa ta'uu kan qeeqan Jaampiyaroon, hambaan sirnaan kunuunfamuu fi eegamu qaba jechuun dhaamu.