Arsii Aanaa Martiitti namoonni saddeet hidhattootaan ajjeefaman- Qondaala mootummaa

Godina Arsii Aanaa Martii Ganda Golgotaa jedhamutti haleellaa guyyaa Wiixataa raawwatame jedhameen namoonni saddeet ajjeefamun ibsame.

Bulchaa Ittaanaan Aanaa Martii Obbo Mohaammad Huseen, ajjeechaan kun hidhattoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhuun raawwate jechuun BBC'tti himan.

Obbo Mohaammad ''namoonni ajjeefaman kunneen saba garaa garaa irraa yoo ta'an, diinatu nama ajjeesaa jira. ABO Shanee aanaa keenya keessa waan jiraniif isantu ajjeese,'' jedhan.

Qondaalli kun dabalunis haalli naannicha keessaa amma tasgabbaa'u himaniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo himannaa irratti dhiyaate ilaalchisuun hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.

Haata'u malee kanaan dura qaama hidhate kana ajjeechaa fi sarbama mirgaa garaa garaatiin mootummaan yeroo garaa garaatti himannaa irratti dhiyeessaa ture.

'Hiyyeessa siyaasa keessaa qooda hin qabne ajjeesan'

Namoonni ajjeefaman jiraattoota aanichaa ‘’hiyyeeyyii ta'aniidha’’ kan jedhan Obbo Mohaammad, sababa ajjeefamaniif akka hin beekne BBC'tti himan.

Haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin, ''hiyyeessa siyaasa keessaa qooda hin qabnetu ajjeefamaa jiras,’’ jedhan.

Namoota du’an keessatti dhalattoonni Oromoo, Amaaaraa fi sabaafi sablammoota biroo akka argamanis dabaluun dubbatan.

''Ajjeechaan kun sabummaan waan walqabatu miti, diinatu nama ajjeesaa jira, aanicha keessa walitti bu’iinsi amantiis ta’e kan sabaa hin jiru,’’ jedhan.

Hidhattoonni WBO aanicha keessa socho’aa akka turani fi kanaan dura haleellaa qaqqabsiisanii akka beekan dubbatan Obbo Mohaammad.

Qaamni aanicha keessatti hidhatee nama ajjeesu kan biraa hin jirus jedhan.

''ABO Shaneetu nama ajjeesaa jira, durillee nu qoraa turan, jiraachuu ummataaa hin barbaadan,’’ jedhan aanga'aan kun.

''Kan halkan socho’e nama ajjeesuutti jiru, kan namarratti dhukaasu fi kan qabeenya ummataa guree nyaataa jiru qaama kana,’’ jechuun himatan.

Ammatti haaalli nageenyaa aanichaa tasgabbaa'uu fi eegumsa cimsuun namoonni jireenya idileetti akka deebi'an gochuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himan.

Haata'u malee hidhattoota jedhaman kanneen keessaa tarkaanfii fudhatameen kan ajjeefame ykn to'atame jiraachuu ilaalchise kan jedhame hin jiru.

Haleellaa kana hordofee raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin aanichatti bobbaafaman jiraachuu ibsan.

Hidhattoonni WBO kan mootummaan Shanee ittiin jedhu fi duraan lixa Oromiyaa keessa bal'inaan akka socho'an himus, erga yeroo dhiyootiin as lixa, kibbaa fi giddugala Oromiyaa keessatti mul'achun gabaafamaa jira.

Yeroo dhiyoon asitti gara Arsiirras mul'achuun dhaga'amuutti jira.

Mootummaanis hidhattoota kana 'balleessuuf' yeroo garaa garaatti opareeshinii gaggeessaa turunsaa ni yaadatama.

Lola hidhattoota kanneenii fi humnoota nageenyaa mootummaa giddutti gaggeeffamuunis namoonni nagaa hedduun lubbuu dhabaa fi qe'eerra buqqaafamuun yeroo garaa garaatti himamaa ture.

Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhiheenya kana hidhattoonni kunneen gara nagaatti akka deebi'aniif waamicha dhiyeessanii turan.