Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii miixuun qabamtee gaalafi lafoon sa’atii torba imaltee hospitaalatti deesse
Moonaan yeroo miixuun ishee jalqabu, gargaartuun ishee gaalashee ture.
Moonaan manashee naannoo gaararra jiruutii hospitaala km40 fagaatu qaqqabuuf sa’atii afur caala hin fudhatu jettee yaaddee ture.
Garuu daandiin jiraachuu dhabuu, dhukkubbii miixuu, haala qilleensaa badaa wajjiin imalichi sa’atii torba itti fudhate.
‘’Hammuma gaalli gara fuulduraatti tarkaanfatu, qaamni koo gargar baha ture,’’ jetti.
Gaalli yeroo deemuu dadhabdu Moonaan irraa buutee adeemsa isa dhumaaf miilaan abbaa manaashee wajjin tirachuu jalqabde.
Kaaba-lixa Yaman, godina Mahiwiit keessatti hospitaal Baanii Saad qofatu dubartoota kumaan lakkaa’aman tajaajila.
Karaan hospitaala kana geessus gaala ykn lafoo qofa deemamuu danda’a.
Moonaan otoo imalaa jirtuu nageenya daa’imashee hin dhalanneefi ofiif yaaddofti.
‘’Daandicha dhakaatu itti baay’ata,’’ jetti qaamaafi sammuun dadhabsiisaa akka tures himti.
‘’Gidiraa kanarraa furamuuf yerootti Waaqni anaan fudhatee, daa’ima koo akka eegu kadhadhe jira,’’ jetti.
Monaan akkatti hospitaala geesse hin yaadattu, daa‘imashee harka hakiimotaarratti boo’u dhageessee abdiin guutamuu garuu yaadatti.
Abbaa warraashee wajjin tahuun daa’ima dhiiraa argatan maqaa hakiima baqaqsanii wal’aanuu isaaniin gargaare Jaarraa jedhamuun moggaasan.
Daandiin gandoota naannoo sanaa hospitaala geessan baay’ee dhidhiphoo dha. Gariin isaanii waraana waggootii saddeetiif tureen manca’aniiru ykn cufamaniiru.
Waraanni kuni humnoota mootummaa deeggaran Saa’udiin gargaartuufi hidhattoota warraaqsa Huuttii Iraaniin gargaaraman gidduutti adeemsifamaa ture.
Yeroo baayyee dubartoota ulfaa maatiifi firatu gargaaree gaara baasee hospitaalaan geessa.
Saalmaa Abduun nama ganna 33 yoo tahu dubartii ulfaa gara hospitaalaa otoo geessuu karaa walakkaatti akka jalaa duute dubbata.
Saalmaan namoonni haadholii fi ijoolleef akka oogan gorsa.
‘’Karaa, hospitaala, faarmaasii barbaanna. Sulula kana keessatti danqamnee jirra. Warreen carraa qabeettii tahantu nagaan dahee furama. Kaan karaa irratti gidiraa argu, kaan immoo ni du’u,’’ jetti Moonaan.
Yaman keessatti dhibee yeroo dahumsaa ittisamuu danda’urraa garaagarummaa sa’atii lama keessatti dubartiin tokko duuti jedha dameen UN dhimma uummataa ilaallatu UNFPA.
Hojjetaan dhaabbaticha Hichaam Nahaaroo yeroo baayyee dubartoonni Yaman iddoowwan magaalarraa fagoo jira hordoffii ulfaa hin argatanii, kan isaan gargaarsa barbaaduu jalqaban yoo dhiiganiifi dhukkubbii hamaa itti dhgahamu dha jedha.
Seenaan Moonaa haadholii Yaman baayyee keessaa kan ishee tokko qofaa dha. Namoonni harka 80 tahan jireenyi isaanii gargaarsa irratti kan hundaa’e dha.
Deeggarsi idila addunyaarraa kennamu dhaabachuurraan kan ka’e hospitaalli Baanii Saad rakkoo maallaqaa keessa galeera.
Hojjettoonni hospitaalichaa egeree haadholiifi daa’immanii yaadda’aa ammas lubbuu jaraa baraaruuf dursa kennaa jiru.