Tigraay: Naannoo gadda namoota waraanaan du'anii irratti argamtu

Namoota gaddarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Sadaasa 2020 kaaba Itoophiyaa eegaleen namoonni kuma hedduun lakkaa’aman du’anii kanneen miiliyoonotaan lakka’aman ammo bakka jireenya isaanii irraa buqqaamaniiru.

Kana malees qabeenyaa biliyoonootatti shallagamus sababii waraanaa wagga lamaaf naannichatti gaggeeffameetiin barbadaa’uun himameera.

Naannoo Tigraay kan waggoota lamaaf waraanni keessatti gaggeeffameettis miseensoota humnoota naannichaa lolarratti du’an amma maatiitti himamaa jira.

BBC’n akka odeeffateetti naannichatti eddoowwan garaa garaatti maatiiwwan firoonni waraanicharratti firrii jalaa du’e muraasni erga mardoon itti himameen booda, haala aadaa naannichaatti sirni awwaalchaa ‘Agawal’ ykn ‘Gifi’aa’ jedhamu raawwatamaa jira.

Kana malees karaa amantaatiin sirni kadhannaa taasifamaa jiraachu himame.

Magaalaa Maqaleetti jiraataa kutaa magaala Addii Haqqii kan ta’an Obbo Birhanu Gabree BBCtti akka himaniitti, torban lamaan darbe keessa mardoon du’u loltoota hedduu waan maatiitti himameef magaalattii keessa miira gaddaatu mul’ata.

‘‘DHiheenya kana naannoo Addii Shiindihun fi Dabiriitti mardoon namoota hedduu himameera. Sirna aadaa awwaalchaa bataskaanatti gaggeeffame irrattis hirmaadheera. Baayyee nama gaddisiisa. Namoonni baayyeenis gadda maatii, firaafi kannneen beekanii taa’aa jiru,’’ jedhan.

Buufata Obbo Birhaanu keessa jiraataniitti Sambata darbe mardoon akka himamu ibsamee akka ture dubbachuun, garuu waan torban dhufaatti dabarfamef dhiphina keessa galuu dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Naannoo keenyatti ollaafi firooti bahanii hin deebii’in jiru. Baayyee sodaanneerra, dhiphanneerras,’’ jedhan.

Torban darbe keessa Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa mardoon namoota waraanarratti du’an dhheenyatti akka himamu kaasanii ture.

‘‘Qabsaa’oota kumaan lakkaa’aman kanneen haarsaa lubbuu kanfalaniif haala kabaja isaanii madaaluun ifatti mardoo himuudhaan yoo xinnaate hanga tokkoo isin waliin jirra jennee maatii isaaniitiif ergaa dabarsina’’ jedhanii ture.

Naannoo Tigraayiitti waraanaa waggaa lamaaf gaggeeffameen loltoonni meeqa akka ajjeefaman hin ibsamne.

Haata’u malee ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa osoo waliigalteen nagaa Piritoriyaa hin mallattaa’iin dura akka dubataniitti, namoonni kuma 600 sababi waraanichaatiin lubbusaanii dhabaniiru.

Qaamooleen mirga namoomaaf falman akka jedhaniitti ammo, qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan hundi ajjeechaa, miidhaa saalaa fisaamicha dabalatee sarbama mirga namoomaa hedduu raawwataniiru.

Keessattuu naannoo Tigraay kan baatiiwwan hedduuf naannoolee kaan irra adda cittee turte keessatti sababii waraanichaa, hanqina nyaataafi qorichaatiin namoonni du’uun gabaafamee ture.

Dhiheenya kana Maqalee irraa gara Shiree imalee kan ture, Ma’aarag Haayilee BBCtti akka himeetti, naannichatti eddoowwan garaa garaatti mardoon namootatti himamaa jira.

‘‘Maqaleedhaa kaanee karaa Hawuzeeniifi Tanbeeniin dabarree dhufne. Namoota uffata gaddaa uffataniifi dibaabee bataskaanaatu mul’ata. Namoonni gaafannes gadda namoota waraanaarratti du’an ta’u nutti himan,’’ jedhan.

Kibba Tigraay dabalate naannawa hojiif socha’an keessatti haala walfakkaatu arguu kan dubbatan Obbo Maa’irag, haalli mardoon itti himamaa jirus sirreeffamuu akka qabu kaasu.

‘‘Dhiheenya kana naannoo Addii Gudum demeen ture. Achittis haaluma wal fakkaatuun arge. Achitti waraanni osoo gaggeeffamaa jiruuyyuu maatiitti mardoon himamaa ture,’’ jedhan.

“Osoo namoota raga qaban qofaatti himanii gaariidha, malee wagga guutuu namoota gaddan ilaaluun barbaachisaa miti,’’ jedhan,

Jiraataa amgaala Woqiroo kan ta’an Obbo Daani’eel achittis maatii firoonni jalaa du’an mardoon itti himamaa jiraachu, garuu adeemsichi sirna kan hordofe waan hin taaneef miidhaa qor-qalbii geessisaa jiraachu ibsan.

‘‘Namoonni baayyeen gadda keessatti argamu. Mardoon himamaa kan jirus haala barameen miti. Dararaa baayyeetu jira. Maatiin ijoolleensaanii eessa akka gahan hin beekne dhiphina cimaa keessatti argamu. Yoo du’a gahii deeman ijoollee saanii badaniif bohu. Keessattu haadhooliin waa’ee ijoolleesaanii hin beekne dhiphina olaanaa keessatti argamu,’’ jedhu.

Duutii namoota du’an kunis kan himamu bakka itti ramadaman deemuun hiryyootasaanii gaafachuudhaan malee haala adeemsa seeraa hordofeen miti jedhu.

‘‘Yeroo tokko tokko kutaasaani irraa xalayaan ergameera jedhama. Yeroo biraa ammo waahillansaanii awwaalan akka itti himan dhagahama. Waan mootummaan harka keessaa qabu fakkaata.’’

Godina bahaa hojiif deemeetti ongeen waan mudateef gaddi ammaa itti dabalamuun haalli cimaa ta’u taajjabu dubbatu Obbo Daani’eel.

Hanga ammaattis duutii maatiitti kan hin himamneef sababii, ‘‘namoonni du’an baayyee ta’e, maatii jajjabeessuuf dandeettiin gahaan waan hin jirreefi haala mardoon itti himamurratti hooggansa waraanaafi siyaasaa jidduu garaagarummaa waan jiruuf natti fakkaata,’’ jechuun haalicha ibsa.

Gaazexessaan Sagalee Ameerikaa sagantaa Tigriffaa Mulgeetaa Atsibihaa kan dhiheenya gara Addigiraati imalee ture, ‘‘wayitan Maqalee gara Addigraati imaleetti daandiirratti haadhoolii uffata gaddaa uffatan hedduun argaa ture. Abbootiifi dargaggoonnis gaabii uffataniin argee,’’ jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse.

''Daandiiwwna irras dunkaanoota gaddaatu ture. Konkolaatoonni fakkii namoota du’aniifi alaabaan irratti fannifames turan,’’ jedhe.

Naannoo Tigraayiitti waliigalteen nagaa erga Afriikaa Kibbaa Piritoriyaatti mallattaa’een boda hanga tokko nagaan bu’eera. Haata’u malee deeggarsi nyaataa dhaabbilee gargaarsaatiin dhiyeessaa turan adda kutuusaaniitti naannichaatti ammalleen beelaan du’aa jiraachu aanga’oonni ni dubbatu.