Itoophiyaan ulaa galaanaa Asabitti maaf hin fayyadamtu?

Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu erga kaastee as Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalateera.

Biyyi uummata miliyeena 120 ol qabdu buufata doonii Jibuutii qofarratti hundaa’un gahaa akka hin taanefi ulaa galaanaa argachuuf balbala heddu rukutaa jirti.

Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Itoophiyaaf ulaan galaanaa akka barbaachisu wayita ibsanii turanitti dubbiin isaan dubbatanii turan biyyoota ollaa tokko tokkotti yaaddoo uumee ture.

Yeroo jalqaba waa’ee ulaa galaanaa dubbatan filannoo kaasan keessaa tokko buufata doonii Asab ta’uunsaa ni yaadatama.

Itoophiyaan waggaa 100 ol oliif buufanni doonii Asab daldalaaf itti fayyadamaa turte.

Ertiraan Itoophiyaarraa fottoquu hordofee Itoophiyaan bufata doonii Asab itti fayyadamuu hin dandeenye.

Hanga bara 1995tti meeshaalen gara Asab geeffamaniifi dhufan harki 90 kan Itoophiyaa ta’uu ragaalen ni mul’isu.

Asab buufata doonii Itoophiyaa akka tureefi Itoophiyaan damee gumuruukaa achii qabaachaa akka turte gabaasni IMF bara 1995 ni ibsa. Gama biraan ammoo Itoophiyaan buufata boba’aan itti calalamu Asabii qabdi ture.

Biyyoonni lamaan bara 1993 walii galtee taasisaniin buufanni boba’aa calalu Korporeeshinii Boba’aa Itoophiyaatin bulaa ture. Ertiraan ammoo boba’aa ishee barbaachisu kubbaaniyicha irraa biriidhan bitatti ture.

Tajaajila geejjibaafi buufata dooniif ammoo Itoophiyaan Ertiraadhaf birriidhan kaffaltii raawwatti ture.

Haa ta’u garuu Itoophiyaan buufata doonii Asabitti fayyadamuu kan dhaabde bara 1998 booda akka ta’e ragaan Baankii Addunyaa ni ibsa.

Waraanni Yaman dhiibbaa buufata doonii Asabirraan gahe

Bara 2011 irraa eegalee walitti bu’uunsi Yamanitti eegale, buufata doonii Asab irraan dhiibbaa gaheera.

Duulli waraanaa Yunaayitid Arab Emireetisiifi Saawudiin fa’aa garee Huutiirratti gaggeessan bakka buufataa isaan barbaachisa ture.

Ertiraanis duula waraanaa hidhattoota Huutii irratti gaggeeffamu deeggaruun Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) buufata waraanaa akka ijaartu hayyamteef.

Haa ta’u garuu UAEn bara 2021 buufata waraanichaa gadi dhiisun akka baatetu himama.

Haa ta’u garuu UAEn buufata waraanaa Asabii qabdu gadi dhiistee erga baatee Itoophiyaan buufata doonii kanatti akka fayyadamtuuf Ertiraan maaf hayyamuufii didde? Kan jedhu gaaffidha.

Itoophiyaafi Ertiraan erga araaramanii buufanni doonii Asab maaf Itoophiyaaf banaa ta’uu dhabe?

Bara 2018 MM Abiy gara aangotti dhufuu hordofee diinummaan Itoophiyaafi Ertiraa gidduu waggoota hedduuf ture dhumate. Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii Sawudii Arabiyaatti wal-arganii walii galtee nagaa waliif mallatteessan.

Daandin biyyoota lamaan walitti fidus banamee ture. Kanneen keessaa tokko daandii Buree – Dabaayisiimaa (Asab) geessu ture. Sararri boba’aa Asabirraa gara Finfinnee geessu akka diriirufi diinagdee biyyoota lameenif murteessaa akka ta’e dubbatamee ture.

Qondaalonni Ertiraa buufanni doonii Asab hojii idilee jalqabuuf qophii akka ta’e yoo ibsan, gama Itoophiyaatii ammoo qondaalonni geejjibaa gara lachuutuu haala daandin gara Asabitti geessu waliin ilaalun haala gaarirra akka jiru ibsan.

Ittaanee waraanni Kaaba Itoophiyaatti ka’een Ertiraan mootummaa Itoophiyaa deeggaruun humnoota Tigraay lolte.

Biyyoonni lameen zoonii diinagdee waloo waliin misoomsuu dabalatee pirojektiiwwna garaa garaa waliin hojjachuuf walii galuusaanii walii galtee Jiddaatti waliif mallatteessan irratti ibsanis suni hundi har’a hin jiru.

Itoophiyaan waggaatti buufata doonii Jibuutif kiraa dolaara biliyeena 1.5 akka kaffaltu namoonni keessa beekan BBC Tigrinyaatti himan.

Ertiraan buufata doonii Asab akka Itoophiyaan itti fayyadamtu maaf hayyamuu didde kan jedhu ammayyuu gaaffidha.

Walii galteen biyyoonno lamaan walii galanii turan maalif akka hojiitti hin hiikamne sababasaa mootummoonni biyyoota lamaanii waan ifa ta’e hin dubbanne.

“Sababa isaa kana jedhanii beekun baay’ee rakkisaadha, sababni isaa mootummoota lamaan irraa ibsi kenname hin jiru waan ta’eef,” jedhu ogeessi maqaasaanii dhokfachuun BBC Tigriffaatti dubbatan.

Ogeeyyin akka jedhanitti Itoophiyaan buufata doonii Asab osoo fayyadamtee kaffaltii kiraa Jibuutif kaffaltuu gadiin fayyadamtuu ta’uu dandeessi.

Waraanni Tigraay kan Ertiraan keessatti hirmaatte waliigaltee Piritooriyaan xumuramuu booda walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa gidduu ture akka yeroo duraa hoo’aa miti.

Waa’ee ulaa galaanaa argachuu ilaalchisee haasan MM Abiy taasisanii ture Ertiraa hin gammachiifne.

Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 120 qabdu taatee osoo jirtuu Galaana diimarraa ulaa dhabuu akka hin malle dubbatanii ture.

Kuni ammoo Itoophiyaafi Ertiraa gara yaaddoo waraanaa biraatti oofuu mala jedhamee osoo sodaatamuu Itoophiyaan Somaalilaand wajjin walii galtee ulaa galaanaa argachuu mallatteessite.

Kuni ammoo Somaaliyaafi Itoophiyaa muddama haaraa keessa galche.

Itoophiyaan bu’aa Asab irraa dhabde buufata doonii Jibuutifi geejjiba qilleensaa fooyyesiterraa ni argatti. Ertiraan garuu waggoota 20 oliif fayidaa argachuu maltu dhabdee jirti.

Ertiraan buufata doonii Asabiifi Mitsuwwaa irraa waggaatti dolaara biliyeena tokko kan ta’u akka argattu xinxaaltonni ni himu.

‘Buufata doonii 12tu Itoophiyaaf barbaachisa’

Qorananoon waggaa 10 dura gaggeeffame akka agarsiisutti diinagdee Itoophiyaaf buufata doonii 12 ta’utu barbaachisa.

Buufanni doonii Ertiraa lamaan: Asabiifi Mitsuwwaan Itoophiyaatti dhiyoo ta’uusaanirraa kan ka’e diinagdee biyyoota lamaanifuu bu’aa guddaa kan buusudha.

Keessumaa ammoo buufanni doonii Asab osoo haareffameefi babal’ifamee Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane tajaajila idiladdunyaaf kan ta’uudha.

Itoophiyaan akka itti fayyadamtuuf Ertiraan osoo hayyamtee lammiilee biyyoota lamaanif carraa hojii uumuu dabalatee diinagdee biyyoota lamaaniif shoora guddaa kan taphatuudha.

Bakkeewwan tajaajilli buufata doonii jiranitti sochiin diinagdee jiraachurraa kan ka’e tajaajiliwwan akka hoteelaa, baankii, garaajii, reestoraanytiifi kaanis akka babal’atuuf carraa guddaa uumu waan ta’eef gamaa kanaan Ertiraan baay’ee fayyadamtuu taati.

Haalli gahuumsa buufatadoonii Asab maalirra jira?

Pirezidaantin Ertiraa Isaayas Aafawarqii “buufatawwan doonii qabna jennee dubbachuun rakkisaadha” jechan turtii miidiyaa waliin taasisaniin.

"Asab misoomuufi guddachuu qaba," jechuun yoo misoome Itoophiyaa dabalatee biyyoota naannof tajaajila kennuu akka danda'u dubbatan.

Dabaluunis, "Amma Asab buufata dooniti jechuun hin danda'amu," jechuun mootummaan buufatawwan doonii biyyattii haaromsuuf karoorsee akka jiru dubbatanii ture.

Dhaabbanni Yunaayitid Arab Emireetis DP Ward jedhamu gaaffii mootummaa Ertiraa irraa dhiyaatefiin buufatwwan doonii Ertiraa haaromsuufi dandeettii tajaajilaa fooyyessuuf hojii akka jalqabe beeksisee ture.

Buufanni doonii Asab meeshaalee meetirik toonii 385,930 ta'an keessummeessuu kan danda'uufi bakka kuusaa meeshaalee kaare meetirii 275, 320 ta'u qaba.