Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Michuu Puutin jedhamuun kan beekamtu Aliinaa Kabeyevaa mul'achuu eegalun maal agarsiisa?
Aliinaa Kabayevaa, jimnaastikiidhan Olompikiirratti medaaliyaa argachuun beekamti turte. Miidyaalen Raashiyaa walabaa irratti ammoo 'michuu Puutin' jechuun ishee waamu.
Namoota Raashiyaa biyyoonni Lixaa qoqqobbii irra kaa'an keessaa tokko yoo taatu, biyyattii namoota bebbeekamoo Puutin marsanii jiran keessaa tokko jedhamti.
Yeroo dhiyoo as Aliinan heddumminaan mul'ataa jirti. Akadamii jimnaastikii 'Sky Grace' jedhamus heddu beeksisaa jirti.
Kanaafuu Aliinaa Kabayevaa maaliif yeroo kana filattee fuula duraatti as deebite? Akkasumas waa'ee michuu fi namoota Vilaadmiir Puutiinitti dhihoo ta'aniif fi isarratti hirkatan kun maal nutti hima?
Gaaddiidduu jalaa bahanii mul'achuu
Dorgommii biyyoota BRICS bara darbe Raashiyaa magaala Kaazanitti gaggeeffame irratti, dorgommiin ispoortii waggaa miseensoonni BRICS gaggeessan irratti ispoorteessitoonni jiminaastikii Raashiyaa, Beelaaruus, Kaazaakistaan, Taayilaandi, Sarbiyaa fi dorgomtoonni kilabii 'Sky Grace' irraa dhufan dorgomanii turan.
Isaanis baanarii isaa jalatti akka qaama garee Raashiyaa irraa adda ta'etti dorgoman.
Kilabichi waggaa lama dura qofa hundeeffame, garuu ibsi addaa Sky Grace irratti agarsiifameef adda ta'u hubachuun rakkisaa miti: Sababiinsaas hundeessituu fi hoggantuun isaa Alina Kabaeva'dha.
Isheenis atileetota Raashiyaa beekamoo ta'an keessaa tokko yoo taatu, milkaa'ina Olompikii fi waancaa addunyaa dachaa jiminaastikii sirbaatiin galmeessiteetti.
Garuu yeroo dhiyoo asitti beekkamtiinshee bu'aa ispoortii ishee irratti xiqqaa ta'ee, hariiroo Vilaadmiir Puutiin waliin qabdu jedhame irratti xiyyeeffateera. Akkasumas yaada haadha ijoollee isaa xixiqqoo ta'uu ishee ibsa. Hojiin qorannoo tokko, kan ji'a birraa maxxanfame, lamaan isaanii ilmaan dhiiraa lama akka qaban ibseera.
Kanummarraa kan ka'e dorgommii biyyoonni BRICS irratti hirmaatan maqaa kilabichaan dorgommiin akka gaggeeffamu godhame.
Aliinaan dorgommii jimnaastikiin medaaliyaa Olompikii heddu argachuun Raashiyaa keessatti maqaa guddaa warra qaban keessaa tokko yoo taatu, yeroo dhiyoo as garuu jimnaastikii dur ittiin beekamtuun osoo hin taane Puutiinii wajjin walitti dhufeenya addaa qabdi kan jedhuun namuu maqaashee dhaha.
Inumaayyuu Puutin ijoolleesaa lamaan warra boodanaa isheerraa godhate kan jedhutu odeeffama. Ji'ootan dura qorannoon bahe tokko, ijoollee dhiiraa lama Puutinis deessetti.
Raashiyaa keessatti namuu afaan guuttatee waa'ee jireenya dhuungaa Puutin hin dubbatu. Ijoollensaa dubaraa lamaan: Maariyaa Vorontsoovaafi Kaatiriinaa Tikhonoovaa dhaabbilee gurguddoo lama keessatti hoji gaggeessoo ta'anii hojjatu jedhama.
Anna Tsiviliyevaa, intala wasiila Puutin kan ta'e Yevgeenii Puutin gara ittaantuu ministiira Ittisaatti ol guddatteetti. Ogummaanshee saayikaataristii ture.
Aliinaa Kabayevaa bara 2015 Puutinif ilma deesse oduun jedhu haalamee ture. Bara 2007 ispoortii irraa soorama bahuu erga beeksiftee booda siyaasa Raashiyaa keessatti sadarkaa olaanan himaachuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Waggaa torbaaf parlaamaa Raashiyaa keessatti miseensummaan erga tajaajiltee booda daayireektara boordii Media Group qabeenyummaansaa kan michuu Puutin, Yuurii Kovaalchuk, ta'e hogganteetti.
Aangoo murteessaa qabaattus dhokatteetuma hojjataa turte. Gadi baatee ifatti miidiyaatti dubbattee hin beektu.
Bara 2022 Raashiyaan Yukireen weeraruu booda mul'achuu eegalte. Aliinan kilaba waa'ee jimnaatikii barsiisu 'Sky Grace' jedhamu hundeessite. Bara 2023tti dhaabbanni boba'aa Raashiyaa Gasprom gamoo dolaara biliyeena lamaa ol baasu mana baruumsichaaf kenne.
Bifuma wal-fakkaatun ijoollee dubaraa Puutin lamaan: Maariyaa Vorontsoovaafi Kaatiriinaa Tikhonoovaa uummatatti mul'achuu eegalaniiru.
Bara darbe Fooramii Investimentii Diinagdee magaala St Pitisbarg gaggeeffamerratti argamuun hirmaataniiru.
Sababa waraan Yukireen irratti banteen, Fooramiin Raashiyaa kun keessummoota biyyoota lixaa baay'ee hin hawwanne.
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutinif ijoollee lama deesse jedhamtee kan hamatamtu Aliinaa Kabayevaa, namoota akkashee Puutinitti siqa waliin fedhii dhuunfaa ni qabaatu.
Pirezidaantii Raashiyaatti dhiyoo ta'uu isaanitiin fedhii dhuunfaa isaanii galmaan gahuuf ifaajunsaanii waan hin oolledhe.
Aliinaa Kabayevaa akadamii jimnaastikii guddisuu irratti fuulleffatteetti. Akkadamiinshee, Sky Grace, amma sadarkaa idiladdunyaatti beekamtii argateefira.
Bara darbe Sadaasa keessa dorgommiin guddaan Kaataritti qopheeffamee ture. Qopheessitoota keessaa tokko Aliinadha. Dorgommichi miidiyaa Raashiyaan uwwisa guddaa argate.