MM Abiy Ahimad pirezidantii Somaaliyaa waliin mari'achuuf Ankaaraa seenan

Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa erga wal dhabdee keessa galanii waggaa guutuuf jedhu furuuf affeerraa Pirezidantii Turkii Reeseph Xayyiib Erdogaaniin marii marsaa sadaffaaf Ankaaraa seenan.

Mariidhuma kanaaf Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gara Turkii imaluu miidiyaan mootummaa Somaaliyaa gabaaseera.

Roobii har'aa sa'a booda ammoo MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed jila isaanii waliin Ankaaraa seenuu waajjirri isaanii ibseera.

Garuu waa'ee marii Somaaliyaa waliin taasisanii irratti waan jedhe hin qabu.

MM Abiyyii fi pirezidaanti Hasan Sheek Mohaammud fuulaa fuulatti waliin dubbatumoo karaa pirezidaantii Tarkii waliin dubbatu kan jedhu hin baramne.

Gaggeessitoonni lameen yoo fuulaa fuulatti kan mari'atan tahe erga gidduu isaaniitti wal dhabdeen uumamee kan jalqabaa tahuu isaati.

MM Abiy Ahimad yoo hirmaatan marii jalqabaa sadarkaa duree biyyootaan taasifame ta'uf deema.

Itoophiyaafi Somaaliyaan erga muddama seenanii waggaa guutuuf yoo ta'u, muddama kana furuuf carraaqqiin irra deddeebiin kana dura taasifame hin milkoofne.

Kana dura marii marsaa lamaan Turkiin qopheessite irratti kanneen hirmaatan ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaaniiti.

"Mariin marsaa sadaffaan Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa jaarsummaa Turkiin taasifamu itti fufa "jechuun Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Somaaliyaa (SONNA) X irratti barreesse.

Finciltoota al-Qaayidaa waliin hidhata qaban loluuf loltoota kumaatamaan lakkaa'aman Somaaliyaa keessa kan qabdu Itoophiyaan, waliigaltee ulaa galaanaan walqabatee Somaaliyaa waliin muddama seente.

Waliigalteen bulchiinsa Somaalilaand Somaaliyaan akka qaama isheetti ilaaltu waliin taasifame naannichatti dhibdee uumeera.

Somaaliilaand bara1991 walabummaashee erga labsitee booda ofiin of bulchuufi hanga tokko nagaaf tasgabbii qabaattullee beekamtii idil-addunyaa argachuuf rakkachaa jirti.

Mootummaan Somaaliyaa kan Moqaadishoo buufate walabummaa Somaaliilaand jabeessee morma.

Walitti bu'iinsa kana hordofee Somaaliyaan waraanni Itoophiyaa al-Shabaab loluuf Somaaliyaatti ergame akka bahu gaafatte.

Bakka sanammoo loltootni Masrii ergama deeggarsa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa haaraa jalatti bakka buufamu malu, akka gabaasonni jedhanitti.

Itoophiyaa fi Masriin kan waggootaaf ijaarsa hidhaa laga Abbayyaa irratti waldhabaa turan.

Eertiraanis gara Somaliyaa goruun Masrii waliin tumsa ijaarrataniiru.

Biyyi Itoophiyaa fi Masrii waliin hariiroo gaarii qabdu Turkiin ammoo waldhabdee kana furuuf mariin marsii lamaan gaggeeffameera.

Kana amma kun amma yeroo sadaffaafi.

Biyyootni Afrikaa Bahaa akka Keeniyaafi Ugaandaan araarri akka bu'uuf yaalii akka taasisan ibsaniiru.

Carraaqqii Keeniyaafi Ugaandaa Itoophiyaan akka simattu dhihoo gabaafamuun ni yaadatama.