Somaaliyaan Jubaalaand keessatti 'gidduseentummaan' Itoophiyaa himatte

Somaaliyaan Naannoo Jubaalaand tibbana mootummaa federaalaa waliin hariiroo qabdu adda kutuu labsite keessatti loltoota Itoophiyaa badiin himatte.

Ministirri Odeeffannoo, Aadaafi Turizimii Somaaliyaa ibsa baasen loltooti Itoophiyaa naannoo Jubaalaand keessatti gosoota walitti buusuuf sosso'an jechuun himateera.

Himannaa guyyaa Jimaataa dhagahame kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti ammatti jedhame hin jiru.

Naannoon Jubaalaand Itoophiyaa kan daangessitu yoo ta'u waraanni Itoophiyaa al-Shabaab loluu bobba'es keessatti argama.

Akka xinxalaan kana dura BBC'n dubbise jedhetti, bulchiinsi Geedoo Jubaalaand keessa argamtu waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa akka turu kanneen barbaadan keessaati.

Biyyoonni lamaan keessumaa erga Itoophiyaan waggaa dura bulchiinsa Somaalilaand walii waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessite booda wal dhabaniiru.

Naannolee Somaaliyaa shan keessaa tokko kan taate Jubaalaand, torban darbe mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin hariiroo adda kuteera jetteetti.

Kunis, erga filannoo Pirezidantii taasifameen bulchaan naannichaa marsaa sadaffaaf filataman boodadha.

Mootummaa federaalaa Somaaliyaa jijjiirama sirna filannoo taasisuuf yaadus, bulchaan Jubaalaand garuu kana hin fudhanne.

Bulchaan Naannoo Jubaalaand, Ahimad Mohaammad Islaam (gara caalu Maadobeen beekamu) filannoo miseensonni Parlaamaa taasisaniin filatamaniiru.

Aangawoonni Somaaliyaa immoo kanatti hin gammanne.

Eegasiis manni murtii Benaadir Moqadiishuu argamu Pirezidantii Jubaalaand Ahimad Maadobeerratti ajaja hidhaa baase.

Boodarratti manni murtii Jubaalaandis akkasuma Pirezidantii Somaaliyaa irratti ajaja hidhaa baasuutu gabaafame.

Mootummaan Somaliyaa Itoophiyaan tokkummaa fi walabummaa kiyya sarbuun, Naannoo Jubaalaand naannawa Geedoo jedhamu keessatti walitti bu'insa gosaa kakaasuf sosso'e jechuun himateera.

Ibsi bahe guyyaa Jimaataa ganama loltoonni Itoophiyaa Dooloo bakka jedhamurraa gara bulchiinsa Bulohawoo [Balad Hawoo] seenuu eeruun, loltoonni Somaaliyaa fi jiraattoonni naannoo ''sochiisaanii danqaniiru'' jedhe.

BBC'n waan mudate jiraattotarraa odeeffachuu hin dandeenye.

Somaaliyaan ollummaa gaarii Itoophiyaa otoo barbaadduu, mootummaan Itoophiyaan garuu walabummaa Somaaliyaa sarbaa jira jedha ibsi bahe.

Tarkaanfiin Itoophiyaan raawwatte jedhe Somaaliyaa keessatti walitti bu'iinsa haaraa kakaasa jedhee himata mootummaan Somaaliyaa.

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa argachuuf dandeessisu akka biyya walabaatti kan of waamtu Somaalilaand wajjiin erga mallatteessite asitti muddamni biyyoota lamaan hin furamne.

Himannaan akkanaa keessumaa gara caalu gama Somaaliyaatii irra deddeebiin dhagahamaa jira.

Biyyoota lamaan araarsuuf kana dura Turkiin tattaaffii taasistuus carraaqqiin araara buusuu ija hin godhanne.

Waliigalteen ulaa galaanaa akka adda citu kan barbaaddu Somaaliyaan, akka araarri hin buune kan danqitu Itoophiyaadha jechuun himatti.

Ministirri Muummee Abiy immoo Itoophiyaan karaa nagaan ulaa galaanaa barbaaduu itti fufti jechuun dhiheenya dubbataniiru.

Booda kana Keeniyaafi Ugaandaan Itoophiyaafi Somaaliyaa araarsuuf akka jedhan ibsaniiru.

Sochii isaanii kanas Itoophiyaan akka simattu gabaafamuun isaa ni yaadatama.

Waa'ee Jubaalaand

Naannolee Somaaliyaa shan hamma tokko of bulchan keessaa tokko Jubaalaandidha. Gama Kibbaan Itoophiyaa daangessiti.

Naannolee Somaaliyaa lama waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa akka hin baane morman keessaa tokko Jubaalaandidha.

Jubaalaand Somaaliyaa keessa lafa badhaatuufi tarsiimawaa jedhamti.

''Guuboo soorataadhas. Oomishaaleen qonnaa gara caalu achii dhufu,'' jedhu xiinxalaan Somaaliyaa beekan.

Itoophiyaafi Keeniyaan Jubaalaand keessaa loltoota baay'ee qabu. Bulchiinsa kana akka maandhee farra al-Shabaab itti fayyadamu.

Naannoleen Somaaliyaa biroo Puntilaand, bulchiinsa Kibba-lixa (South-west state), Hirshabalee fi Gaalmudug jedhamu. Mootummaan federaalaa immoo Moqadiishuu buufate.

''Puntilaand fi Jubaalaand erga yeroo dhihootii mootummaa Somaaliyaa cimsanii mormaa jiru.

''Bulchiinsa Saawuz-west ittimmoo sababa loltooti Masrii bobbaafamu malu jedhuun muddamni jira.

''Gaalmudug fi Hirshaballee mootummaa federaalaa waliin rakkoo hin qaban,'' jedhu xiinxalaan.